Seenessa waloo ijaarsa biyya walootiif

Seenessi bu’aa ida’ama dhugaawwan, afoolawwan, seenaawwan, taateewwan odeeffannoowwan dhala namaatti himamaniiti. Bu’aa humnaa dhalli namaa dhugaa (reality) waa fakkeessuuf ittifayyadamuuti. Seenessi humna dhangala’ina odeeffannoowwan beekumsa (Cognitive)fi miira (Affective) dhala namaa ijaaruudha.

Maddiwwan seenessaa taateewwaniifi muudannoowwan, ragaaleefi afoolawwan, karaa keessa darbameefi bu’aa ba’iiwwan fa’i.

Seenessa xiqqaa ykn qeenxee (micro narrative) kan jedhamu yaadamawwan wantota hundarratti “kan kooti” jedhamu keessaa bahuun naannoo, godina, aanaa, saba, gosa, amantii fa’iin ibsamaniidha.

Seenessi ijoon ykn waloon (grand narrative) ammoo walitti hidhamiinsa wantotaa, eenyummaa waloo, dhimma hunda keenyaa, kan biyyaa, ardiifi idiladdunyaatiin ibsamu yoo ta’u, rakkoo, furmaataafi fedhiin waloos kanuma keessatti eerama.

Waa’ee seenessaa kanarratti Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad ibsaafi yaada Kibxata darbe yaa’ii Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataarratti kennaniin, “Itoophiyaa keessa rakkoolee danuun jiraatanis kan rakkoo hammeessaa jiru seenessa. Seenessi qeenxeefi waldhahaan biyya diigu.

“Hunduu gandaafi amantiisaa faarsuu, eenyummaasaa caalchisee dubbachuu keessaa ba’ee, amantaa warra kaan wajjin nagaadhaan jiraachuu qabaachuun irra jiraata. Itoophiyaa keessa amantiileen, afaaniifi yaadamniwwan adda addaa jiru. Duudhaalee kanneen kabajuu barbaachisa.

“Nuti adda miti. Hindi keessa afaanota 120tu jiru. addummaan kun barootaaf isaan rakkisaa turee amma qaroomanii, guddatanii, dinagdee addunyaarraa sadarkaa 5ffaarratti argamu ijaaranii hiyyummaa keessaa bahuuf tattaafataa jiru.

“Ejjennoo, adda addummaa kana diinni akka carraatti ittifayyadama. Walnyaachuu hinqabnu. ‘Waan adda nu taasisu qabannee biyya walootiif yoo cichine wayya’ jedhu waan qabataniif sadarkaa kanarra ga’an.

“Nutis biyya akka biyyi seenessa jette jetteetiin hinijaaramne amanuu, waliinummaafi hammatummaa fudhachuu qabna” jedhan.

Dhugaadha, seenessi ijoon seenessawwan biyyaalessaa walitti nu qaba. Faallaa kanaa kan ta’e seenessi qeenxeen ammoo addaan nu baasa. Oggaa adda adda baanu humni keenya ni xiqqaata, ni miidhamna. Kanaaf, waan adeemsa akkanaa keessaa nu baasu fiduu qabna.

Oggaa adda adda baanu nibittinoofna, nimiidhamnas. Kanaafuu, waan achi keessaa nu baasu, walitti nuqabu haa fidnu. Fakkeenyaaf lagni Abbayyaa Itoophiyaa keessatti dolool’oowwan 12 qaba. Laga tokko qofa miti kan Abbayyaa ta’e. Dolool’oowwan baay’ee qabateefi ida’ameeti Abbayyaa kan ta’e.

Tokko tokkoon dolool’oo miniraalii walfakkaatu hinqabu. Bifaanis akkasuma. Abbayyaan Xaanaadhaa ka’uufi haroo Viiktooriyaarraa ka’u bifa tokko hinqaban. Maqaansaaniis akkuma bifasaanii adda adda.

Kaartuumitti walitti ida’amanii oggaa gara Misir deeman ammoo Abbayyaa ta’u. Humna tokko hinqaban. Ganda tokkoo hinkaane. Bifa tokkos hinqaban, miniraaliinsaanii adda adda jechuun garuu bishaan miti jechuu miti. Hunduu bishaanuma; Abbayyaadha jechuunis fakkeenyaan waa’ee waloo haala gaariidhaan ibsan.

Egaa, yoo eessaayyuu kaane, afaan keenya adda adda ta’ellee nuti namoota. Seenessi ijaarru kan dhala namaatiif kabaja qabu, kan sadarkaa jireenya dhala namaa ol kaasu yoo ta’e nu baasa, bu’aaqabeessas ta’a. Yaadamniwwan fiixeetti bahan gara jiddugaleessatti dhufuu qabu.

Seenessi ijaarsa biyyaa keessatti qooda eeyyantaafi hi’entaa qaba. Akka ummataatti walittiqabamuufis bittinneeffamuufis, waljaalachuufis waljibbuufis, walittibu’iinsa furuufis hammeessuufis, badiifis misoomaafis badhaadhina hundagaleessaafis hiyyummaafis; humna sassaabbachuufis ta’e bittinneessuuf humna qaba.

Kanaaf, qooda seenessaa, waloo ykn ijoofi eeyyantaarratti xiyeeffachuun daran barbaachisaadha. Keessumaa amaloota jahan ida’amuu jechuunis mil’annaa guutuu (synoptic), ida’amuu (synergy), ijaarsa, (Synthesis) madaallii eeguu, (symmetry), walta’anii jiraachuu (symbiosis), sirna uumuu (system) sirriitti hubachuun seenessa waloo ijaarsa biyya walootiif gamtaadhaan socho’uun murteessaadha.

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 8 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to “ Seenessa waloo ijaarsa biyya walootiif”

Comments are closed.