Ayyaanni Qillee nageenyaaf dursa kennuun akka kabajamu gaafatame

Guyyaa Dhaloota Yasuus Kiristoos Wiixata dhufu kabajamu ilaalchisuun abbootiin amantii ergaa baga geessanii dabarsaniiru. Abbootiin amantii kunneenis hordoftonni amantii kiristaanaa ayyaanicha wayita kabajan hunda dura nageenyaaf dursa kennuu akka qaban dhaamaniiru.Paatiriyaarkiin Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa Abuna Maatiyaas ergaa dabarsaniin, hordoftoonni amantii kiristaanaa ayyaana Qillee kabajuu cinatti nagaa biyyattii bakkatti deebisuufis tumsuu akka qaban gaafataniiru.

Rakkoo nageenyaa akka biyyaatti mudachaa jiruun lammiileen qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqa’uurra darbanii lubbuusaanii dhabaa akka jiran kaasanii, rakkoon kun akka furamuuf amantoonni soomaafi kadhataan araara buusuufis tumsa barbaachisu taasisuu akka qaban dhaamaniiru. Dabalataanis, akkaataa wangeelli ajajuun sanyiidhaan osoo walhinqoodiin miira jaalalaafi waldanda’uu gabbifachuu qabu jedhaniiru.

Amantoonni kabaja ayyaana Qillee kanarratti namoota harka qal’eeyyiifi qe’eef qabeenyasaaniirraa buqqa’an kan qabaniin akka deggaranis gaafataniiru.

Pirezdaantiin Waldaa Warra Wangeelaa Makaana Yasuus Luba Yonaas Yiggazuu ergaa baga geessanii dabarsaniin akka jedhanitti, guyyaa Yasuus itti dhalate ‘halkan nagaa’ kan jedhamtu yoo ta’u, guyyaa nageenyi, abdiin, kakuuniifi araarri itti bu’eedha. Kanaaf amantoonni guyyaa dhalootaa kana wayita kabajan wajjummaa, jaalalaafi araara Yasuusiin yaadachuun ta’uu qaba.
Kana malees, wayita guyyicha kabajan duudhaalee kiristaanummaa kan ta’an waljaalachuu, walkabajuu, waliidhiisuufi gaarii walii yaaduu eeguun ta’uu akka qabu eeranii, yoo kana ta’e namni dhuunfaa, maatiifi biyyi eebbaafi nagaa qabaatu jedhaniiru.

Yeroo ammaa Itoophiyaan jijjiirama abdachiisaa keessa kan jirtu ta’us, qaamoleen muraasni sababoota xixiqqoo funaanuudhaan abdii kana dukkaneessuuf socho’aa akka jiran kaasanii, kiristaanonni gochaa akkanaa balaaleeffachuu akka qabaniifi gorsawwan akkasumas, qajeelfamoota hoggantootaan kennaman hojiirra oolchuuf tattaafachuu akka qaban dhaamaniiru.

Kiristaanni nama nageenyaa ta’uun ala filannoo hinqabu kan jedhan Lubi Yoonaas, jallina qajeelummaa, jibba jaalalaan, lola nageenyaan jijjiiruun nageenya biyyaa mirkaneessuu keessatti adda durummaan dhaabbachuu akka qabu hubachiisaniiru.

Gama biraatiin, Phaaphaasiin Bataskaana Kaatolikii Itoophiyaa Kaardinaal Biraanayasuus Suraafeel ergaa baga geessanii wayita dabarsan akka jedhanitti, guyyaan dhalachuu Gooftaa Yasuus Kirsitoos wayita kabajamu akkuma sagaleensaa jedhutti waljaalachuufi walkabajuun ta’uu qaba; namoota jaalachuun Waaqayyoon jaallachuu waan ta’eef.

Kana malees nageenyi jireenya afuuraafis ta’e fooniitiif wabii ta’uusaatiin nama dhuunfaarraa kaasee hanga biyyaatti nageenyi akka eegamuuf dursi kennamuu akka qabu eeranii, namoonni tokko tokko garuu nageenya Kiristoos biyyattiif kenne dagatanii jeequmsaafi waldhabdeen akka babal’atu, lammileen akka buqqa’aniifi abdii kutatan yommuu taasisan mul’atu. Amantoonnis kana hubachuun qaamolee gocha kana raawwatan balaaleeffachuun sochii nageenya biyyaa mirkaneessuuf mootummaan taasisu cinaa hiriiruu akka qaban waamicha dhiheessaniiru.

Maatiinis ijoolleesaanii jaalalaafi walkabajuu barsiisuudhaan lammii gaarii oomishuu akka qaban kan yaadachiisan Kaardinaal Biraanayasuus, hordoftoonni amantichaa wayita ayyaanicha kabajan lammiilee dhukkubsataniifi rakkatan gaafachuufi jajjabeessuun ta’uu akka malu dhaamaniiru.

Pirezdaantiin Waldaa Gamtaa Warra Wangeelaa Itoophiyaa Paastar Tsaadiquu Abdoo gamasaaniin ergaa dabarsaniin, Guyyaan Dhaloota Yasuus Kirisoos yommuu kabajamu hunda caalaa nageenyaaf dursa kennuun ta’uu akka qabu eeranii, wanti nageenya booressu cubbuu ta’uusaatiin amantoonni kanarraa of qusachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Macaafa Qulqulluu keessatti jechi ‘Shaaloom’ (nageenya) jedhu si’a 429 barreeffamee jiraachuu kaasanii, kunimmoo ofumaa kan barreeffame osoo hintaane nageenyi hammam dhala namaafi biyyaaf barbaachisaa ta’uu kan mul’isuu ta’uusaatiin amantoonni bakka olaanaa itti kennuu akka qabaniif nageenyi akka kabajamu waan isaanirraa eegamu hunda taasisuu akka qaban dhaamaniiru.

Waasihuun Takileefi
Saamraawiit Girmaatiin

Recommended For You

One Comment to “Ayyaanni Qillee nageenyaaf dursa kennuun akka kabajamu gaafatame”

  1. Pingback: DevOps consulting

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *