Milkaa’ina karoora xiiqiitiif xiiqiidhaan

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, karoora mootummaa bara 2016 “Karoora Xiiqii” jedhee, moggaasuunsaa ni beekama. Hoggansa sadarkaan jiru waliinis akkaataa karoorrri qabame kun ittimilkaa’uurratti waliigalamuuni hojiitti kan galame.

Milkaa’ina karoorichaatiif waan hojjechuuf qabame tokko tokkoon yaadachuu, maaltu akka jalqabame, maaltu akka hinjalqabamne ofumaan of qorachuufi maalirra akka jirru ofis hojichas waljalaa madaaluun dhimma murteessaadha.

Karoora xiiqii kan jedhameef, karooricharratti hubannoo walfakkaataa, kaka’umsiifi kutannoon raawwiif barbaachisu xiiqiirraa kan madde ta’uun waan itti amanameefi xiiqiidhumaan hojjetamuu waan qabuufi. Barana akka mootummaatti karoorriifi hojiin jalqabame hanga sadarkaa gandaafi magaalaatti, gama hundaan nama dhuunfaarraa ka’uu akka qabu kanirratti waliigalameedha.

Raawwataa gahumsa qabu ta’uu/qopheessuu: Karoorri kamuu raaawwataa barbaaduun beekamaadha. Karoorri xiiqii ammoo raawwataa qofa osoo hintaane, raawwataa gahumsa, kutannoofi dandeettii raawwachuu olaanaa qabu barbaada. Hojiin baranaa mara, baay’ina, qulqullinaafi saffisaan raawwatama yemmuu jedhamu, aadaa hojii, raawwataafi amala raawwataa baratameen akka hintaane hoggansi marti hubachuu qaba.

Dhimma akka kanaa kan raawwataan amala baratame keessaa bahee, kalaqaafi si’aayina goonfate qofti raawwachuu danda’u ta’uu hubachuun hunduu bakkuma jirutti milkaa’ina karoora qabameetiif raawwataa gahumsa qabu ta’uu ykn qopheessuu, akkasumas ofiif fakkeenya ta’uun ji’oota hafan keessatti raawwachuun dirqama.

Galii sassaabuuf xiyyeeffannaan hojjechuu: Mootuummaan naannichaa waggoota muraasa darbanitti galii dabaluuf tooftaalee gara garaa bocuun hojjechaa tureera. Hojii inisheetivii torbee galii labsuu, ambaasaaddaroota galiifi gibiraa moggaasuu, kaffaltoota gibiraa adda dureef beekamtii kennuufi jajjabeessuurratti hojjeteen aadaan gibiraafi taaksii kaffaluu daran akka fooyya’u taasiseera.

Inisheetivootaaf xiyyeeffannaa kennuun raawwachuu: Mootummaan badhaadhina hundagaleessa hawwamu mirkaneessuun kan danda’amu aadaa hojiifi akkaataa raawwii hojii kanaan dura ture keessaa bahuun tarkaanfii haaraan yoo fudhatame qofa ta’uun hubatamuu qaba.

Carraa hojii uumuufi qusannaa jabeessuu: Jijjiiramni hirmaannaa qaamolee garagaraatiin kan milkaa’uu ta’uun hubatamus, gama hundaan karoora hiixataa karoorsuu, humna walootti fayyadamuu akkasumas kalaqaafi si’aayinaan raawwachuun, yeroo gabaabaa keessatti caalaatti milkaa’ina akka goonfachiisu hubatamee hojjetamuu qaba,

Keessumaa, carraa hojii bal’aafi ittifufiinsa qabu uumuuf hoggansa amaloota intarpiriyuunarii goonfate horachuun murteessaa waan ta’eef intarpiriiyuunarshiippiirratti hojii guddaan ammas hojjetamuu qaba.

Hawaasa aadaa qusannaa cimaa qabu qabaachuun akka naannoottis ta’ee akka biyyaatti dinagdee cimaa ijaaruuf dhimma murteessaadha. Mootummaan Naannoo Oromiyaa, hawaasni biyyattii waan omisherraa hedduu sooratee xiqqaa kan qusatu osoo hintaane hawaasa xiqqaa sooratee hedduu qusachuun egereesaa bareechu ta’ee arguuf xiyyeeffannaan hojjechuun barbaachisaadha.

Sirna bulchiinsaafi tajaajila cimaa diriirsuufi alseerummaa to’achuu: Sirna bulchiinsaafi tajaajilaa cimaa diriirsuun mallattoo mootummaa cimaafi sirna jabaa waan ta’eef kanarrattis xiyyeeffannaan hojjechuu. Akkasumas rakkoo bulchiinsaa gaarii hundeerraa furuu barbaachisa.

Egaa karoora xiiqii kana haaluma irratti waliigalameefi hojiitti seenameen milkaa’inasaatiifis kutannoodhaan hojjechuu barbaachisa. Kanaafis rakkoo naamusaafi malaammaltummaadhaan walqabatee hoggansa gubbaa hanga gadiitti jiraachuun adda bahe maqsuurratti xiiqiidhaan hojjetamuu qaba.

Nageenya ummataaf dursi kennamee, keessattuu qaamolee seeraan ala hidhatanii nageenya booressanirratti tumsa hawaasaatiifi xiiqiidhaan duulli taasifamuu qaba. Xiiqiin milkaa’ina dhala namaa waan ta’eef waan otoo qabnuu ittihinfayyadamneefi otoo hojjechuu dandeenyuu irra tarrerratti xiiqiidhaan haa duulamu.

Yoo xiiqiin nu keessa hinjiraanne sochiin keenya kan yeroo qofa ta’ee mul’ata. Kanaafis karoorri qabame caalaatti hojiidhaan akka mul’atuuf tattaaffiifi si’aayina ittidabaluun daran murteessaadha. Isa darbeef gaabbuu otoo hintaane kan egereetiif xiiqiidhaan waan lakkaa’amu hojjechuun murteessaadha.

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 24 Bara 2016

Recommended For You