Humna Qilleensaa samiin kan jajjabeewwanii ta’uu mirkaneesse

Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa akkuma addunyaattuu humna gama hundaan maqaa gaarii qabuudha. Raayyaan waggaa 116ffaasaa baatii Onkoloolessaa darbe kabajate kun naamusa loltummaa goonfaterraa ka’uun biyyoota ergama kabachiisa nagaa qabatee deeme hundatti gootummaa, gaachanummaafi dahannoo amansiisaa ta’uuni kan beekamu.

Qaamuma Raayyaa Ittisaa Biyyaa kanaa kan ta’e Humni Qilleensaa Itoophiyaas waggaa 88ffaa hundeeffamasaa Sadaasa 20 bara 2016 irraa eegalee sirnoota adda addaatiin kabajaa ture har’a xumura.

Humni Qilleensaa kun gama dandeettii humna namaa cimsuutiin, hidhannoofi bu’uuraalee misoomaa adda addaatiin of ga’oomsuufi hammayyeessuutiin hojiilee milkaa’oo hedduu raawwateera, raawwachaas jira.

Akka Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Itoophiyaa Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa ibsanittis, akeekni ijoon kabaja waggaa 88ffaa hojiilee jijjiiramaa as hojjetaman beeksisuu akkasumas, hojiilee dirqamaa yeroo ittaanuutiif qophii ta’uu agarsiisuudha.

Kanuma sababeeffachuun hojiilee humna qilleensichaatiin hojjetaman qaamolee adda addaa biyya keessaafi alaa daaw’achiisuun, beeksisuu, beekamtii kennuufi raayyicha galateeffachuu raawwatamaniiru.

Sirni eebba hoggantoota dameewwan ogummaa adda addaatiin leenji’anii, balaliistotaa, teknishaanotaa akkasumas kan barsiisota balaliifa’is darbees kan bu’uuraalee misoomaa waraanaa qaamuma ayyaanichaati.

Hojiileen mooraa Humna Qillieensaa Itoophiyaa Bishooftuutti argamu hojiif akka mijatu gochuus bal’inaan raawwatamaniiru. Jijjiiramaa as hojiileen riiformii hedduunis raawwatamaniiru.

Kanaanis humni qilleensaa kun gama ijaarsa humna namaatiin, dandeettii hidhannoo ammayyeessuufi hidhannoowwan haaraa hidhachuutiin, bakka hojiif mijataa uumuutiin hojiilee danuu hojjeteera.

Agarsiisni biyyoonni michuuwwan Itoophiyaa irratti hirmaataniifi “Leenca Gurraacha” jedhamu akkasumas foramiin ajajoonni Humna Qilleensaa Afrikaa irratti argaman qaamuma ayyaanichaa yoo ta’u, kunis michummaa cimsuu keessatti bakka olaanaa kan qabuudha.

Egaa hojiileen Humna Qilleensaa Itoophiyaa keessatti hojjetamaa jiran humna qilleensaa ammayyaa guddummaa Itoophiyaa madaalu ijaaruuf, hojiilee gama bu’uuraalee misoomaa waraanaatiin hojjetaman kanneen dirqama kennamuuf ga’umsaan bahachuu dandeessisaniidha. Keessumaa hojiilee riiformii jijjiiramaa as hojjetamaniin humna qilleensaa guddicha biyyi ittiboontu taasisuun danda’ameera.

Kanaanis Humni Qilleensaa Itoophiyaa gaachana amansiisaa biyyaa akkasumas, raawwii dirqamaa kamiifuu ga’aafi qophii ta’eera. Hojiin humna qilleensaa ammayyaafi gama hundaan guddummaa Itoophiyaa madaalu haala haaraadhaan uumuu ammas cimee ittifufeera.

Mooraa Humna Qilleensaa Itoophiyaatti hojiin xiyyaarota tajaajila geejibaatiif, waraanaafi shaakalliif oolan haaressuu, suphuufi amansiisaa gochuus raawwatameera. Kana malees hojiin fooyyessa hojmaata aanaaloogiirraa gara dijitaalawaatti jijjiiruu raawwatameera. Hojiin gama ittifayyadamaafi fooyyessa teknolojiirratti hojjetames daran olaanaadha.

Hojiin wiirtuu suphaa xiyyaarota guguddoo ammayyessuu, dandeettii ilaaluufi qiyyaafannaasaanii cimsuus raawwatameera. Kanaanis sharafa alaa humni qilleensichaa baasaa ture hambisuu danda’eera.

Walumaagalatti Humni Qilleensaa Itoophiyaa jijjiirama biyyattiitti dhufe hordofee dhaadannoo, “Samiin kan jajjabeewwaniiti” (‘The sky is only for strong person’) jedhuun hojiilee hedduu gaachanummaafi aantummaasaa mirkaneessu raawwateera, raawwataas jira.

Humni qilleensichaa ergama hatattamaafi dirqama halkaniifis ta’e guyyaatiif balali’uun waan yaadame milkeessuu dandeessisurratti argama. Kanaanis haala qilleensa Itoophiyaa yeroo kamittuu eeguu isa dandeessisuun ijaaramaa jira.

Itoophiyaan wayita Afrikaanonni kaaniifi Eeshiyaan xiyyaara hinbeeknetti Humna Qilleensaa dhaabdee ergamawwan loltummaa adda addaatiif fayyadamaa turte. Yaaliiwwan biyyarratti aggaamamanis faccisuudhaan jabduu cimaa raawwachuun humna samiin kan jajjabeewwanii ta’uu gochaan mirkaneesse kana faana hiriiruudhaan gaachanummaasaa caalaatti cimsuun barbaachisaadha.

BARIISAA SANBATAA Mudde 6 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to “Humna Qilleensaa samiin kan jajjabeewwanii ta’uu mirkaneesse”

Comments are closed.