Dubbisuun guutuu nama taasisa

Sagantaan torban dubbisaa mataduree, “Dubbisuun guutuu nama taasisa” jedhuun Bitootessa 21-25 bara 2011tti Magaalaa Jimmaatti adeemsifameera. Sagantichi Ejensii Galmeeleefi Mana Kitaaba Biyyaalessaafi Yunivarsitii Jimmaatiin kan qophaa’e yoo ta’u, agarsiifniifi gurgurtaan  kitaabilee, dorgommiin... Read more »

Artisti Lammaa Guyyaafi hojiilee aartiisaanii

Artisti Lammaa Guyyaa ogeessota aartii Itoophiyaan horatte keessaa adda durummaan eeramu. Artisti Lammaan bara ammayyammaa kanatti ogeessa fakkii ta’uun ala abbaa, arjaa, goota, waa fageessanii hubatan, garraamii, tasgabbaa’aa, namaafi biyyaaf kabajaafi jaalala... Read more »

Doktar Sheek Muhaammad Rashaad: Abbaa Qubee Afaan Oromoo

Doktar Sheek Mohammad hayyuu guddaafi sabboonaa Oromoo afaan, seenaafi aadaa saba isaaniif hedduu gumaachaniidha. Waan isaan sabaaf gumaachan keessatti barruulee, suur-sagaleelee (‘audio visuals’) hiikaalee, dokumentootaafi hojiilee kan biroo hedduutu argamu. Sabboonummaa ummata... Read more »

“Sababa hojiikootiin ga’een haadhummaakoo tokkollee hafuu hinqabu” -Aadde Adaanach Abeebee

Dubbistootaa, maxxansa keenya torban darbeetiin kutaa tokkoffaa barreeffama kanaa isiniif dhiyeessuun keenya ni yaadatama. Maxxansa kanaan ammoo kutaa lammaffaasaa dhiyeessineera. Bariisaa: Mee haaloota akkanaa keessa dabartanii amma sadarkaa ministeerummaa akkasumas koree raawwachiistu... Read more »

Hawwiin daangaa hinqabu, Finfinneen garuu abbaa qabdi

Finfinneen qe’ee Qajeelaa Dooyyoo, Abeebee Tufaa, Guddataa Araddoo, Jamoo Dabalee, Soraa Loomee, Galatee Asheetee, Axaalee Jaatanii, Shubbuu Ejersaafi madda ilmaan Tufaa Munaa, akkasumas wiirtuu Maccaafi Tuulamaa handhuura Oromiyaa kan heerriifi seenaan lafa... Read more »

Gooroo marmaaruu abbaa gadaa booranaa

Sirni Gadaa of keessatti aadaafi duudhaa addaddaa akka qabu beekamaadha. Abbaan Gadaas yeroo gadoomasaa keessatti wantoota raawwatu qaba. Akka sirna Gadaa naannawa Booranaatti Abbaan Gadaa dirqama gooroo marmaaruu ni qaba. Haala kanaan... Read more »

Galmee Jechootaa Barsiisaa Girmaa Inchaaloo

Galmeen jechootaa namoonni Amaariffaan afaan hiikkatan akka Afaan Oromoo barataniif gargaaru Barsiisaa Girmaa Inchaalawuun qophaa’ee maxxansi jalqabaa bara 2011 fayyadamtootaaf dhiyaateera. Galmeen jechootaa kun kutaalee sadii jechuunis gilgaalawwan dubbii, wabiiwwaniifi boqonnaa hiika... Read more »

“Aartiin rasaasa tulluun jibbaa itti diigamudha” – Jila Artistoota Eritiriyaa

Waldhabdee daangaa Itoophiyaafi Eritiriyaa gidduutti uumamee tureen tulluun jibbaa waggoota 20 oliif ijaaramee ture hariiroo biyyoota lameenii daangessuurra darbee sochii hawaas dinagdee biyyoota kanaa ugguraa tureera. Hawaasni waggoota 20 dura waliin qabsaa’aa,... Read more »

“ Gaafan biyyaa ba’e nan deebi’a jedhee abjo’adheeyyuu hinbeeku ” – Artisti Ilfinash Qannoo

Seenaa qabsoo Oromoo keessatti dubartiin cimtuu aartiidhaan akkasumas waraanatti dabalamuudhaan harka caalaa umriishee dabarsiteefi onnee Oromoo hunda keessa jirtu jirti. Artistiin kun ijoollummaadhaan qabsootti kan seente yoo ta’u maatiikoo, ijoolleekoo akkasumas, qe’eekoo... Read more »

“Injifannoon argame aartiidhaan yoo deggarame bu’aansaa olaanaadha” – Artisti Gammadoo Jamaal

Oromoofi aartiin hidhata guddaa qabu. Geerarsa hibboo, sheekoofi oduu duriifaa dabalatee duudhaalee aartii wajjin hidhata qabaniifi daran gabbatoo ta’aniin dhalasaa qaroomsaafi ga’oomsaa tureera. Ummatichi beekumsaafi aartii kana barumsaan yookiin leenjiidhaan argatee osoo... Read more »