Balbala nageenyaa banametti fayyadamuun…

Qabeenyi guddaan dhala namaa kan homaanuu bakka bu’uu hindandeenyeefi daran qaaliin nageenyaafi tasgabbiidha. Dhabamuun nageenyaa gufuu misoomaafi waliin jireenya lammiilee ta’uu bira darbee guddina biyyaa quucarsuun gadadoo hinmalleef ummataafi biyya saaxila.

Daandiin nageenyaa hunda hirmaachisaafi badhaadhina waloo mirkaneessuun misooma biyyaa si’eessuu keessatti akkuma shoora olaanaa qabu faallaa kanaan ammoo nageenyi waara’uu dhabuun hawaasummaafi dinagdee biyyaa qofarratti osoo hintaane tokkoon tokkoo lammiilee waan miidhuuf dhimma qaalii kanaaf hunduu yeroo kamuurra xiyyeeffannoo kennee qaama nageenyaa waliin hojjechuu qaba.

Kanaaf nageenyi qabeenya waloo namoota hundaaf bu’uura jiruufi jireenyaa waan ta’eef nageenya akka biyyaatti hawwamuufi dheebotamaa jiru mirkaneessuuf mariifi marrabbaan walhubannaa uumuun hawaasni ijaaramee nageenyasaa akka eeggatu yeroo yeroon kutaa hawaasaa hunda mariisisuufi hubannoo uumuun murteessaadha.

Mootummaanis ammaantana akkuma biyyattuu rakkooleen nageenyaa mudatan furmaata akka argataniif naannolee adda addaatti marii kutaalee hawaasaa hunda hirmaachise geggeessaa jira.

Mariin gaggeeffamaa jirus karaa heeraafi seera biyya keenyaa eegeen nagaafi tasgabbiin waarinaan akka dhugoomuufi ummanni nagaan bahee akka galuuf miira walhubannaafi bilchina qabuun gaggeeffamaa jira.

Garaagarummaa yaadaa mariidhaan tokkoomsinee nageenya biyyaaf ammoo miira gamtoomeen dhaabannee nagaafi badhaadhina egeree keenyaa waloodhaan dhugoomsuun qaroomina ta’uu hubannee hojjechuun dirqama hunda keenyaa ta’uus qaba.

Mootummaan tattaaffii nageenya waaraa mirkaneessuuf taasisaa jiruun qaamolee karaa seeraan alaa hidhatanii naannawawwan adda addaatti argaman simachuuf harkasaa irra deddeebiin diriirsee, balbalasaas banee waamicha dabarseera.

Kanaanis tibbana miseensonni ABO Shanee ummata dararaa turaniifi qabeenya mancaasaa turan, harka kennaniifi booji’aman gocha raawwataa turanitti gaabbuun nagaa filatanii leenjii haaromsaa ji’a lamaaf fudhachaa turan xumuruun Roobii darbe, Magaalaa Shaashamannee, Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaatti ummatatti akka makaman taasifameera.

Miseensonni ABO Shanee kuma tokkoofi 521 leenjii haaromsaa fudhatan kunniin yakka cimaa lubbuu namaa balleessuu, gudeeddiifi qabeenya ummataa mancaasaa turanitti dammaquufi gaabbuun kanneen karaa nageenyaa filataniidha.

Mootummaan yeroo hedduu humnoonni hidhatan kamuu karaa nagaatiin akka harka kennataniifi ummatatti makamaniif waamicha taasisetti fayyadamuun karaa nagaatti dhufanii jireenya idileetti deebi’an daran hedduudha.

Kunis balballi nageenyaa mootummaa yeroo hunda banaa ta’uufi kutannoo nageenyaaf qabu qabatamaan kan agarsiiseedha. Miseensonni ABO Shanee kunniin abbootii Gadaa fuulduratti badii raawwataniif ummata dhiifama gaafachuun nageenyaaf waardiyyaa dhaabachuun hojii misoomaa keessatti hirmaachuuf waadaa galaniiru.

Sirni dhiifamaafi waadaa galuus duudhaa Oromoon qabuu hordofee raawwatameera. Abbootiin Gadaa sirna dhiifamaafi waadaa galuu raawwachiisanis waadaa galan eeguun safuu Oromoon qabutti deebi’anii maatiisaaniitti makamuun jireenya idileesaanitti akka deebi’an dhaamaniiru.

Miseensonni ABO Shanee gochasaaniitti gaabbuun karaa nagaa filatan kunniinis, “Badii ummataafi biyyarratti raawwachaa turreef dhiifama gaafanneerra. Kana booda rakkoo nageenyaa uumamuuf sababa osoo hinta’in, qaama nageenya ummata keenyaa booressurratti ummataafi qaamoota nageenyaa waliin ta’uun irratti qabsaa’uuf qophiidha” jechuun ibsaniiru.

Itoophiyaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf filannoo qofagaleessi mari’achuu, waldhaggeeffachuufi waliigaluudha, darbees inni dogoggoree karaarraa maqee ammas bosonatti hafe yoo jiraate balbala nagaa mootummaan banameefi harka nagaaf diriiretti fayyadamee waardiyyaa nageenyaa ta’uun of, ummataafi biyya baraaruu qaba.

BARIISAA SANBATAA Mudde 13 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to “ Balbala nageenyaa banametti fayyadamuun…”

Comments are closed.