Harka nageenyaaf diriire dhiibuun dararaa ummataa caalaatti hammeessuudha

 “Wadaree Haadha Liiban Daldaltuu jabduufi haadha harkaqal’eeyyiiti. Nama siyaasa hordoftus miti. Yakka tokko malee Shaneen guyyaa saafaadhaan ija ummataa duratti gara jabinaan ijjeefte. Du’a suukanneessaa gara nama nyaatu!”

Gujiitti namni miseensa garee kanaa tureefi waamicha mootummaa fudhatee harka kennatan tokko: “Gochi Shaneedhaan raawwatame kan tasumaa ta’uu hinmalleedha. Ummanni Oromoo yeroos nu jalaa dacha’e. Nu jalaa dacha’ee, midhaan bishaan nurraa dhaabbate.

“Ummanni Oromoo garagalee nu balaaleffate. Nutis kana nijibbine. Duuti Oromoodhaan Oromoorratti raawwatamu akka faayidaa hinqabne hubannee, meeshaa keenya lafa keenyee waamicha mootummaarratti hundoofnee itti amannee galle”.

“Indaalkachoo Cimdii jedhama, Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Dirree Incinniitti konkolaachisaa ambulaansii ture. Gaa’ela godhatee ijoollee lama qaba. Nama namni hundi jaalatuufi innis haqaan nama tajaajilu. Nama harmee ulfa du’aafi jireenya gidduu jirtuuf furmaata ta’aa tureefi halkanii guyyaa tajaajila ture. Shaneen bosona Dabballee jedhamu keessatti haala ciggaasisaadhaan ajjeefte.”

“Kabbadaa Nagaraa jedhama. Jiraataa Godina Horroo Guduruu Wallaggaati. Obbo Kabbadaan abbaa ijoollee jahaati. Siyaasa kamuu keessaa kan hinjirreefi qonnaan bulaa ture. Gareen tun manaa gadi baastee mormaa irraa kuttee deemte.”

Egaa gochoonni sukkanneessoon irranatti kaasne gocha garee maqaa ummataatiin hidhatee bosona jiruufi miidiyaan adda addaa gabaasaa turan keessaa qicamee kan fudhatameedha. Keessumaa waggoota shanan darbanitti ummanni Oromoo darbees saboonni kaan addumatti ammoo Oromiyaa lixaafi kibbaatti bahee galuu, omishatee calleeffachuu dadhabee gidiraafi hiraarsa hamaa keessa tureera.

Rakkoo kana gadifageenyaan kan hubate Mootummaan Itoophiyaa akka waliigalaatti waldhabdeewwan akka biyyaatti jiran addatti ammoo rakkoo nageenyaa Naannoo Oromiyaa bakkeewwan tokko tokkotti mul’atu karaa nagaan furuuf yaalii guddaa taasisaa tureera.

Yaaliin kunis kutannoo mootummaan dirree dimokraasii bal’isuufi rakkoo jiru mariifi karaa nagaan furuuf qaburraa kan ka’eedha. Mootummaan kutannoo nageenyaaf qaburratti hundaa’uun yeroowwan garagaraatti waamicha taasisuu bira darbee qabatamaan hojiitti akka hiikamuuf daandii walakkaa ol deemuun tattaaffii cimaa taasisaa tureera.

Haata’u malee, mariin araaraa Shanee waliin marsaa lammaffaaf Taanzaaniyaa Daaresalaamitti taasifamaa ture waliigaltee malee xumurameera. Mootummaan rakkoo nageenyaa Naannoo Oromiyaa bakkeewwan tokko tokko jiru mariidhaan xumura akka argatuufi miidhaan ummataafi qabeenyarra ga’u akka dhaabatuuf bakka qaamni sadaffaan argametti carraaqqii guddaa taasisus mariin ummata bal’aadhaan abdii guddaadhaan eegamaa ture kun milkaa’uu hindandeenye.

Kunis, qaamni shororkeessaan Shanee jedhamuufi humnaan aangoo mootummaa qabachuuf socho’aa jiru kutannoon araaraaf qabuufi haaldureen mariif qabatee dhiyaate heera biyya keenyaa, birmadummaafi sadarkaa biyyi keenya irra geesse bu’uura kan hingodhanneefi qabatamaan hojiirra ooluu kan hindandeenye ta’uun hubatameera.

Mootummaan Itoophiyaa milkaa’uu dhabuu marii araaraa marsaa kanaatiin kan gaddu ta’us qaamolee maricha qindeessan, tumsaniifi haala mijeessan guddisee galateeffateera.

Harkisaa nageenyaaf diriire yoomiyyuu kan hindachaane ta’uus irra deebiin kan ibse mootummaan, kutaalee biyyattii bakka hundattuu olaantummaa seeraafi birmadummaa biyyaa kabachiisuu akkasumas nageenya ummataa mirkaneessuu yeroo kamuurra ummatuma waliin qindaa’ee kan ittifufu ta’uu cimsee eereera.

Harka mootummaa nageenyaaf diriire kana dhiibuufi adeemsa araaraa ummanni abdii guddaadhaan eegaa ture fashaleessuun ammoo gidiraa ummataa caalaatti hammeessuu ta’uun dhimma sirnaan hubatamuu qabuudha. BARIISAA SANBATAA Sadaasa 15 Bara 2016

Recommended For You