“Qamoleen qabsoo hidhannoo keessa jiran gaaffii qaban mariin furachuuf of qopheessuu qabu” -Obbo Leencoo Lataa

Finfinnee: Qaamoleen qabsoo hidhannoo keessa jiran gaaffii siyaasaa qaban marii biyyaalessaatiin furachuuf of qopheessuu akka qaban gameessi siyaasaa Obbo Leencoo Lataa ibsan. Goolabamuu taateewwan waraana Itoophiyaa kaabaatii as mul’ataa kan isaan yaaddesse ta’uus ibsaniiru.

Obbo Leencoon ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jehdanitti, qaamoleen qabsoo hidhannoo adeemsisaa jiran waldhabdee siyaasaa marii biyyaalessaatiin furachuuf qophaa’uu qabu. Waldhabbiin siyaasaa mariidhaan goolabamuu baannaan egereen biyyattii yaaddessaa ta’a.

Akka ibsasaaniitti, waldhabbii mootummaafi ABUTn walqabatee rakkoon nageenyaa naannoo Tigraay dhaabatus gara naannolee Amaaraafi Oromiyaatti babala’atee ture. Qaamni hidhatee naannoo Amaaraatti rakkoo nageenyaa uumaa tureefi jiru maal akka fedhuuf mootummaa akkammii akka dhaabuuf deemu wanti ifa ta’e jiraachuu baatus federeeshinii sabdaneessaa akka hinbarbaanne ifaadha.

Jalqabatti kaayyoon finxaaleyyii kanneenii ABUT dadhabsiisuufi caasaasaa diiguun caasaa ofii diriirfachuuf abjoochuudha. Haa ta’u malee, waliigaltee Piriitooriyaa mootummaafi ABUT gidduutti taasifameen abjuunsaa fashalaa’uun mootummaa aangoorraa buusuuf goolii uumuu eegaluu ibsaniiru.

Oromiyaattis murnoonni karaa seeraan alaa hidhatanii hidhatanii rakkoo uumaa jiran kaayyoonsaanii dhibbaa dhibbatti ifa ta’uu baatus rakkoo nageenyaa uumaa jiru. Waraanaaf aggaamuun ammaaf jabina hafakkaatus murnoonni kaayyoowwan garagaraa qabatanii socho’an gara boodaa walitti deebi’anii walwaraanuusaanii waan hinoolleef dhimmichi daran yaaddessaadha jedhan.

Akkuma murni naannoo Amaaraatti hidhatee rakkoo uumaa jiru federeeshinii sabdaneessaa hinbarbaadine, qaamni Oromiyaa keessaa hidhannoon socho’aa jirus federeeshinii sabdaneessaa ilaalchisee mormii qabaachuunsaa ifa ta’uu baatus kaayyoo walxaxaan murnoota kanneen lameenii biyyaafi mootummaatti danqaa uumeera jechuun ibsan.

Gareen tokko Itoophiyaan biyya umrii waggaa kuma sadii qabduudha jedha. Kanneen lakkii impaayera keessaa baanee biyya ijaarrannee dimokraasii ijaarra kan jedhaniifi Federeeshenii sabdaneessaa dimookiraatessinee keessa jiraanna jedhanis jiru. Siyaasni Itoophiyaa utubaawwan kunneenirra waan dhaabateef salphaatii furuun rakkisaadha jedhu.

Kanaafuu, murnoonni gaaffii siyaasaa qaban hundi marii biyyaalessaatiin furmaata argachuuf of qopheessuun barbaachisaa ta’uu dhaamaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 3 Bara 2016

Recommended For You