Tsiggeefi Firewayinii: Atileetota qaxalee jalabultii ‘Marchi 8’tti warqii biyya badhaasan

Finfinnee: Dubartoonni qaamolee hawaasaa keessaa isaan tokko. Haadha, haadha warraafi obboleettii ta’uudhaan bu’uura maatiitisi. Qoodni isaan dameelee hawaasummmaa, dinagdeefi siyaasa keessatti qabanis hanga eegame ta’uu baatus jijjiramaa dhufeera.

Dubartoonni dhiibbaa ilaalchi boodatti hafaatiin sadarkuma addunyaattuu isaanirra gahaa ture ofirraa fonqolchuudhaan dubartoonni sagalee tokkoon addababaa’iwwan addaddaarratti bahuudhaan balaaleeftaniiru. Guyyaan kunis yeroo 113ffaaf Guyyaa Dubartoota Addunyaa (‘March 8’) jedhamee guutummaa addunyaarratti, akka biyya keenyaatti ammoo yeroo 48ffaaf sirnoota adda addaatiin kabajamaa jira. Kan baranaas kaleessa kabajameera.

Oggaa waa’een Guyyaa Guyyaa Dubartoota Addunyaa ka’u maqaan goota ispoortii biyya keenyaa kanneen akka Faaxumaa Roobaafi Daraartuu Tulluu, Tiikii Galaanaafi maatii Dibaabaa (Ijjigaayyoo, Xurunash, Ganzabeefi Aanaa Dibaabaa) Masarat Daffaariifi Almaaz Ayyaanaa, Maaree Dibaabaa, Lattasanbat Giday’faan alaabaa Itoophiyaa dirree addunyaarratti walharkaa fuudhanii ol kaasuun biyya boonsisanis wajjin ka’a.

Bariisaanis guyyicha sababeeffachuun atileetota ciccimoo lamaan shaampiyoonaa atileetiksii mana keessaa tibbana Ingilaandi, Gilaaskootti adeemsifamerratti meedaaliyaawwan warqii lama biyyasaanii badhaasan Tsiggee Dhugumaafi Firewayinii Hayiluu wajjin Kibxata darbe turtii gabaabaa taasiseera.

Atileet Tsiggeen biyyaa keenyattis hacuuccaan dubartootarra gahaa ture hamaa ta’uu yaadachiistee, ilaalchi boodatti hafaan sadarkaa barbaadameen hafuu kan dadhabeef olaantummaan dhiiraa dhalootaa gara dhalootaatti darbaa waan dhufeef, akkasumas sababa hawaasichis ilaalchicharratti kutannoodhaan hinqabsoofneef ta’uu dubbatti. Dubartoonni Itoophiyaa obbolaasaanii dhiiraa maddii dhaabachuudhaan dirreewwan irratti hirmaatan marattuu gootummaadhaan bahaa turaniiru, ammas akkasuma jetti.

“Anni kanan dhaladhee Naannoo Beenishaangul Gumuzitti. Ilaalchi duubatti hafaan kun baldhinaan achittis ni calaqqisa. Mana barumsaattis akkasuma. Rakkinni kun dubartoonni ispoortiirrattis akka hinhirmaannee dhibbaa guddaa uumaa ture. Ta’us naannichumaa filatamee Giddugala Leenjii Atileetiksii Xirunash Dibaabaa gale.

Leenjii waggaa lamaa booddeedha kanin kilaba atileetiksii Baankii daldalaa gale. Yeroo muraasa keessatti garee atileetiksii Itoophiyaatti makamee carraan argadheen fiigicha meetira 800n biyya tiyya, Itoophiyaa bakka bu’uun hirmaadhee mo’achuun meedaaliyaa warqii argadheera. Meedaaliyaan tun anaafis Itoophiyaafis kan duraa ta’uusheetti daran gammadeera. Kanaafuu dubartoonni Itoophiyaa dirreewwan irratti hirmaatan marattuu mo’attoota” jechuun ibsiteetti.

Shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa mana keessaatti fiigicha meetira kuma tokkoofi 500n meedaaliyaa warqii argachuudhaan kan deebite atileet Firewayinii Hayiluus guyyaan dubartoota addunyaa kun dubartoota golaa kan baaseedha jetti.

“Dubartoonni Itoophiyaa seenaa biyyattii keessatti, keessumaa dirreewwan waraanaarratti waggoota dheeraarraa kaasanii yeroo diina biyya teenya kallattiilee addaddaatiin weeraruuf dhufe qolachuuf hiriiranii, gootota waraanaan hubaman kunuunsuun waantota isaanirraa eegamu hundaa walqixa hojjetaniiru.

Har’a ammoo nuyi, dhubartoonni Itoophiyaa dirreewwan waraana nageenyaa, atileetiksiidhaan dirreewwan Olompikii, dorgommii qaxxaamura biyyaa addunyaafi taphawwan guutuu Afrikaa, shaampiyoonaa atileetiksii addunyaafi Afrikaafa’irratti hirmaanuun marattuu injifannoo dachaa gonfachuudhaan biyya teenya boonsisaa jirra.

Kanaan dura oggaa waa’een Adwaa ka’u gootittii Xaayituutu ka’aa ture. Atileetiksiin, keessumaa oggaa Olompikiin yoo ka’u ammoo gootittiin atileetiksii Itoophiyaafi Afrikaa Daraartuu Tulluu adda durummaan dubartoota Afrikaafi Itoophiyaa biratti yaadatamti. Kunis kan ta’e daandii isheen saaqxeen dubartoonni Itoophiyaa irra deddeebiidhaan

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 30 / 2016

Recommended For You