Qabsoo Qeerroofi Paartiilee Siyaasaa Oromoo

ABOn biyyatti akka galu ODPnis aangoo sadarkaa biyya bulchuu irra akka ga’u kan taasise bu’aa qabsoo Qeerrooti. Qabsicha keessatti Qeerroon lubbuu isaa maaliiniyyuu hinmadaalamneefi hindeebine dhabeera; dhiiga isaas dhangalaseera; lafeen isaas cabeera. Qabsoofi wareegamni Qeerroo dhaaba siyaasaa tokko ykn ummata Oromoo qofaaf utuu hintaane injifannoo bilisummaa ummattoota Itoophiyaa hundaa kan mirkaneesseedha.

Haata’u malee walshakkiin yeroo ammaa dhaabbilee siyaasaa Oromoo keessumaa ABOfi ODP gidduutti mul’achaa jiru jijjiirama siyaasaa wareegamaa Qeerrootiin argame duubatti kan deebisuudha. Dhaabbiileen siyaasaa kunneen adda addummaa isaanii mariidhaan ykn ilaafi ilaameedhaan utuu furuu danda’anii walitti bu’uun isaanii sirrii miti.

Dhaabbileen siyaasaa kunneen bilisummaafi faayidaa ummataatiif kan dhaabbatan yoo ta’e adda addummaa yaadaafi siyaasa isaanii humna fayyadamuudhaan utuu hintaane mariidhaan furuutu isaan irraa eegama. Mootummaas ta’e dhaabni siyaasaa adda addummaa yaadaafi siyaasaa mariidhaan furuutti hin amanne bilisummaafi faayidaa ummataatiif kan dhaabbate miti.

Kaayyoon qabsoo Qeerroo inni guddaan mirgaafi bilisummaa ummata Oromoofi biyyattii maraa kabajchiisuuf malee dhaabni siyaasaa tokko olaantummaa akka qabaatuuf miti. Paartii siyaasaa kamiyyuu kan filatu ummata waan ta’eef ABOfi ODPn imaammataa siyaasaa fayyadamummaa uummata Oromoofi biyyattii mirkaneessan yeroo itti qopheeffatanii gara hojiitti seenuun filannoo biyyaalessaa bara 2012f kan itti of qopheessaniidha malee yeroo itti walitti bu’aniifi waraana wal irratti labsan miti.

Ammaan booda waraanni gama kamiin iyyuu adeemsifamu isa tokko mo’ataa isa kaan ammoo mo’amaa taasisu waan hinjirreef paartiileen siyaasaa lameen gara garummaa siyaasaafi yaadaa qaban mariidhaan furuu qabu. Hoggantoonni ABOs ta’e ODP humna waraanaatiin injifachuun imaammata siyaasaa yeroon itti darbe ta’uu hubatanii adda addummaafi rakkoo kamiyyuu mariidhaan furuu amananii fudhachuu qabu.

Kanneen aangoo irraa bu’an, mana sirreessaa keessaa ba’an, paartiileen siyaasaafi ummatni marti jijjiirama yeroo ammaa biyyattii keessatti mul’achaa jiru kana sirriitti qabuu qabna. Carraa kana akka hintaanetti ofirkaa baasuun injifannoo dhiigaafi wareegama lubbuu Qeerrootiin argame gatii dhabsiisuufi biyyattii dachee dhiigni itti dhangala’u taasisuudha jedhu Doktara Mararaa Guddinaa.

Waliigaltee biyyaalessaa uumuun hojii manaa hunda keenyaa ta’uu qaba kan jedhan Doktar Mararaan, kanaafuu hoggantoonniifi ummtni marti qindoominaan ofii keenyas ta’e biyyattii badiisa oolchuu qabna. Itoophiyaa dimokiraatofte ijaaruuf hundi keenya gahee nurraa eegamu bahachuu qabna jedhu.

Kanaafuu ABOfi ODPn adda addummaa yaadaafi siyaasaa isaan gidduu jiru abbootii Gadaafi, jaarsolii biyyaa waliin ta’uun mariidhaan akka furan dhaamsa dabarsina.

Recommended For You

2 Comments to “Qabsoo Qeerroofi Paartiilee Siyaasaa Oromoo”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *