Hattummaa misooma albuudaa Oromiyaa qoraa jiru

Hojiilee Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaaf kennaman keessaa qorannoo qabeenya albuudaawwanii geggeessuu, hayyama kennuufi hayyama kenname bulchuufaan ni eeramu. Abbaan taayitichaa, albuudota gati jabeeyyii (‘precious metals’) Oromiyaatti argaman kanneen akka warqii, imeraaldii, tantaalamiifaa sadarkaa federaalaatti hayyamni kennamuufis ni to’ata, ni hordofa.

Hirmaannaafi fayyadamummaa hawaasaa ni mirkaneessa. Akkasumas, omisha albuudaarraa galii mootummaa funaanuu, kiraa lafaa, adabbii, haaressa hayyamaa, carraa hojii uumuufi walumaagalatti hayyamoonni kennaman sirnaan raawwatamaa jiraachuusaanii akka hordofuudha daarektarri abbaa taayitichaa, Injiinar Yirdaawu Nagaash ibsa torban darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennanin kan eeran.

Hayyamoota akka albuudota ijaarsaafi industirii, dhagaa miidhagaa sadarkaansaanii xixiqqaa ta’e, albuuda gatii jabaa naannessuufaa ogganuunis gaheesaa ta’uu eeruun, hoji kanarratti qindoominni sadarkaalee aanaa, godinaafi federaalaa walsimee akka deemu gochuunis qooda abbaa taayitichaati jedhu.

Kenniinsi hayyamaa qaamolee adda addaatiin raawwatamuun qaawwa bal’aa uumuu kan eeran daarektarichi, keessumaa hayyamoonni sadarkaa federaalaatti kennaman damicha keessatti seeraan alummaa babal’isaa jiraachuu dubbatu. Kunis ejjennoo qaamoleen kunniin, “Federaalaan ogganamna malee naannoo, godinaafi aanaa hingalchu” jechuun agarsiisaniin kan ibsamu ta’uu eeru.

Galiifi carraa hojiitiin walqabatees, “Nuti, federaalaaf galchina, naannoorraa otoo hintaane qajeelfama federaalarraa fudhanneen itti deemna” kanneen jedhan mudachaa turuu himanii, ilaalchi akkanaa qaawwa guddaa waan uumeef qindoominaan sirreessinee hojmaata kenniinsa hayyamaa guutummaatti jijjiirreerra jedhu. Kanaansi warri hayyama sadarkaa federaalaatti fudhatan galiisaanii nagayeedhaan abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaatti galchaa jiraachuu ibsaniiru.

Barana damichatti namoota kuma 81f carraa hojii uumuuf karoorfamee hojiitti galamuu kan eeran Injiinar Yirdaawu, albuudota xixiqqoo akkuma salphaatti omishamuu danda’an, kanneen akka laayim istooniifi cirrachafaarratti dargaggoonni ijaaramanii walitti hidhamiinsa gabaa mijeessaa jiraachuu himu.

Gama qorannootiinis Oromiyaa qabeenya albuudaatiin naannolee saglan keessaa sadarkaa tokkoffaarra jirtutti albuudni akkamii, eessatti akka argamu, akkamitti akka bulfamu waanti beekamu kan hinturre ta’uus dubbatanii, rakkoo guddaa kana raawwii hojii bara 2010 keessatti gadifageenyaan ilaaluun barana irratti hojjetaa jirra jedhan.

Kanaanis godinaalee 20tti qorannoon albuudaa geggeeffamaa jiraachuufi kanarrattis hundaa’uunis iddoon albuudawwan xixiqqoo addaan baafamee kanneen dargaggootaan hojjetamuu danda’an dargaggootaaf dabarsuun, kaan ammoo abbootii qabeenyaa irratti affeeruun hojjechaa jiraachuu daarektarichi beeksisaniiru.

“Ammaan tana misooma albuuda Oromiyaa qoraa kan jiru hattummaa guddaa damicha keessa jiruudha” kan jedhan Injiinar Yirdaawu, maddi kanaas hayyamoota sadarkaalee adda addaatti kannaman ta’uu dubbatu.

Hayyamoonni kunniin sirnaan bulfamaa waan hinjirreef faddaaltonni lafaati misooma damichaa rakkoof saaxilaa jiraachuu eeru. Maashinoota dhagaa daakan 400 caalan kanneen Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee keessa jiranillee haala qabatamaa amma jiruun sirnaan bulfamaa kan hinjirre ta’uu fakkeenyummaan kaasu.

Nagayee albuudaa gurgurtaa raawwachuu, nagayee foorjidiitti fayyadamuun keessumaa Godina Shawaa Bahaatti bal’inaan mul’ataa jiraachuu eeranii, iddoonitti kafaltoonni gibiraa caasaa mootummaa doorsisuudhaan gibirri akka hinfunaanme taasisan mudachuu dubbatu.
Harki baay’een misooma albuudaa keessa jiraachuun seeraan alummaa damicha keessa jiru hammeessuusaa kan dubbatan daarektarichi, kunis naanneessitoota wajjin kan walqabatu ta’uu himu.

Naannicha keessa naannessitoonni albuudaa 300 ol akka jiraniifi kanneen keessaa 200 ol hayyamoota Godina Gujii qofatti argaman jedhanii, kanaan dura namni kamuu dhufee hayyamicha fudhachaa turuu dubbatu.

Warqiin omishamu kallattiidhaan baankii biyyaalessaatiif dhiyaachaa akka hinjirre kan eeran Injiinar Yirdaawu, “Warqiin keessumaa imeeraaldiin akka salphaatti sakatta’iinsaan waan hinargamneef karaan seeraan alaa biyyaa bahaa jira” jedhan.

Godina Gujiitti aanaaleen, Sabbaa Booruu, Oddoo Shaakkisoofaan albuuda warqiifi imeeraaldiin daran badhaadhoo waan ta’aniif dhimma kanarratti bulchiinsa godinichaa wajjin mari’achuusaaniis himaniiru.

Abbaa taayitichi kurmaana darbetti warqii kiiloo giraama 58 omishanii gabaa addunyaatiif ykn baankii biyyaalessaatiif dhiyeessuuf karoorfatan keessaa raawwiin walakkaa gadi ta’uus himanii, kanaafis sababiin babal’achuu gabaa gurraachaa (balck market) ta’uu ibsaniiru.

Iddoowwan tokko tokkotti dargagoonni naannawaa “Albuunni kun kan keenyaa nutu omishaa bahaa” jechuunis invastarootarratti hudha uumaa jiraachuu daarektarichi beeksisanii, kanarrattis mootummaan hojjetaa akka jiru ibsaniiru. Kallattiin jiru abbootiin qabeenyaas fayyadamaa, hawaasni naannawaafi dargaggoonni akka fayyadaman taasisuudha jedhanii, meeshaaleen omisha albuudaatiif daran walxaxoo ta’aniif dargaggootaan akka geggeeffamu gochuun ni ulfaataa ta’uu ibsu.

Seeraan alummaa ittisuuf sakatta’iinsa geggeeffameen hayyamoota waggoota kudhan darbanitti kennaman keessaa hedduun kan abbaa hinqabne, hayyamni otoo hinhaaromsamiin waggaa shan ture, maqaa nama biyya alaa jiruutiin hayyamni bahee socho’aa turuufaan argamuusaa eeraniiru.

Sakatta’a hayyamoota 500 irratti geggeeffamee kanneen keessaa 85 haqamuu Injiinar Yirdaawu eeranii, kanneen haqaman kunniin kan abbaansaanii hinjirre, kan abbaan hayyamaa biyya keessa hinjirre, maqaa bakka bu’iinsaatiin faddaalaa harka kan ture, maqaa sheeriitiin qonnaan bulaan mooksaa kan turan, gibirafaa hinkanfalle, waligaltee kiraa fakkeessanii lafa gurguranii badanfaa ta’uu beeksisaniiru.

Daba misooma albuudaarratti raawwatamu dhabamsiisuuf kenniinsa hayyamaarratti sirreessuufi hirmaannaa hawaasaa guddisuuf akkasumas, mana marii albuudaa cimsuurratti hojjetamaa jiraaraachuu ibsaniiru.

Charinnat Hundeessaatiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *