Marii: Duudhaa waliinummaafi walta’iinsaa

 Wantoota waldhabdee xiqqeessanii olaantummaa nageenyaa mirkaneessuu danda’an keessaa mariin isa ijoodha. Yoo mari’atan yaada walii beekuun, walhubachuun darbees walamansiisanii addaddummaarraa tokkummaatti dhufuun ni salphata. Kanaanis namoota gidduutti miirri walamanuu, walkabajuufi qindoomuu gabbachuun hariiroo ummattootaa cimsuun ni danda’ama. Kanaafi, Oromoon “Mari’ataan gowwaa hinqabu” jedhee kan mammaakuuf.

Rakkoo waldhabdee walxaxaa Itoophiyaatti mul’atuuf fala kaa’uunis kan danda’amu mariidhaan ta’uun waan hubatameef mootummaan Komishinii Marii Biyyaalessaa hundeessuun gara hojii qabatamaatti seenuuf sochii cimaa taasisaa kan jiruuf.

Komishinichis dhimmoota ijoo addaddummaaf ka’umsa ta’anirratti xiyyeeffatee akka hojjetuuf ittigaafatamni kennameeraaf. Akkasumas marii hundahammataafi fayyummaa biyyaa mirkaneessuu adeemsisuuf hunduu ittigaafatama akka qabu akeeka.

Yeroo hundeeffamasaarraa kaasee haalota mariif ta’an mijeessuun boqonnaa qophii xumuree dhiheenyatti hojiitti seenuuf kan jedhu komishinichi, baay’ina ummataa biyyattiin qabdu waliin hojii qulqullina qabu hojjechuutu irraa eegama.

Mariin kun adeemsa rakkoo siyaasaa kamuu ittiin hiikan, lammiileen ijaafi ijatti walilaalaa rakkoolee bu’uuraa biyyattirratti kan dudubbatan, walmo’achuuf osoo hintaane, walhubachuufi dhugaa argatanii nagaa fiduuf kan irratti mari’ataniidha.

Duudhaan biyyattiifi ummatootashii mariifi araaraaf bakka guddaa kan kennu ta’ullee sun dagatamuun obboleessi obboleessarratti waraana banuun, jibbaafi lola labsuun kaasaaraa olaanaan qaqqabuun ni beekama. Mariin taasifamus kanaaf dawaa ta’ee kan walitti gadde walitti araarsee jaalalaafi tokkummaa labsuun lammiileen yaaddoofi sodaa malee akka jiraataniifillee daandii cimaa ni bana.

Qaamni waldhabdeefi waraanarraa buufate tokkollee hinjiru. Inumaayyuu sababa dhabamuu nageenyaatiin lammiilee hedduun lubbuu dhabanii, qaamaafi xiinsammuun miidhamanii, qabeenyisaanii hinkutaa’ee, aanteefi firasaanii itti wareeganii jireenya gadaddoo akka jiraataniif dirqaman. Harki qotateeefi safaratee nyaachuu barellee beelaaf saaxilamee harka nama biraa eeggachuuf dirqame.

Adeemsi kun ammoo keessumaa jaarraa amma keessa jiru wajjin kan tarkaanfu miti. Bara addunyaan waan baay’eedhaan walitti dhufuun mandara tokko ta’aa jirtutti qomoon qomoosaarratti, lammiin lammiisaarratti ka’ee walballeessuun herreguma kamiinuu fudhatama hinqabu. Kanaaf hunduu duudhaa eenyummaasaa ganamaatti deebi’uu qaba.

Murni mufatee waraana kaases waan waraanaafi waldhabdeedhaan dhabe mariifi araara qofaan bakka buufachuuf of kennuu qaba. Nagaa lallabuu qofa osoo hintaane jiraachuu shaakaluunis daran murteessaadha. Wantoota addaddummaa uuman babal’isan osoo hintaane tokkummaafi wajjummaa hundee cimaarra dhaabanirratti xiyyeeffatee hojjechuun irraa eegama.

Dhaloota jalaa dhufuuf biyya waan baay’een garaagarummaa qabdu osoo hintaane tokkummaan ishee jabaate dhaalchisuuf waltajjii marii qophaa’aa jirutti sirnaan fayyadamuun dirqama. Qaamni hundis milkaa’ina marii cimina duudhaa waliinummaafi walta’iinsaatiif bu’uura ta’e kana tumsuu qaba.

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 1 Bara 2016

Recommended For You