Hunduu tiksee nageenyaa ta’uu qaba

Namni tokko ba’ee kan galu, daldalee kan buufatu, facaasee kan haammatu, hojjetee kan badhaadhu yoo nageeyi jiraateedha. Nama dhuunfaa qofa miti, biyyi tokko karoorfattee kan guddattu, jireenyaaf mijattuu kan taatu, dinagdeen kan badhaatu yoo nageenya qabaatteedha. Bakka nageenyi hinjirretti namnis ta’e biyyi bakka yaadan ga’uu hindanda’an.

Kanaafi duudhaaleen amantii nageenya kan faarsaniif. Amantiin Kiristaanaas ta’e Islaamummaa keessatti nageenyi bakka olaanaa qaba. Macaafni Qulqulluufi Qur’aanni Qulqulluun amantoonni nagaadhaan akka jiraatanif qajeelfamoota ka’aaniif qabu. Nagaadhaan akka jiraataniif waliisaanii akka jaalatan, kabajan, gargaaraniifi waan gaarii akka walii yaadaniifis amantootasaanii barsiifatu.

Akka aadaa Oromootti, gatii nagaan qabu hubachuun Oromoon yoo wal eebbisu “Bunaafi Nagaa hindhabiinaa” jedhee waleebbisa. Kana jechuun akkuma jireenya guyyuu keessatti bunni jiru nagaanis murteessaa ta’uu agarsiisuufi.

Bakka nageenyi hinjirre du’a, miidhama qaamaa, hiyyummaa, dhukkubaa, doofummaafi gadadootu jira. Ummannis yeroo hunda yaaddoo keessa jiraata; nyaatee buluunillee ulfaata ta’a. Daa’imman, dubartoonniifi maanguddoonni rakkinicha dandamachuu dadhabuun daran gadadamu. Dargaggoonnis yeroo hojjechuu qabanitti hojii dhabuun ittuu gocha hintaane keessa seenu.

Kanarraa ka’uuni egaa, hoggantoonni, jaarsoliin biyyaafi abbootiin amantii nageenyi biyyaa akka kabajamuuf yeroo yerootti waamicha kan taasisaniif. Dhiheenya kanas haala qabatamaa amma Itoophiyaa keessatti mul’ataa jirurraa ka’uun dhaabbileen amantii yeroo somaafi kadhannaa manneen amantii isaaniitti labsuudhaan amantoonni nageenya biyyaaf akka kadhatan waamicha dhiheessaniiru.

Labsii kana malees ayyaana Qillee sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan cinaatti, amantoonni nageenya eegsisuuf yoomiyyuu caalaa tattaafachuu akka qabaniifi qaamota nageenya booressuuf socho’an fuuldura dhaabbachuun gochasaaniirraa deebisuu akka qaban dhaamaniiru.

Keessumaa jalqabbii abdachiisaan biyyattiin amma irra jirtu akka hindukkanoofneefi duubatti hindeebineef yommuu ayyaanni kabajamu qofa osoo hintaane yeroo marayyuu amantoonni nageenyaaf eegduu ta’uu akka qaban abbootiin amantii ni gaafatu.

Barsiifatni Macaafaa Qulqulluu “Jallina gaarummaan mo’adhu malee jallinaan hinmo’amiin” akkuma jedhu, kiristaanni yommuu humnoonni jallinaa isa qoranillee filannoonsaa jaalalaafi araara barbaaduu qofa ta’uu kaasanii, kana raawwachuun jaalalaafi ajajummaa uumaasaaf qabu agarsiisuu akka qabu hubachiisu.

Walumaagalatti, nageenyi biyya tokkoof murteessaafi wabii jireenyaa ta’e kun kabajamuun dirqama. Kanammoo kan kabachiisu mootummaa qofa miti. Waamicha abbootii amantiifi jaarsolii biyyaatiin qofas nageenyi hindhufu. Hundumtuu bakka jiruutti ittigaafatamummaa fudhachuu qaba. Yoo nageenyi dhabame kallattiidhaan “nan miidhama” jechuun yoo dogoggara argellee callisee darbuu hinqabu.

Keessumaa dargaggoonni meeshaa jallootaafi hattootaa ta’uu hinqaban. Eenyuyyuu caalaa fuuldurarra hiriiruun tiksee nageenyaa ta’uu qabu.

 

Recommended For You

One Comment to “Hunduu tiksee nageenyaa ta’uu qaba”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *