Dippilomaasii milkaa’aan nageenya biyya keessaatiin utubamuu qaba

Itoophiyaan waraanaa kaabaa waggoota lamaaf adeemsifame hordofee keessumaa hariiroon biyyoota lixaa wajjin qabdu daran laafee, dhiibbaanis hammaatee ture.

Qormaanni hidha Abbayyaatiin walqabatee ka’aa tures daran olaanaa ture. Ta’us gama waraana kaabaatiin waliigaltee bardheengaddaa Piritooriyaatti uumameen hariiroon dippilomaasii biyyoota kanneen wajjin jiru gara baramaafi idileetti sirumayyuu gara daran milkaa’aatti deebi’eera, ce’eera.

Haala rakkisaafi qormaata biyyoota kanneen wajjin ture deebisuufi gara sadarkaa olaanaatti ceessisuuf gama hariiroo dippilomaasiitiin hojiilee danuun hojjetamaa turaniiru; hojjetamaas jiru. Keessumaa hojiin Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) gama kanaan raawwataniifi raawwataa jiran daran olaanaafi iddoo olaanaa kan qabuudha.

Jilli isaaniin durfame gara biyyoota adda addaatti imaluufi waltajjiilee idiladdunyaarratti hirmaatee ejjennoofi fedhii Itoophiyaa ibsuudhaan hojii bu’aaqabeessa hojjeteera. Kunis hariiroon dippilomaasii akka cimu gochuu keessatti shoora olaanaa gumaacheera.

Hoggantoonni biyyoota adda addaafi dhaabbilee idiladdunyaas gara Itoophiyaa dhufuudhaan hariiroon laafee ture akka iddootti deebi’u taasifameera. Kanaafis taateedhuma yeroo dhiyoo yoo ilaalle biyyoota akka Chaayinaa, Sa’ud Arabiyaa, Jarman, Ostiriyaa, Cheekiifi Gamta Emireetota Araboota wajjin hariiroo garlameefi garsadee cimaan uumameera. Hoggantoonni biyyootaafi dhaabbilee idiladdunyaa guguddoon akkasuma dhufanii dhimmoota adda addaarratti Itoophiyaa wajjin hojjechuuf waliigalteerra ga’aniiru.

Kanaanis xiyyeeffannoo ijoon hariiroo sababa waraanaa kabaatiin laafee ture deebisanii cimsuu, waliigalteewwan haaraa seenuu, dippiloomaasiiwwan dinagdeefi lammummaarratti xiyyeeffatan, waliigalteewwan daldalaa, idaa haquufi kkfn haala milkaa’ina olaanaadhaan raawwatameera; raawwatamaas jira.

Keessumaa jijjiiramaa as dhimma dippiloomaasii lammummaatiif xiyyeeffannaa olaanaa kennamee hojjetameera, hojjetamaas jira. Hojiin akka idaan haqamuuf hojjetames dhimma daran olaanaafi milkaa’inni olaanaan irratti galmaa’eedha.

Keessumaa idaa sababa waraanaa, koviid-19fi ongee fa’iin kuufame yeroon kaffaltiisaa akka dheeratuuf Chaayinaafaa wajjin waliigalteerra ga’amuun agarsiistuu bu’aa cimaa gama dippilomaasiitiin irra ga’ameeti.

Hariiroofi deggarsi Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa, Baankii Addunyaafi Baankii Misooma Afrikaa wajjin tures daran laafee ture. Hoggantoonni dhaabbilee kanneeniis Itoophiyaa daaw’achuun haalatti guddina dinagdee Itoophiyaa utubuu danda’anirratti qondaaltota olaanaa Itoophiyaa wajjin mar’ataniiru. Rakkoon uumamee tures furamee bakka duriitti akka deebi’uuf tattaaffii cimaan taasifameera.

Torbanuma kana keessallee Yuniidoon (‘United Nations Industrial Development Organization-UNIDO’) invastimantiifi misooma industirii utubuuf waadaa galuunsaas bu’aa dippilomaasii akka milkaa’ina guddaatti ilaalamuudha.

Walumaagalatti waliigaltee Piriitoriyaatii as tattaaffii cimaa taasifameen haalli dippiloomaasiifi hariiroo alaa daran jijjiirameera. Haalonni abdii kutachiisoon sadarkaa sadarkaadhaan toora gaariirra bu’aniiru. Wantonni cufamanii turanis banamaa jiru.

Akeekni ijoon hariiroo dippilomaasii cimsuu kun wantonni gama invastimantii fa’iin barbaadaman bal’inaan dhufanii guddina dinagdee biyya keenyaatiif raacitii akka ta’aniifi lammiileef carraan hojii akka banamu gochuufi.

Kanaaf ammoo haalli nageenya biyya keessa amansiisaa ta’uu qaba. Tattaaffii cimaafi dhamaatiin dippilomaasiirratti taasifameefi taasifamaa jiru ija godhatee akka maniiwwan ijoon milkaa’aniif, abbootiin qabeenyaa alaa dhufanii qabeenyasaanii invasti godhaniif hunda dura nageenya waaraa mirkaneessuun daran murteessaadha. Milkaa’inni gama hariiroo dippilomasiitiin argameefi argamaa jiru nageenya biyya keessaa mirkaneessuudhaan dabaalamuufi utubamuu qaba jechuudha.

Abbaan qabeenyaa kamuu qabeenyasaa dhangalaasuuf akka ulaagaa ijoofi duraatti kan kaasu waa’ee nageenyaa waan ta’eef dhimma kanarratti tokko tokkoon lammii darbees mootummaan mirkaneessa nageenyaa kanarratti xiyyeeffannoo olaanaadhaan hojjechuu qabu.

Kana malees bu’aa hariiroo dippiloomaasiirraa argamu lakkaa’anii fudhachuuf, haala keessummeessa abbootii qabeenyaa ammayyaafi si’aayaa gochuu, imaammata dinagdee hojjechiisu bocuu, akkuma irranatti jenne haala nageenyaa amansiisaa gochuudhaan milkaa’ina olaanaa gama hariiroo dippiloomaasiitiin galmaa’aa jiru utubuun daran barbaachisaadha.

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 22 Bara 2016

Recommended For You