Qaqqabummaa Bariisaarratti haa hojjetamu

Tattaaffii baroota dura Afaan Oromoo guddisuuf taasifame keessaa tokko gaazexaa Afaan Oromootiin maxxanfamu qabaachuudha. Kanaafis waggaa 42 dura maxxanfamuu kan eegale Gaazexaan Bariisaa adda durummaan eerama.

Dhugaa dubbachuuf gaazexaan Bariisaa ummanni Oromoo sochiilee siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa keessatti shoorasaa akka bahatu gochuu keessatti guddaa gumaacheera. Guddina aadaafi Afaan Oromoo keessatti akka galmee jechootaatti fayyadaa tureera, jiras.

Gaazexaa Bariisaa maxxansiisuun kan jalqabame haala rakkisaafi dhiphaa keessatti ta’ullee namoonni quuqama, beekumsaafi  kennaa keessoosaanii jiru akka irratti obbaafataniifi baasaniif keessumaa bara jahaatamoota keessaafi isaa as riqicha cimaa ta’ee tajaajiluun Oromoo fiixee garanaa garasii jiru walitti dhiyeessaa tureera.

Sochii kana keessatti sabboontota Oromoo kanneen akka Piroofesar Mahdii Muudee (Abbaa Bariisaa), Obbo Lammeessaa Boruu, Piroofesar Kuwee Kumsaa, Obbo Ibrahim Hajii Aliifi Obbo Immiruu Angoseefaan adda durummaan eeramu.

Gaazexaa seena qabeetti bara dhufaa darbaa ulee hacuuccaa namoota ilaalcha gaarii hinqabneetiin reebamaa turtee as geesse kana haala madaaluun qabiyyee, raabsaafi dizaayiniisaarratti xiyyeeffannaan hojjechuun daran murteessaadha.

Durumaa qabee dabni raabsa Gaazexaa Bariisaarratti raawwatamaa ture cimaa waan ta’eef gaazexichi magaalota Afaan Oromoo bal’inaan ittidubbatamu kanneen akka Asallaa, Naqamtee, Harar, Jimmaafi Gobbaafa’itti habbaa (koppii) shan ergaa, faallaa kanaan magaalota kaanitti hanga habbaan 50 ergamaa akka tureedha seenaan kan ibsu.

Har’a wayita Afaan Oromoo Oromiyaatti afaan hojiifi barnootaa darbees qo’annoofi qorannoo ta’ee tajaajilaa jiru kanatti akkasumas Amaariffa wajjin afaan hojii mootummaa federaalaa akka ta’uuf fedhiin mul’ataa jiru kanatti dubbataa afaanichaafi dhaloota afaansaatiin baratee bahaa jiru jiddugala godhatee akka raabsamuuf irratti hojjetamuu qaba.

Odeeffannoowwan adda addaarraa hubachuun akka danda’amutti ammaan tana Gaazexaan Bariisaa habbaa kuma sagaliifi 200 qofti torbanitti al tokko maxxanfamee bahuun baay’ina ummata Oromoofi saboota biroo afaanichatti fayyadamaa jiran kan madaalu waan hintaaneef ammas dhimma daran ittiyaadamuu qabuudha.

Kanaaf ammoo caasaaleen mootummaa sadarkaa sadarkaan jiran Gaazexaa Afaan Oromootiin akka biyyaalessaatti qaban kana ummata biraan gahuurratti dhimmamanii hojjechuun irraa eegama.

Dhaloonni kun dubbisaa miti, miidiyaalee hawaasummaatiin liqimfameeraafi kkf jennee komachuurra gaazexaa Bariisaas ta’e kanneen biroo hayyootaan itti dhimmamanii madaalliisaanii eeggatanii qophaa’an hawaasa bal’aa biraan gahuurratti qaama dhimmi ilaallatu wajjin dhiyeenyaan hojjechuu qabu.

Caasaaleen mootummaa raabsa gaazexaa kana dargaggootaaf akka carraa hojii uumuuttis ittifayyadamuu qabu. Kanaanis dargaggoota gurmeessanii, bakka ittidubbafamee sochii mootummaafi hawaasni biyya keessaas ta’e addunyaa taasisaa jiran dhiyeenyatti akka hubatu gochuu akka qooda hojii idileesaaniitti fudhatanii hojjechuu qabu.

Ammaan tana Gaazexaan Bariisaa torbanitti al tokko maxxanfamu karaa mana poostaa ergamuun otoo bakka itti ergame hinqaqqabiin hanga ji’a tokkoofi isaa ol waan turuuf haala raabsasaarratti xiyyeeffannaan hojjechuu barbaachisa.

Fakkeenyaaf Magaalaa Sabbataa Finfinneerraa kiiloo meetira 25 qofa fagaattee argamtu Bariisaa karaa mana poostaa ergamee kan qaqqabu ji’a tokko booda ta’uudha dhugaan jiru kan agarsiisu. Kan magaalota biroos kanarraa akka hinfagaanneedha odeeffannoon dhiyeenya arganne kan hubachiisu. Faallaa kanaatiin gaazexoonni karaa tajaajila geejibaatiin raabsaman guyyaa tokkotti jiraachuun waan hubatameef qabiyyeesaas fooyyessaa qaqqabdummaasaarratti haa hojjetamuun dhaamsa kooti.

Jiruu Qananiitiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 8/2011

Recommended For You

One Comment to “Qaqqabummaa Bariisaarratti haa hojjetamu”

  1. Pingback: mushrooms clipart

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *