Qabxiilee ijoo haasaa Pirezidaanti Saahilawarqi Zawudee

Heerri biyya keenyaa, kan amma biyyattiin ittiin bultu, bara 1987 ragga’e. Heerichi deeggartootaafi mormitoota qaba. Ta’us akka biyyaatti ittiin bulaafi ittiin walbulchaa jirra. Jaalannus jibbinus muummeen seerota biyya keenyaa heera kana.

Qeesiin yoo rakkate Kitaaba Qulqulluu ilaala. Sheekiinimmoo Kitaaba Quraanaa dubbisa. Jireenya adduyaa amantiin alaarrattimmoo heerri aangoo olaanaa qaba. Kanaafi, mootii seerotaa kan jedhamuuf.

Akka tumaa heera biyya keeyyataatti, paarlaamaan Wiixata dhumaa kan ji’a Fulbaanaarratti banama; hojii jalqaba. Walgahii jalqabaa kan waggaa kanarratti manneen maree lamaan, Manni Marii Bakka Bu’oota Ummataafi Manni Marii Federeeshinii, walgahii waloo taa’u. Walgahii kana pirezidaantii biyyattiitu haasawaan saaqa. Kun tumaa heeraati.

Haaluma kanaan manneen marii lamaan Wiixata tare walgahii waloo taa’aniiru. Walgahiin kun paarlaamaa bara 2013 filatameef kan bara lammataati. Paarlaamichi waggaa jalqabaa xumureera. Maal raawwate? Maal osoo hinraawwatin hafe? Innumtuu of gaafatee deebii kenna jedheen yaada.

Barana yeroo biyyattiin rakkoolee adda addaatiin sakaalamtee jirtu kanatti wantoota furmaata ta’an ni hojjata jennee haa abdannu. Yoo hojjechuu baate ittigaafatama ummataafi seenaa isatu baattata.

Akkuma heerri tumetti pirezidantiin biyyattii, Saahilawarqi Zawudee walgahii waloo kana haasawaan saaqaniiru. Haasofti pirezidantiin taasisan kun xiyyeeffannaa hojiiwwan ijoo mootummaa kan bara kanaati. Anis akka lammii tokkootti haasawa kana xiyyeeffannaan dhaggeeffadheera. Pirezidantittiin waantota hedduu kaasaniiru. Hunduma asirratti kaasee keessa bahuu hindanda’u. Kanaaf, kanuma hubannoo kootiin dubbii ijoodha jedherratti xiyyeeffadheen yaadota tokko tokko kaasa.

Dhimma Nagayaa: Qaama maqaa naaf moggaasuufi na muudun dhabe malee barana ambaasaaddara nagayaa ta’uun barbaada. Ammuma oollee bullu barbaachisummaa nagaa hubachaa waan jirru natti fakkaata. Osoo nageenyi jiraatee lubbuu obboleeyyan keenyaa kumaatamaan lakkaawaman hindhabnu ture.

Osoo nageenyi jiraatee qaala’iinsi jireenyaa akkanatti nutti hintaphatu. Osoo nageenyi jiraatee dhalli namaa baadiyyaa hanga magaalaatti dararama adda addaa keessa hingalu. Osoo nageenyi jiraatee… waan hedduu jedhamuun ni mala.

Pirezidantiin haasawasaanii keessatti dhimma nageenyaa jalqabarratti kaasaniiru. Barana mootummaan dhimma nageenyaarratti ciminaan akka hojjatu eeran. Warra nagaa hinbarbaadnemmoo akka ‘likkii’ galchan dhubbatan.

Akka fedhii ummataattis, akka ilaalcha koottis, ummati nagaa dheeboteera; nagaa beela’eera. Gama kanaan mootummaan barana nagaa buusuuf akka dursa kennu ifa gochuunsaa waanuma sirriidha. Kan irraa eegamusi. Garuu nageenyi fedhii qaama tokkootiin akka hindhufne beekamaadha.

Dhimmi nageenyaa taatota hedduu qaba. Mootummaa, jaarmiyaalee siyaasaa, qamolee hidhatanii lolan, ummata, jaarsolii biyyaa, abbootii amantii… Kanaaf taatoti hunduu, osoo ebelu…ebelu hinjedhamin, hirmaachuufi hirmaachisuun dirqama ta’a. Taatoti hundi ummataafi fedhii ummataa jiddugala godhachuu qabu. Ummati keenya, kan walitti qabnu, kan maqaasaatiin sochoonu, rakkoo nagayaa cimaa keessa waan jiruuf.

Qaala’iinsa Jireenyaa Fooyyessuu: Jireenyi miyaa’uu bira taree hadhaa’eera. Galiin ummata hedduufi gatiin shaqaxaa walsimuu hindandeenye. Infileeshiniin akkuma fannifametti jira, keessattuu shaqaxoota nyaataarratti.

Galiin bakka jiruu hinsocho’u. Mindaan hojjetaa adeemsa qocaatiin fakkeeffama. Gatiin shaqaxaa akka borofaa utaala. Oduun guyyaatti yeroo sadii nyaachuu biyyoota hiyyeessatti hin yaadamu. Guyyaatti yeroo lama nyaachuun gaaffii keessa galaa jira.

