Shaampiyoonaan manneen barnootaa Oromiyaa xumurame

Baatuu: Waggoota jahaaf addaan citee kan ture shaampiyoonaan ispoortii manneen barnoota Oromiyaa kaleessa yoo xumuramu magaalaan Shaggar atileetiksii dhiiraafi dubaraan mo’ateera.

Wayita shaampiyooniin manneen barnootaa godinaaleefi bulchiinsota magaalota Oromiyaa jidduutti guyyoota 12f Magaalaa Baatuutti adeemsisfamaa ture xumurametti Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Doktar Tolaa Bariisoo, Hogganaan Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Obbo Maatewoos Sobbooqaafi keessummoonni adda addaa argamaniiru.

Doktar Tolaan haasa’aa sirna cufinsarratti taasisaniin shaampiyoonaan manneen barnootaa kun xiyyeeffannoon itti kennamee waggaa waggaan kan gaggeeffamu akka ta’e ibsaniiru.

Sochiin ispoortii dargaggoonniifi olguddattoonni yaadaan ijaaramanii dandeettiin cimanii akka guddatan gochuurra darbee misoomni ispoortii akka guutuu Oromiyaatti jiru damee hundaan akka cimaa akka deemuuf hojjetama jedhaniiru.

Guyyaa shaampiyoonichi xumurame kanatti tapha kubbaa miilaa dubartootaatiin Bulchiisni Magaalaa Adaamaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee 4-2n, dhiiraan ammoo keessummeessaan shaampiyoonichaa Bulchiinsi Magaalaa Baatuu Arsii Lixaa 1-0n mo’achuudhaan waancaa fudhataniiru.

Bulchiinsi Magaalaa Baatuu shaampiyoonicha haala gaariidhaan keessummeessuusaattis waancaa fudhateera. Shaampiyoonichaan kubbaa saaphanaa dubartootaatiin Jimmi, dhiirotaan Arsiin Lixaa, naamusaan godinni Iluu Abbaa Boor waancaa fudhataniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 30 / 2016

 

Recommended For You