“Nagaa argame itti dhimmamanii eeguu barbaachisa” – Obbo Galaasaa Dilboo

Jijjiirama ammaan tana biyyattiitti mul’ataa jiru warri dhimmisaa ilaallatu marti itti dhimmamanii eeguu akka qaban Hayyudureen ABO Qaama Ce’umsaa gaafatan.

Hayyudureen addichaa, Obbo Galaasaa Dilboo ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, waan nagaa nagaa jedhameef qofa nagaafi tasgabbiin barbaadamu dhufuu waan hindandeenyeef qaamoleen hundi dhimma kanarratti cichanii hojjechuu qabu.
Miidhaadhaaf walbarbaaduun hafee karaa nagaatiin rakkoo jiru furachuun baratamuu akka qabu eeranii, eenyuyyuu yoo ta’e nagaaf jecha rakkoosaa karaa nagaatiin fixachuu akka qabu hubachiisaniiru.

Rakkoo mudate nagaadhaan furachuutti fuuleffachuun biyyaafis ta’e hariiroo ummatoota jidduu jiru cimsuuf qooda guddaa kan qabu ta’uus eeranii, ummanni gaaffiinsaa deebi’eef, rakkoonsaa furameef, waan wareegama guddaa isa gaafatutti deemuuf fedhii waan hinqabneef dhimmoota kanneenirratti xiyyeeffannaan hojjechuu barbaachisa jedhaniiru.
Guutummaan gaafdeebii kanaa fuula Siyaasaarratti dhihaateera.

Charinnat Hundeessaatiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *