Teknolojiin wanta dhoksaan fe’ame dubbisu karroota Finfinnee Shananirratti dhaabamuufi

Finfinnee: Daddabarsa meeshaalee waraanaafi daldalaa seeraan alaa Shaggar keessa darbee Finfinnee galu to’achuuf teknolojiin jalqabaa osoo fe’isni konkolaataarraa hinbu’iin sakatta’u hojiirra ooluuf ta’uun ibsame.

Ittigaafatamaan Waajjira Bulchiinsaafi Nageenyaa Magaalaa Shaggar Obbo Leejjisaa Jootee ibsa addatti Bariisaaf Kibxata darbe kennaniin daldala seeraan alaafi daddabarsa meeshaalee waraanaa Shaggarirraa gara Finfinneetti akkasumas alseerummaa Shaggar keessatti raawwatamu to’achuuf gargaaru hojiirra ooluuf akka jiru ibsaniiru.

Teknoloojicha akka fayyadamnuuf kan nudirqisiise sakatta’insa caasaa nageenyaa qabnuun taasisnuun alseerummaa salphaatti to’achuun ulfaataa ta’aa dhufuusaati jedhan.

Tarkaanfiin kun hordoffii caasaaleen nageenyaa alseerummaa dhabamsiisuuf taasisan kan saffisiisu, konkolachisaanis meeshaa seeraan alaa fe’ee yoo dhufe salpaatti kan irra gahu ta’uus eeraniiru.

Akka ibsasaniitti konkolataan tokko Shaggar keessaa cirracha fe’ee Finfinneetti galuuf yoo jedhu osoo fe’isicha hinbuusiin dhaabbiitti kaameeraa ammayyaa kanaan sakatta’uun wanti dhoksaan cirracha keessatti fe’ame iskiriiniidhaan mul’ata.

Bu’uuruma kanaan hojii alseeronni dhoksaan hojjetan keessumaa meeshalee waraanaa, omishaaleefi albuudota gara garaa salphumatti to’achuuf kan tajaajiluudha.

Hojiin hordoffiifi to’annoo alseerummaa daddabarsa meeshaalee waraanaafa’irratti taasifamu hojiirra oolmaa teknolojii kanaan kan maqfamu ta’uus Obbo Leejjisaan ibsaniiru.

Shaggar magaalaa miidhagduufi hawwattuu taate ijaaruu keessatti hojii alseerummaa farra nageenyaa ta’e dhabamsiisuun isa tokko jedhanii, teknolojichaaf qarshiin miliyoona 100 hojiirra ooluu kaasaniiru.

Ogeeyyonni teknolojicha tajaajilaaf oolchan mindeeffamanii hojiitti seenuullee ibsanii, sochii alseerummaa karroota Finifinnee shananiifi guutummaa magaalattiitti hojiirra akka oolus eeraniiru.

Teknolojiin waan dhoksaan fe’ame iskiriiniirratti mul’isu kun walta’insa Waajjira Bulchiinsaafi Nageenyaa Magaalaa Shaggar, Dhaabbata Artafishaal Intalajansiifi Bulchiinsaa Nageenya Marsariitii Odeeffannoon hojiirra oola jedhan.

Nageenyi Finfinnee nageenya shagagriin deeggarama kan jedhan Obbo Leejjisaan, hojiin alseerummaa karroota shananirratti mudatu lameeniifuu balaafamaa ta’uus ibsaniiru.

Yeroo ammaatti alseerummaafi hojmaata badaa saamicha lafaa, hannafi daddabarsa meeshaaleen walqabatee Shaggaritti mudatu guutummaatti teknolojii kaameeraan ‘CCTVn’ hordofuuf hojiin haalduree xumuramuu dubbataniiru.

Kaameeraa karroota shananirra dhaabachuun konkolaataa sakatta’ee waan dhoksaan fe’ame iskiriiniirratti mul’isu kana yeroo gabaabaa keessatti tajaajilaaf oolchuun alseerummaa maqsuuf qophaa’uus kaasaniiru.

Teknolojiin kun karroota Finfinnee Shanan, aanaalee 36fi kutaalee magaalaa 12n Shaggarirratti guutummaatti tajaajila kan kennu ta’uus eeranii, magaalaan Shaggariifi karroonni Finfinnee shanan caasaaleen nageenyaa magaalaa Shaggar milishaa kuma saddeet, gaachana sirnaa 67, 200fi humnoota nageenyaa federaalaafi poolisiin tikfamaa jiru jedhan.

Caasaalee kanneen cinatti ittifayyadamni teknoloojii kaameeraa ‘CCTV’ kun hojiirra ooluun sosochii humnoota badiifi finxaaleyyii to’achuuf haala mijataa uuma jedhameera.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 3 Bara 2016

Recommended For You