Kan harkaa qabnu jabeeffataa qaawwa jiru duuchuuf hojjenna

Guyyaan kabaja ayyaana saboota, sablammootaafi ummattoota Itiyoophiyaa waggoottan darbaan kabajamaa turan bu’aawwan hin tuffatamne argamsiisanii jiru. Baroottan kurnaan darban keessa saboonnii, sablammoonniifi ummattoonni biyyattii waliigalteedhaan biyya tokkummaan demokiraatawaa ta’e keessatti mirkanaa’e ijaaruuf halkaniifi guyyaa hojjetaa kan turan yoo ta’u, sochii taasifamaa ture kanaanis bu’aawwan gurguddoon argamanii jiru jechuun ni danda’ama.

Heera Mootummaafi Sirna Federaalizimii biyyi keenya ijaaraa jirtu irratti sanadoota garaagaraa qopheessuun sadarkaa biyyaafi Naannoleetti waltajjiiwwan marii adeemsifamaniin ijaarsa sirna diimokiraatawaa lafa qabsiisuuf yaaliiwwan adda addaa taasifamaa turanii jiru.
Ayyaanni kun waggoottan 12’n darban bifa ho’aafi itti fufiinsa qabuun Naannolee salganiifi bulchiinsa magaalotaa lameen keessatti sirnoota garaagaraatiin kabajamaa turuun isaa akkuma jirutti ta’ee, ayyaana kana sababeeffachuun bu’uuraalee misoomaa adda addaa diriirsuun hojiileen ummata fayyadamaa taasisuuf hojjetamaa turan guddina Naannoleefi magaalotaa saffisiisuu bira darbee hojiilee misoomaatiif kaka’umsi ummataa akka dabalu shoora olaanaa taphatee jira jedhamee amanama.

Hundaa ol sagantaalee ayyaana kana miidhagsan keessaa inni guddaan Agarsiisa Aadaa saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa yoo ta’u, kunis ummattoonni biyyattii aadaafi duudhaa qaban akka waljijjiiraniifi addunyaanis akka beeku carraa guddaa uumee jira. Gama diinagdeetinis waldaalee manufaakchariingii irratti hojjetaniifi Intarpiraayizoota maayikiroofi xixiqqaa omishaafi tajaajiloota isaanii gurgurachuun walitti hidhamiinsa gabaa uumuu bira darbee bu’aa hin tuffatamnes argataa akka turan waan haalamuu hin dandeenyedha.

Gama biraatiin, ayyaanni kun tokkummaa ummattootaa cimsuuf gahee qabu irratti ummata karaa barbaadamuun hubachiisuu dhabuufi dhimmoota tokkummaa biyyaa irratti xiyyeeffatanii hojjetamuu qaban hojjechuumannaa garaagarummaa qabnu qofaa dhaadhessuun ilaalchi tokkummaa biyyaaf qabnu akka laafu kan taasise ta’uu hayyoonni tokko tokko ni dubbatu.

Haata’u malee, waggoottan darban keessa rakkooleen mul’ataa tura kan akka olaantummaan seeraa kabajamuu dhabuu, ‘Naannoo keenya keessaa bahaa! ‘ yaada jedhuun lammiileen biyyattii bakka garaagaraatti ajjeefamuufi qa’eefi qabeenya isaaniirraa buqqisuun miidhaan sabummaarratti xiyyeeffate akka raawwatamu taasisuun hojiileen gama kanaan hojjetaman hanqinnaalee kan qaban ta’uu kan mirkaneessaniifi akka agarsiistuu tokkoottis kan fudhatamuu danda’aniidha.

Kanaaf, ummanni keenya sanadoota ayyaana kana sababeeffachuun mariif qophaa’an irratti xiyyeeffannaa kennee mari’achuun qormaata biyyi keenya ishee mudate sirriitti adda baafachuu qaba. Itti aansuunis, dhimmoota sodaa nageenyaa ta’uu danda’an dursanii bira gahuun mariidhaan hiikuu, walitti bu’iinsa uumamaa tureen miidhaa dhaqqabe ilaalchisee hawaasa gidduutti araarri akka bu’u hojjechuu qaba.

Mootummaanis gama isaatiin sochii kana deeggaruu bira darbee, waldhabdeen siyaasa jibbarratti xiyyeeffate gara walitti bu’iinsa hin barbaachifnetti akka hin ceeneefi balaan biyya diigu osoo hin uumamiin dura dhimmicha xiinxaluun rakkoo kanaaf furmaata waaraa kennuuf hojjetaa jira.

Kana malees, saboonni, sablammoonniifi ummattoonni Itoophiyaas daangaa hanga daangaatti socho’uun walitti dhufeenya gaarii isaan gidduu ture bakka duraatti deebisuun, duudhaalee waliin qaban kunuunsuufi cimsachuun fuula isaanii gara misoomaatti akka naannessuu danda’anis mootummaan haala mijataa uumuuf hojjetaa jira.

Gama biraan, ummanni keenya gochaawwan tokkummaa isaanii diiganiifi qoqqoodan adda baasee saaxiluun dhimma filannoo hin qabne ta’uu hubatee, jijjiirama dhufe fayyadamuun Heera Mootummaa sirna federaalaa bu’uureffate irratti hubannoon akka uumamu taasisuun aadaa dimokiraasii gabbisuuf tumsa taasifamurratti lammiin hundi itti gaafatamummaasaa bahachuu qaba.

Kanaaf, ayyaana saboota, sablammootaafi ummattotaa Itiyoophiyaa marsaa 13ffaa dhaadannoo Tokkummaa Itiyoophiyaa Heddumminaan Miidhagee jedhuun qopheessummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin kan kabajamu yoo ta’u, Finfinneen teessoo Mootummaa Naannoo Oromiyaafi mootummaa Federaalaa akkasumas teessoo gamtaa Afrikaa ta’uurra darbee teessoo dhaabbilee gurguddoo addunyaafi Embaasiiwwanii waan taateef, ayyaana kana sababeeffachuun magaalaa Finfinnee miidhagsuufi tajaajiloota garaagaraa guutuuf sochii taasifamaa jiru hundi keenya tumsuu qabna.

 

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *