Haala haasaafi hubannaasaa

Haasaa dhiheessuuf ramadamteetta haa jennu. Haasaan sii kenname walumatti wantoota tokko tokko kan ibsu ta’uu dandaʼa. Haasicha akka waltajjiif qophaa’e ta’utti dhiheessuun akkamitti danda’ama laata?

Wanta beekamaadha jettee yaadde sanatti odeeffannoo tokko ykn lama dabaluudhaan ykn fakkeenya haasaakee wajjin walsimu kennuudhaan, dhaggeeffattootaaf barumsa kennuufi fedhiisaanii kakaasuu dandeessa.

Haasaan dhiyaatu dhaggeeffattoota maraaf akka ta’utti kan itti qophaa’ame ta’uutu irra jiraata. Kaayyoon kee ibsuudhaa? amansiisuudhaa? soba ta’uusaa saaxiluudhaa? moo kakaasuudha? Ibsuun, odeeffannoo dabalataa dhiheessanii dhimma sana caalaatti ifa gochuu gaafata.

Dhugaan kun kan beekame ta’uyyuu, wanta jedhame sana yoomiifi akkamitti hojiirra oolchuun akka danda’amu ibsuun si barbaachisa ta’a. Amansiisuun, gaaffii wanti tokko maaliif ta’e jedhuuf ragaa dhiheessuudhaan deebii kennuu gaafata. Soba saaxiluun, ragaa gar lachaniin dhihaate sirriitti beekuufi yaada akka ragaatti dhihaate hubachuu gaafata.

Ragaa amansiisaa dhiheessuun barbaachisaa taʼus, dhugaa kana gaarummaadhaan dhiheessuu qabna. Kakaasuun, sammuusaanii tuquu gaafata. Kana jechuun, dhaggeeffattoota ykn hordoftoota kee jajjabeessuufi wanta dhaga’an hojiirra akka oolchan kakaasuu jechuudha. Muuxannoo namoota utuu rakkina keessa jiranii tarkaanfii akkasii fudhatanii dubbachuunis garaa dhaggeeffattootaa tuquuf gargaaruu dandaʼa.

Dhimma kanarratti kan dubbisne barsiisaan Yunivarsiitii Mattuu, (Kaadhimamaa Doktaraa) Buzaayyoo Dagafaa akka jedhaniiti, haasaan qondaalli mootummaas ta’e namni tokko taasisu kaayyoonsaa inni guddaan ergaa wayii dabarsee barsiisuufi hubachiisuudha.
Namni haasa’u kun ammoo hogganaa biyyaa, barsiisaa, nama dhuunfaa, haasaa namni tokko nama biraa (namoota biroo) wajjin taasisu ta’uu mala.

Keessumaa hoggantoonni biyyaafi waajjiraalee gara garaa keessumaa karaa miidiyaa oggaa haasa’an namoonni dhaggeeffatan hedduudha. Dhaggeeffataa kana keessa jaarsi, jaartiin, barataafi barsiisaan, kan barate kan hinbaranne, namoonni yaadota siyaasaafi amantiilee adda addaa qaban jiraachuu malu. Kanaaf namni haasa’u wantoota kanneen hunda xiyyeeffannaafi yaada keessa galcheeti haasa’u kan qabu.

Miidiyaaleenis yeroo hunda kan irratti xiyyeeffachuu qaban yaadota tokkummaa ummataa miidhan dhiyeessuurraa of eeguu qabu. Kun ga’eesaaniiti. Miidiyaaleen waantota tokkummaa ummataatti bu’an, waantota waliin jireenya ummattootaa, sabootaafi sablammootaa tuqan kamuurraayyuu of qusachuun irraa eegama.

Kana keessatti maaltu sirriidha, maaltus miti jedhanii adda baasanii dubbistoota, dhaggeeffattootaafi daaw’attootasaaniitiif dhiyeessuu akka dirqamaatti fudhachuu qabu.
Ummannis oggaa haasaa miidiyaalee kanneeniin dhiyaataaniif hordofu waan jedhame sana qalbii xiinxalliitiin hubatee ilaaluufi adda baasee fudhachuu, kaayyoo dubbichaas tasgabbiidhaan ilaaluu qaba. Hunda caalaa ammoo obsa qabaachuun dirqama ta’a. Sababiinsaas waan namni tokko dubbatu hundumti walfaana hubata jechuun waan hindanda’amneef of eeggannaa gochuun barbaachisaadha.

Biyya akka Itoophiyaa kana keessatti ammoo yeroo hedduu namni oggaa waa dubbatu gara hinmalletti dubbisuutu mul’ata. Waanuma gaarii dubbatame tokko namni biraa gara hintaanetti jallisuu danda’a, yoo fedhe ammoo gaariidha jedhee jajuu mala.
Kanaaf dhimmi guddaan biyya kana jeeqaa jiru ilaalcha siyaasaatiin adda adda ta’uun akka cubbuutti fudhatamuusaati. Garuu namni ilaalcha kamiinuu yoo adda adda ta’e dirqama waan na gammachiisu dubbata jedhamee eegamuu hinqabu. Waan sirrii gara hintaanetti jallisuunis sirrii miti.
Namni itti qophaa’es ta’u otoo itti hinqophaa’iin tasa haasaa gochuu ni danda’a. Garuu yaadni dhiyaate sun sirriidha ykn sirrii miti kan jedhamu namichi ykn hogganaan sun maal jedhe kan jedhu dhimma murteessaadha.

Yeroo tokko tokko otoo waansaa hinhubatiiniifi adda hinbaasiin nama biraarraa dhagahuun namni lafumaa ka’ee mufatu jira. Kunis adeemsa gaarii waan hinhintaaneef dhimma jedhame sana dubbisuufi qoratanii mirkaneeffachuun adeemsa sirriidha.

Jette jetteedhaan oofamuun sirrii miti. Barsiifatawwan akkanaa keessaa bahuu daran barbaachisadha. Hogganaan biyyaa qophiifi odeeffannoo malee waan hindubbanneef haalonni akkanaa kan dogoggora ta’anii mul’atan oggaa hawaasa bira ga’an ta’uunis hubatamuu qaba.

Charinnat Hundeessaatiin

Recommended For You

One Comment to “Haala haasaafi hubannaasaa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *