Dhabiinsa deggarsa ogummaafi gabaarratti komii qonnaan bultoota Madda Walaabuu

Sababa deeggarsa ogeessa fayyaa dhabaniifi dhabamuu gabaatiin miidhamaa jiraachuu Godina Baaleetti qonnaan bultootni Aanaa Mdda Walaabuu komatan.

Gammoojjii Madda Walaabuutti pirojektiin jallisii isaaniif ijaarameen kuduraafi mudura omishaa jiraachuu kan himan qonnaan bultootni kunniin, tanaan dura loon horsiisuu malee ogummaa jallisiis ta’e kan qonnaa waan hinqabneef deeggarsa ogeessa qonnaa argachaa kan hinjirre ta’uu dubbatu.

Aanaa Madda Walaabuutti jiraataa ganda Qacaa kan ta’an Obbo Xaahir Abdullaahii yaada nuu kennaniin, pirojektiin jallisii waggoota afur dura dhaabbata mitmootummaa ‘IFAD’ jedhamuun isaaniif ijaaramuu himanii, sababa hubannoon dursee hinuumamneef garuu omisha kan eegalan waggaa lama booda ta’uu ibsaniiru.

Hawaasa horsiisee bulaa ture osoo leenjiifi hubannoo hinkenniiniif gara hojiitti galchuun faayidaa barbaadamu kan hinfidde ta’uufi keessumaa haala omishaafi qophii ooyruu irratti deeggarsi ogeessa qonnaa dhabamuusaatiin omisharratti dhiibbaa uumaa jiraachuu dubbatu.
Haa ta’uu malee ammaan tana qonnaan bultootuma muuxannoo qaban irraa ilaaluudhaan hojii jallisii keessa galanii jiruusaanii fooyyeffataa jiraachuu ibsu.

Waggaa keessatti ogeessi qonnaa kan dhufee oyriisaanii daaw’atu al lama qofa ta’uusaatiin omishni hamma barbaadamu argamaa waan hinjirreef rakkoon kun furamnaan horsiisee bultootni danuun gara misooma jallisiitti galuuf qophaa’aa jiraachuu Obbo Xaahir ni himu.

Dhiheenyuma kanallee timaatima konkolaataa ‘FSR’ jedhamu sadiin gara magaalaa Nageellee geessanii gabaan dhabamee gatanii galuusaanii kan himan immoo qonnaan bulaan ganda Hora Korraa, Obbo Abdulqaadir Huseen, laftisaanii omisha gaarii kennaa jiraatus rakkoo gabaatiin kisaaraa keessa galuusaanii dubbatu.

Ammaan tana gatiin timaatimii daran gadaanaa ta’uusaatiin hanga Negeelleefi Roobeetti geessanii kiiloo tokko qarshii sadii qofatti gurgurachaa jiraachuusaaniifi kun immoo gatii konkolaataa irraayyuu waan hinhafneef bu’aan argatan akka hinjirre ibsu.

Jallisii achitti isaanii ijaaruun jireenyasaaniitiif heddu barbaachisaa ta’us, qaamotni mootummaa garuu rakkoo ogeeyyota qonnaafi gabaa furuufii waan hindandeenyeef qaamni dhimmichi ilaallatu hundi akka isaaniif birmatu gaafataniiru.


Ogeessi qonnaa aanichaa, Obbo Bashiir Muhaammad gamasaatiin, komiin qonnaan bultootaa sirrii ta’uu amananii, wirtuun ogeeyyota qonnaa ooyruu qonnaan bultoota kanneenii irraa kiiloomeetira 20 fagaachuunsaa immoo komii kanaaf sababa ta’uu dubbatu.

Bayyanaa Ibraahimiin

Timaatima ummatni magaalaa dhabe, qonnaan bultootni nama itti gurguratan dhaban

Recommended For You

One Comment to “Dhabiinsa deggarsa ogummaafi gabaarratti komii qonnaan bultoota Madda Walaabuu”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *