Duudhaalee Irreecha keessa jiran

Torbee tare faayidaa irreechaa kan osoo itti hinfayyadamin jirru ilaalchisee waa barreesseen ture. Dhugaadha. Irreecharraa gama dinagdeetiin gahinaan hinfayyadamne. Yaadonni biizinasii hedduun irreecha keessaa burqanii maallaqa argamsiisuu qabu.

Akkuma torbee taree har’as xiyyeeffannaan koo ayyaana Irreechaati. Duudhaa Irreecha keessa jirurrattan xiyyeeffadha. Duudhaa dhalooti irreecharraa dhaaluu qabu; dhaalee ittiin hogganamuu qabu.

Irreecha yeroo dheeraaf irreeffadheera; umrii daa’imummaa koorraa jalqabee. Hora Arsadiis jalqaba bara 1990 irraa eegalee itti deddeebi’eera. Hora Finfinnee waggoota dheeraa booda jalqabee yeroo afraffaaf barana kabajame keessaas sadiirratti hirmaadheera. Mudannoofi muuxxannoo qaburraa ka’eeni kanan barreessu.

Hanga bara jalqabaa ta’uu baatus torbee har’aa Finfinneen faayamtee turte; namoota uffata aadaa Oromootiin miidhganiin, Afaan Oromootiin, alaabaa abbaa Gadaatiin… Ummati magaalaa Finfinnee kan Oromoo hintaanellee barana xiqqoo fuullisaa ifeera. Waan deddeebi’ee daaw’aterraa hubannoo fooyya’aa waan argate fakkaata. Ayyaanni Irreechaa, ayyaana nagaafi jaalalaa, kan waliin jireenyaa ta’uun waan galeef fakkaata.

Hoteelonniifi manneen nyaataa daandiirra jiran akka kanaan duraa karra hincufanne. Manneen nyaataafi dhugaatii hedduun banaa turan. Kanneen alaabaa Abbaa Gadaa balbalarratti fannifatanii keessummoota simachuuf qophaa’anis argeera. Gareewwan bishaaniifi midhaan qabatanii ummata Irreechaaf deemu karaa gubbaatti nyaachisanii obaasanis daawwadheera.

Sirbooti Afaan Oromoos manneen bashannanaa tokko tokkotti sagalee guddaan yoo sirbaman dhagaheera. Kun jijjiirama mul’achaa jiruudha. Gocha gaarii waliin nama jiraachisuudha. Kanaan dura haalli akkanaa hinturre jedhamuus baatu sodaan ni ture.

Gama kanaan mudannoo bara tare na qunname tokko isiniif qoodee gara dubbii ijoo kootti deebi’a. Aniifi hiriyaan kiyya tokko irreeffannee gara Calcalitti deemaa turre. Manneen bashannanaa naannawa sana jiran miira sodaatiin akka jiran nuuf gale.

Kanaaf mana tokko seennee yaa ilaallu jennee akkuma carraa mana tokkotti seenne. Uffata aadaa guutuu ta’uus baatu qoobii alaabaan Abbaa Gadaa itti maramte mataarraa qabna. Akka Irreechaa gallu ni beeksisa. Tasuma manatti seenne. Keessummeessitooti hoteelichaa yoo itti olseennu ija hamaadhaan nu ilaalan.

Nutis akka gammachuun nu simatan hin eegne. Barandaarra teenye. Takka of harkisaa dhuftee ‘maal ajajamu?’ nuun jette. “Biiraa qorraa nuuf fidi”jenneen. Ijji ishiin ittiin nu ilaalte kan miira keessa nama seensisu ture. Nuti duras dhugaatiif jecha waan hoteelicha hinseennef obsa godhanne. Kaayyoon keenya namni Irreechaaf bahe nama nagaa akka ta’e barsiisuufi hubachiisuu ture.

Hanga turte turtee waan ajajne nuuf fidde. Nutis nyaara guurree ‘abbaa warraa ykn nama bakka bu’aa’ nuuf yaami jenneen. Akka na’uu taate. Ol galtee nama tokko waliinnutti deebite. Sirba afaan Oromoo yoo qabaate nuuf akka banu gaafanne. Namtichi naasuudhaan ija keessa nu ilaale. “Hindhiphatin; yoo jiraate jenneeti”. Xiqqoo fuulli ifee manatti oldeebi’a.

Waaqayyo isa gargaaree sirba Artiisti Alii Birraa tokko nuu banee deebi’ee dhufee. Yoo deebi’ee dhufu namooti uffata aadaatiin faayeffaman gareen biraa teessoo biraa guutanii isa eegan.

Walhinbeeknu. Numa ilaalanii seenan. ‘kanuma qabna” jedhee ija keessa nus, warra dabalamanis asiif achi ilaale. Maaliif akka gaafanne itti himne. Innis nu hubate. Dura garuu ija sodaafi waanuma manasaa caccabsuuf itti dhaqne itti fakkaate. Namni ammuma walitti dhihaate walhubata jechuu barbaadeeni. Jijjiramni magaalaa Finfinnee keessatti mul’ataa jiru waggoota afuriif waan walitti deddeebineefi Irreechi nagaafi jaalala ta’uusaa waan itti agarsiisneefi.

Baranas Irreecha Hora Finfinnee booda yeroo dheeraa Ristooraantii Kakuu Maammee kan naannawa Caffee Muudaa (Lidataa) jiruttan dabarse, maatii koo nama torba waliin. Ristoorantii Kakuu Maammee osoo waa ol darbatanii lafa hin bu’u. Namni Irreechaa deebi’e achitti waan walbeellame fakkaata.

Nyaata Aadaafi dhugaatii Oromoo, Sirbi ‘bashbashiidha. Hanga bakka argannutti osoo asii achi mimil’annuu dargaggeessi tokko ‘teessoo irra taa’erraa ka’ee ‘koottaa as taa’aa’ naan jedhe. Ani isa hinbeeku. Innis na hin beeku. Kan walitti nu fide Irreecha. “Guddadhu; nagayaan gali” jedhee eebbiseen teessoo qabadhe. Keessi koo ni gammade. Teessoo argachuu kootiif miti. Duudhaa walkabajuu, duudhaa quxusuun angafa jalaa ka’uutu natti mul’ate.

Qeerroofi qarreen koo hiriira galanii nyaata aadaafi birzii nuuf fidanii dhufan. Ani taa’ee isaan ofirra taa’anii dhangaa dhandhamannee isaan gara sirbaa deeman. Ani bakka koo qabadheen hunda taajjabbiin hordofaa ture. Dargaggummaa koo kan dur sanatu ija dura na dhufe.

Qeerroofi qarreen ni sirbuun isaan hinibsu. Waan addaati. Gamoon sun isaan danda’uunsaa jabinasaa ibsa. Akkatti namatti tolu qaba. Namni akka koo taa’ee xiinxalu amala saba kanaarraa waan hedduu hubata; irraa barata.

Naamusni gaariin duudhaa irreecharraa baratamuudha. Naamusni gaheessi, maanguddoon, dhiirri, dubartiin daa’imti naamusti qaban ajaa’ibaadha. Nyaata ykn dhugaatii bitachuuf hunduu namusaan deema. Naamusaan waldabarsa. Walifachuun, waldhiibuun hinjiru. Dadhabaan ykn kan umuriin guddaan yoo dhufe xiqqaan ni dabarsa. Waliin nyaachuun gammachuudha.

Meeshaa riistoorantichaa akka qodaa mana ofiitti eegu. Burchuqoo cabe hinagarre, namni gufatee kufe hinjiru. Kan machaa’ee jeequ hinjiru. Kan ija hamaan walilaalus hinagarre. Xiqqaan guddaaf ka’ee boqachiisa. Duudhaa gaarii. Kan gaafa irreechaa qofa osoo hintaane yeroo biraas aadeffachuu qabnuudha. Kan namoota biroofis qoodamuu qabuudha. Aadaa boonsaa.

Walii na’uun duudhaa isa biraati. Namni garmalee waliif yaada. Guyyaa kana quxusuun angafa kabaja. Angafti xiqqaa kabaja. Kan humna qabu isa humna hinqabneef bakka gadi lakkisa. Ofii duubatti hafee isaaf dursa kenna. Kan qaban waliif qooduun, afaan gaarii walitti dubbachuun, hammeenya keessaa bahuun guyyaa kana sirriitti mul’ata. Hawaasti Oromoo duudhaa akkasiitiin horee walhore. Duudhaan kun nu bira taree addunyaaf fakkeenya gaarii ta’a.

Hawaasti sirna Irreecha kabajuuf Finfinnee dhufe hedduudha. Namooti kun hunduu nagaan bahee kan galeef waa malee miti. Akkuman muudannoo koo kaase kan dhiiga namaa dhaabu hedduudha. Kan miira keessa nama galchu xiqqaa miti. Hawwaasichi garuu obsa qaba. Nagaa barsiisee bira tara. Jaalala dhandhamachiisee deema. Kanaaf, Finfinneen ummatashii sodaachaa turte karra saaqufii qabde.

Yoon yaada koo walitti qabu. Duudhaan sirna Gadaa keessa jiru, duudhaan sirna Irreeffannaafi Waaqeffannaa keessa jiru kan ummati addunyaa madaqfachuu qabuudha. Duudhaa aadaafi ammayyummaa walitti hammateedha. Bagan aadaa kanarraa dhaladhe nama hin jechisiisuu?

Xumureera. Nama bara egeree nu haa taasisu.

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 28 Bara 2015

Recommended For You