Xiyyeeffannaan mootummaa barana qaala’iinsa jireenyaa tasgabeessuu akka ta’e Pirezidaanti Saahilawarqi dubbataniiru. Akkuma dhimma nagaa sana kunis dhimma ijoodha. Nageenyiifi qaala’iinsi jireenyaa firooma walirraa qabu. Yoo nageenyi bu’e dinagdeen ni fooyya’a. Namni nagaadhaan hojjatee gala. Mootummaan waraana dhiisee gara misoomaatti deebi’a.

Ummatallee qalbiidhaan gara misoomaatti deebi’a. Gabaabumatti yoo nageenyi fooyya’e qaala’iinsi jireenyaa waliin ni fooyya’a. Yoo nageenyi dhabame qaala’iinsi jireenyaa ittuma fufa. Waraanni Ruusiyaafi Yuukireen hagam isaan bira taree addunyaa, nu dabalatee, akka miidhe ilaaluun fakkeenya gaariidha. Kan inni hagana numiidhe keenyammoo hagam akka nu cillaanfachiisu tilmaamuun hinulfaatu.

Gama kanaanis mootummaan akkuma nageenyarratti hojjechuuf murteeffate, qaala’iinsa jireenyaa kanaaf fala barbaaduu qaba. Hindubbatan malee lammiilee hedduun qaala’iinsa jireenyaatiin garmalee miidhamaniiru.

Gibira (Taksii): Dhimma kana ilaalchisee pirezidantiin yaada kaasaniiru. Kaasuunsaanii sirriidha. Akka biyyaatti sirni taaksii ammayyaa’aan tajaajila qajeelloon deeggarame barbaachisaadha. Biyyi taaksii seeraan hinfunaanne guddachuu hindandeessu.

Garuu haalli taaksiin ittifunaanamu sirna qaba. Kan galii qabu hunduu taaksii kaffaluuf ni dirqama, kan seeraan irra ce’ame malee. Qaama ykn galii kamirraa taaksiiwwan guguddaan guurama? Hawaasa akkamiirraa jiddugalaan ykn xiqqaa guurama? Kun muuxxannoo addunyaa keessa jiruudha. Keenyas bifa kanaan yaadamuu qaba.

Ramaddii taaksiirratti wantooti ykn hojmaatiwwan sirrii hintaane ni jiru. Taaksiin galii ykn mindaa hojjatoota mootummaarratti ramadamu haala galii waliin waan deemuu miti.

Mindaa qarshii kuma kudhanii olirratti, gatii qarshii ammaatiin, taaksii dhibbantaa 35 ramaduun yoo galii kaan waliin ilaalamu madaalawaa hinfakkaatu. Wantooti akkasii akkasumas taaksiiwwan shaqaxoota nyaataa wajjin walqabatanii jiran ilaaluun gaariidha. Kanaan ala haala galii gibiraa ammayyeessuuniifi gibira sirriifi madaalawaa sassaabuu wajjin walqabatee yaadi pirezidaantiin kaasan kan walnama gaafachiisuu miti.

Tajaajila Fooyyessuu: Namni yoo hirribaa ka’u kan nagaan na bulchite nagayaan na oolchi jedhee kadhata. Barana wanti biraas itti dabalame jedhama. “Yaa Waaq biiroo mootummaa na hindhaabin” kan jedhu. Maaliif yoo jedhame rakkoo walxaxaa achi jiru kan harkaan hiixatan malee furmaata hinarganne waan jiruufi.

Kun hunda ibsuu dhiisuu mala. Garuu heddumminaan jira. Tajaajilli qamolee mootummaa bakkawwan hedduutti rakkoo qaba. Mootummaan kana hubachuudhaan barana akka irratti hojjatu pirezidaantiin ibsaniiru. Waan mishaadha. Yoo hojiirra oole imimmaan tajaajilamtootaa haqa. Waaqayyo isin haa jabeessu jechuun ala yaada biraa hinqabu.

Malaanmaltummaa: Karaa adda addaa xuxxuqamus dhimmi sirriitti qaacca’ee osoo hinka’in hafe dhimma malaanmaltummaan ykn hattummaan walqabatuudha. Tajaajila keessatti dhimmi kun dhimma ijoodha. Wanti dur fagootti dhagahamu amma biyyattuu gurra nama dhukkubsaa jira. Dimmicharratti waantonni hedduun jedhamuu malu. Mootummaan gurraafi ija baay’ee qabu hinbeeku jechuun hindanda’amu. Garuu, dachaadhumaan, dhimma xiyyeeffannaa addaa barbaadu ta’uusaa eeruun ni gaha.

Akka waliigalaatti dhimmoonni haasaa pirezidaantii keessatti kakka’an ajandaalee ka’uu qabaniidha. Irratti hojjatanii hojjisiisuun, akkasumas fooyya’ina mul’isuun ni barbaachisa. Ummatis ni hordofa. Gaafa paarlaamaan Waxabajjii 30tti xumuramu bakka dhimmooti kunniin gahan, kan deebii argataniifi fooyya’an akkasumas kanneen hinhiikkatin waliin xiinxalla jedheen yaada. Nama sana nu haa taasisu.

Torban gaarii!

BARIISAA SANBATAA Onkololeessa 5 / 2015

Recommended For You