Rakkoolee ijaarsa pirojektotaa irratti mul’ataniifi kallattii furmaataa

Akka naannoo Oromiyaattis ta’e Itoophiyaatti ijaarsi pirojektoota adda addaa qulqullinaafi yeroo qabameef keessatti xumuramanii tajaajilaaf ooluu dhabuun rakkoo ummata biratti komii guddaa eemee jiruudha. Pirojektoonni adda addaa akka ijaaramaniif dhagaan bu’uuraa isaanii kaa’ammes utuu hojii ijaarsa isaanii hinjalqabammin kan waggoota lakkoofsisaniifi dhagaan bu’uuraa kaa’ame kan iddoodhaa bade tokkoo lama miti.

Ijaarsi pirojektootaa jalqabamanii karaatti hafaniifi kan irraanfatamanis hedduudha. Ummatni dur yeroo dhagaan bu’uura pirojektoota adda addaa kaa’amu gammachuu guddaa qabu  yeroo ammaa miirri gammachuu keessatti du’ee abdii waan kutate fakkaata. Ummatni yeroo ammaa ijaarsi pirojektootaa adda addaa yeroofi qulqullina barbaachisuun hojjetamanii xumuramu amantaa jedhu hinqabu. 

Sababni isaas ijaarsi pirojektoota hedduun ni jalqabu jedhamanii utuu hinjalqabamin kan hafan, jalqabamanii utuu hinxumuramin kan  hafan yookiin waggoota dheeraa lakkoofsisaniifi erga xumuramanii booda ammoo hanqina qulqullinaa dhabuudhaan tajaajila gahaa kan hin kennine waan baayyataniifi.

Mootummaa Naannoo Oromiyaatti, Ittaanaan Odiitara Muummee Obbo Amantee Machaaluu gaaf deebii Wiixata darabe gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, manni hojichaa ji’oota saglan darban odiitii  raawwii hojii pirojektootaa irratti geggeesseen, pirojektooni hedduun qulqullinaafi si’aayina barbaadamuun hojjetamanii xumuramanii tajaajilaaf oolaa hinjiran. Pirojektoonni qarshii guddaan itti bahe hedduun isaanii qulqullinaafi saffisa barbaadamuun hojjetamanii tajaajilaaf oolchuu irratti hanqina adda addaa kan qaban ta’uu himu.

Akka argannoo odiitichaatti pirojektiin tokko qorannoo adda addaa darbuu dhabuun, dizaayiniin pirojektichaa sirriitti qophaa’uu dhabuudhaan bajata pirojektichaa ramaduu irratti rakkoon uumamuun, caalbaasii baasanii kontiraaktaroota ulaagaa taa’een dorgomsiisanii dabarsuu irratti rakkoo guddaatu mul’ata. Akkasumas waliigalteen kontiraaktaroota waliin taasifamu guutuu ta’uu dhabuufi hordoffiifi to’annoon ijaarsa pirojektootaa irratti taasifamu laafaa ta’uufi hanqinni qulqullinaafi duubatti harkifannaan rakkoolee gurguddoo ijaarsa pirojektoota adda addaa irratti mul’ataniidha.

Rakkoolee ijaarsa pirojektootaa irratti mul’atan kunneen furuudhaaf utuu ijaarsa pirojektii tokkoo hinjalqabin dura qorannoo adda addaa taasisuun, diizaayinii isaa sirriitti qopheessuun, bakka pirojektichi itti hojjetamu filachuun, bajata gahaa ramaduufiin, caalbaasii sirriin kontiraaktaroota dorgomsiisanii dabarsuufi waliigaltee guutuu taasisuun, raawwiin ijaarsa pirojektichaa qulqullinaafi si’aayina barbaadameen deemaa jiraachuu hordofuufi to’achuun barbaachisaadha akka argannoon odiitichaa ibsutti.

Pirojektiin tokko dizaayenii hinqabu taanaan akka mana safara malee ijaaramuuti. Mana safara malee ijaaramuuf bajata sirrii baasuunbaasuun hindanda’amu; qulqullinni isaas hinbeekamau. Waliigalteen kontiraaktera waliin taasifamus guutuu,  kan gaafachiisuufi ijaarsi pirojektichaa guyyaa meeqa keessatti xumuramuu akka qabus ifatti taa’uu qaba. Ijaarsi pirojektichaa qulqullina akkamiitiin hojjetee xumuruu akka qabus waliigaltecha irratti sirriitti ibsamuu qaba. Ulaagaaleen ijaarsa pirojektichaaf  barbaachisan hundi waliigaltecha irratti sirriitti ibsamuu qabu. Ulaagaaleen kunneen guutamuu baannaan kontiraaktarichi hojicha yoo addaan kutellee gaafachuun rakkisaadha.

Hawaasa naannawaa ijaarsi pirojektichaa itti adeemsifamu waliin marii taasisuufi gahee inni ijaarsa pirojektichaa milkeessuu keessatti qabu hubachiisuun barbaachisaadha. Bakki ijaarsi pirojektichaa itti geggeeffamu maaliif akka filatames hawaasaaf ibsuun barbaachisaadha. Kun hawaasni pirojektichaaf ilaalcha gaarii akka qabaatuufi ijaarsasaa akka deggeru taasisuuf gargaara akka argannoon odiitichaa jedhutti.

Hordoffiifi to’annoo raawwii ijaarsa pirojektootaa irrattis rakkoo mul’atu furuuf qaamni pirojekticha kenne qulqullinaafi si’aayina barbaadamuun hojjetamaa jiraachuufi dhabuu isaa hordofuufi rakkoolee mul’ataniif kallattii furmaataa kaa’uun barbaachisaadha. Pirojektoota kontiraaktarootatti darbatanii kennanii biraa deebi’uun sirrii akka hintaanes argannoo odiitichaa ibseera.

Walumaagalatti, ijaarsi pirojektootaa duubatti harkifachuun komii biratti komii guddaa uumuurra darbanii bajata mootummaa miiliyoonaafi biiliyoonaan lakkaa’aman qisaasessaa waan jiraniif rakkoolee gama kanaan jiran furuu irratti xiyyeeffatamee hojjetamuu qaba.

Natsaannat Taaddasaatiin

Bariisaa Waxabajjii 15 bara 2011

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *