“Dargaggootni fandii liqii marmaartuutti sirnaan fayyadamaa hinjiran”

Rakkoolee hojii dhabdummaa dargaggootaa furuuf mootummaan Federaalaa bara 2009 fandii liqii marmaartuu dargaggootaa qarshii biliyoona 10 ramaduunsaa kan yaadatamuudha. Fandiin kun karaa Ministeera Maallaqaa naannoleef gadhiifamaa kan jiru yoo ta’u, Biiroon Misooma Intarpiraayiziifi Indastirii Oromiyaa qindoomina sektaroota biroo waliin adda durummaan raawwachiisaa jira. Raawwii hanga ammaa jiru ilaalchisee gaafdeebiin Gaazexaan Bariisaa Daarektara Karooraafi Bajataa biirichaa, Obbo Silashii Fufaa waliin tibbana taasise akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Bariisaa: Fandii liqii marmaartuu qarshii biliyoona 10 mootummaa federaalaatiin ramadame keessaa biliyoonni 8.46 naannoleef kennamuunsaa tibbana ibsameera. Kana keessaa Naannoo Oromiyaaf hangamtu ramadame?

Obbo Silashii: Mootummaan dargaggootaaf carraa hojii uumuuf bara 2009tti qarshii biliyoona 10 ramaduunsaa kan beekamuudha. Maallaqni kunis naannoleefi bulchiinsota magaalaa lameeniif haala baay’ina hojii dhabdootaatiin kan qoqqoodame yoo ta’u, Oromiyaaf qarshiin biliyoona 3.43 ramadamee hojiirra oolaa jira.

Bariisaa: Maallaqa kenname keessa hanga ammaatti hojiirra kan oole meeqa?

Obbo Silashii: Maallaqni kun sadarkaa sadarkaadhaan qoqqoodamuun hojiirra oolaa kan jiruudha. Kunis irraa jalaan karaa Waldaa Liqiifi Qusannaa Oromiyaafi dhaabbilee faayinaansii mootummaatiin kan gadilakkifamu yoo ta’u, dargaggootni ulaagaa guutanii liqicha fudhatan itti fayyadamaa turaniiru. Garuu haala barbaadamuun itti fayyadamaa waan hinturreef jireenya hojii barbaaddotaa jijjiiruu hindandeenye.

Bariisaa: Akka biyyaattis ta’e Oromiyaatti dargaggootni fandii liqii kanatti haalaan fayyadamoo akka hintaane ibsamaa jira. Sababni kanaa maali?

Obbo Silashii: Dhuguma dubbachuuf yoo ta’e fandii marmaartuu mootummaan ramadeefi baay’inni dargaggoota hojii barbaadanii baay’ee walgataadha. Kunis maallaqni akka walii galaatti gadhiifameefi fedhiin dargaggootaa kan wal hinsimne ta’uusaati.

Haa ta’u malee, maallaqa ramadame dargaggoota ulaagaa guutuun karoora daldalaa baafatan waliin ga’uuf godinaaleefi magaalota hundatti maallaqni jiru marsaa marsaadhaan akka gadhiifamu ta’eera. Garuu fedhiin jiruufi maallaqni ramadame walbira qabamee yoo ilaalamu hundi irraa fayyadameera ykn mara gammachiiseera jechuun rakkisaadha.

Bariisaa: Hanga ammaatti marsaa meeqaaf kenname?

Obbo Silashii: Maallaqni ramadame akkuma Ministeera Maallaqaarraa gadhiifameen bara 2009 irraa eegalee haala idileefi fandii liqii marmaartuutiin marsaa shaniif kennamaa ture. Baruma kana keessallee ji’oota darban keessatti qarshii miliyoona 360 kennuuf karoorfannee miliyoonni 37 kennameera. Fuuldurattis haaluma karoorfameen kennama.

Bariisaa: Fandii marmaartuu kanarraa dargaggoota hangamiitu fayyadame?

Obbo Silashii: Dargaggootni danuun fayyadamoo ta’aniiru. Barana ji’oota shanan darban qofatti dargaggootni ulaagaa barbaachisu hunda guuttachuun karoora daldalaa sirnaan qopheeffatan kuma lama ta’an fayyadamaniiru. Kunis maallaqni gadhiifame sirnaan hojiirra oolaa jiraachuu kan argisiisuudha.

Bariisaa: Fandii liqii marmaartuu mootummaa federaalaarraa kennameen ala bajanni mootummaa naannichaa hojii dhabdummaa dargaggootaa maqsuuf addatti ramade jiraa?

Obbo Silashii: Eeyyee. Fandii liqii marmaartuu malee bara 2009 addatti qarshii biliyoona tokko ramaduun dargaggoota bira akka gahu taasifameera. Gama kanaanis dargaggootni hanga tokko jireenyasaanii fooyyeffatan ni jiru.

Bariisaa: Hubannoon fandii liqii marmaartuurratti jiru gadaanaa akka ta’etu himama. Maallaqni kennamu akka waan kan ummataa hintaaneetti ilaalamaa waan jiruuf gariin dargaggootaa deebisuuf fedhii hinqabani. Gama kanaan waanti isin mudate jiraa?

Obbo Silashii: Nuti gama keenyaan qorannoo raawwii karooraafi sirna hordoffiifi kenniisa deggarsaa taasisnuun dhimma kana gadi buunee wayita ilaallu, sadarkaalee hundatti ilaalchota adda addaatu jiru.

Akkitti dargaggootni hubannoo argatanii liqii fudhachaa turan iddoowwan adda addaatti garaagarummaa qabaata. Fakkeenyaaf, bakkawwan tokko tokkotti ogeessotni xiyyeeffannoodhaan hojjechaa waan turaniif dargaggootni maallaqicha fudhatan sirnaan itti fayyadamanii liqii fudhatan deebisan ni jiru. Iddoowwan baay’eetti garuu hubannoo dhabuurraa kan ka’e liqii fudhatan deebisuurratti rincicuun ni mul’ata.

Darbee darbees liqii kenname akka kennaatti ilaaluun kanneen bu’aa tokko malee rakkoof saaxilaman ni jiru. Kanneen liqicha fudhatanii badanis ni jiru.

Dargaggoonni maallaqa fudhatan otoo hojiirra hinoolchiin badan hedduudha. Fakkeenyaaf, Magaalaa Asallaatti dargaggootni intarpiraayizoota 14 keessatti gurmaa’anii qarshii miliyoona 38 liqeeffatanii achi buuteensaanii dhabameera. Haalonni akkanaa akeeka fandichaarrratti dhiibbaa guddaa waanuuf sirreessuuf hojjetamaa jira.

Bariisaa: Dargaggootni intarpiraayizotaan gurmaa’an hangam of jijjiiraniiru?

Obbo Silashii: Intarpiraayiziin amalumasaatiin wayita hundeeffamu kan milkaa’ee bahu ni jira; kan hinmilkoofnes hindhabamu. Waggoota 20 darbanitti dargaggootni misooma intarpiraayizii xixiqqaatiin ijaaramanii hojjechuun qabeenya horatan hedduudha. Erguma fandiin liqii marmaartuu kennamuu eegalellee kanneen jiruufi jireenyasaanii fooyyeffatan ni jiru.

Bariisaa: Fandiin liqii marmaartuu kun haala kamiin deebi’a?

Obbo Silashii: Fudhannaas ta’e haalli deebii maallaqa fandii liqii kanaa qajeelfama mataasaa qaba. Dargaggootni maallaqicha liqeeffatan marti qusachuufillee dirqama qabu.

Bariisaa: Liqicha deebisuuf yeroo hangamiitu kennama?

Obbo Silashii: Kunis qajeelfama kan qabu yoo ta’u, waggaa waggaadhaan adda qoodameera. Kunimmoo sektaraa sektaratti garaagarummaa qabaatus hojmaatni kanaaf diriire caalaatti walfakkaata. Hubannoon dargagoonni qajeelfamaafi hojmaata liqii fandichaarratti qaban garuu daran gadaanaadha.

Bariisaa: Fandii liqii marmaartuu kanarraa sirnaan fayyadamuuf dargaggootni maal gochuu qabu?

Obbo Silashii: Dhugaa dubbachuuf dargaggootni baay’een maallaqni kun kan ummataa ta’uu hinhubanne. Kanaaf, dursa maallaqni kun eessaa akka dhufeefi maaliif akka kennamu ykn ramadamu hubachuu qabu. Maallaqa bajata ummataarraa ramadame kana fudhatee erga ittiin of jijjiiree booda kanneen biroo akka itti fayyadamaniif deebisuu qabu. Hawaasnis kana hubachuun dargaggoota dedggaruu qaba.

Bariisaa: Hojii kana milkeessuu keessatti rakkoon isin mudate jiraa?

Obbo Silashii: Rakkoon nageenyaa ture haalota hunda wajjin waan walqabatuuf keessumaa fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuurratti haalli mijataan hinturre. Ta’us bu’aan haaluma kana keessatti galmaa’e laayyoo miti.

Bariisaa: Xiyyeeffannoon gara fuulduraa maali?

Obbo Silashii: Hojiilee gama kanaan jiran milkeessuuf kallattiiwwan dhahaman jiru. Caasaa haaraa diriirfame kanaan ammoo si’eessuuf ciminaan hojjetama. Keessumaa hubannoo dargaggootaa gabbisuu, galmeessaafi calalliirratti, akkasumas komiiwwan ka’aa turan maqsuuf xiyyeeffannaa hojjetama. Qaamoleen dhimmi ilaallatus tumsa barbaachisu gochuu qabu.

Bariisaa: Ibsa nuu kennitaniif ni galateeffanna!
Obbo Silashii: Anis nan galateeffadha!

Takkaalliny Gabayyootiin

Recommended For You

One Comment to ““Dargaggootni fandii liqii marmaartuutti sirnaan fayyadamaa hinjiran””

  1. Pingback: click this site

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *