Kuusaa qabeenyaa biyyi irraa hinfayyadamne

Birraan bariite. Jala bultii ayyaana Masqalaarra jirra. Ittaansuudhaan Irreechi dhufaa jira. Irreecha malkaa horawwan Finfiinneefi Arsadii. Ayyaanoti ji’a Fulbaanaa walitti aansanii dhufanii ummatis akka amantiifi fedhiisaatti kabajateera. Kabajachuufis qophiitti jira.

Abaaboon birraa daraaree dirreetti miidhagina uwwiseera.‘Ishoo yaa abaaboo birraa’ nama sirbisiisa. Fulbaana- Foolii birraa, miidhagina, jabina, kaka’umsa, abdii, onnata, aadaa, baasii. Fulbaana- ji’a waantoa hedduu qabatee dhufu.

Fulbaanni ji’a ayyaanota babbareedoofi hawwatoota qabuudha. Ayyanota qofaa miti. Baatii aadaan ummataa haala gaariin keessatti calaqqisuudha. Qaam’een gama tokkoon ayyaana. Ayyaana bara haarawaa (itti amanuufi dhiisuun waan biraati). Gama tokkoon aadaadha. Gama biraatiin amantiidha. Ayyaana waantota hunda walitti qabee gochaawwan mimmiidhagan qalbii namaa harkisaniifi gammachiisan keessatti raawwatu.

Masqala: Ayyaanni Masqalaa ayyaanota baatii Fulbaanaa keessa kabajaman keessaa isa tokko. Ayyaanni kun gama tokkoon hiika amantii qaba. Amantummaasaarra aadawwan sabaafi sablammii mimmiidhagaafi hawwataa of keessaa qaba.

Akka Oromootti ayyaana bacaqii gannaa itti ofkalanii birraatti bahaniidha. Mallattoo dukkana keessaa ba’uufi ifatti ce’uuti. Wayitii ce’umsaa. Irreechi, ateeteen, facaasaan, gugsiin, sirbi… waantota baay’etu jaru. Birraa “nama dhiisii horiifi bineensa daggalaatiif barri ni darba’ jedhama. Abdiidha. Bacaqiin qooree margi lalisee horiin kaloo cafaqanii dheedu. Namaaf asheetatu gaha.

Irreecha. Ayyaana guddaa saba Oromoo. Kalaqa Oromoo ta’us kan sabaafi sablammii walitti fidu. Kan oromooti gamaa gamasii keessaafi alaa walitti dhufee kabajatu. Ayyaana hunda haammataa. Kan ati Kiristaana, iti Islaama, ati Prootestaantiidha, ati Waaqeffataadha, ati Kaatoliikidha… kan biroo kan biroos kan hin jenne. Ayyaana hunda bakka tokkotti fidu. Kan hunduu Waaqa uumaatiif galata itti galchu.

Kanneen hundaa waa malee hinkaasne. Addunyaan bara kana shaqaxa qofa hingurgurattu. Qabeenya uumamaas ta’e namtolcheen maallaqa baasa. Ayyaanotiifi aadaa mimmidhagoon kunniin haala barbaadamaniin galii argamsiisaa hinjiran.

Akkamitti maallaqatti jijjiramu? Akkamitti ummati galii gahaa irraa argata? Akkamitti biyyi itti fayyadamti? Kunniin hundi yaadamuu qaba. Kunimmoo industirii turiizimii nama yaadachiisa. Kan addunyaan itti xiyyeeffattee baasii xiqqaan galii guddaa irraa argachaa jirtu.

Turiizimii. Waan tokko tokko isin haa yaadachiisu. Jalqabnisaa waggoota 400 dubatti nama deebisa. Jaarraa 17ffaa. Tujaaroti biyyoota Awurooppaa kan gama lixaafi kaabaa waggaatti altokko walitti yaa’anii imalu. Maqaa Imala Guddaa “Grand Tour” jedhamu itti moggaasanii biyyoota Faransaayi, Jarmanii, Itilii, Giriikfi kkf irra marsanii daaw’atu. Imalli kun seenaa, artiifi aadaa dinqisiifachuu wajjin kan walqabateedha. Adeemsa gammachuufi bashannanaa akka tures ni himama.

Jarraa 18ffaa keessa yaadamni kun cimaa dhufe. Tujaarotiifi kan maallaqa qabu kanneen biroos itti dabalamanii imala kana caalatti aadeffatan. Bara warraaqa industrii sana aadaan imalaa kun jabaatee gara maddaa galii aragamsiisuutti jijjiirame. Jaarraa kana keessa dhaabbati imalaa inni jalqabaa kan tajaajila turistoota olii gadi imalchiisu hundeeffame.

Maqaansaa “Thomas Cook & Son’ jedhama. Jaarraa 20ffaa keessa kalaqa konkolaataafi otobisii baay’inaan omisha. Konkolaatotaan walqabatees biizinasiin turiizimii babal’achuu eegale.

Jaarraa 21ffaa keessa turiizimiin addunyaarratti madda galii isa guddaadha. Utubaawwan dinagdee keessaa isa tokko. Addunyaan ittiin badhaadhaa jirti.

Galii seektara turiizimiirraa sassaabamuun kan Ameerikaa wajjin walgitu hinjiru. Akka maddi odeeffannoo https://www. atlasbig.com/ ibsutti waggaatti gara doolaara biliyoona 210 argatti. Bajata biyya keenyaa kan baroota meeqaa ta’a? Herreguun narraa hineegamu. Ispeeniifi Faransaayi sadarkaa 2ffaafi 3ffaa qabataniiru. Galiin isaan madda kanarraa argatan doolaara biliyoona 60 oli. Kan Ameerikaa hangan akka irraa fagaatu hubadhaa.

Biyyoota Afrikaa keessaa Afrikaan Kibbaafi Ijibtii ni dursu. Afrikaan Kibbaa addunyaaraa sadarkaa 33ffaa Ijibtiinimmoo 34ffaa Qabataniiru. Galiin waggaatti industirii turiizimiirraa argatan tartiibaan doolaara biliyoona 8.8fi biliyoona 7.7dha. Galii waliigalaa biyyattii (GDP) keessaa dhibbantaa 2.5fi dhibbanta 3.3 qaba. Hagam guddaa akka ta’e hubachuun ni danda’ama.

Ollaan teenya Keeniyaan, biyyoota Afrikaa baay’eedhaan hedduun durfamtus galiin argattu kan biyya keenyaa wajjin walbirattii yoo ilaalamu guddaadha. Addunyaarraa sadarkaa 94ffaa irratti argamti. Waggaatti toora qarshii biliyoona tokkoo argatti. Galii waliigalaa biyyattii dhibbantaa 1.2 kan utubduun galii damee kanarraa argamuuni. Kunuu bajata biyya keenyaa kan waggaa tokkoo ni caala.

Biyyi keenya hoo maalirra jirti? Gaafachuun keessan hinoolu. Addunyaarraa sadarkaa 124ffaa irratti argamti. Galiin turiizimiirraa argattu toora doolaara miliyoona 500. Galii waliigalaa (GDP) keessaa dhibbantaa 0.54 akka qabatu ibsa, ragaan https://www. atlasbig.com/ irratti maxxanfame.

“Aadaa bareeda qabna, hinjiru kan keenyan gitu” jenna. ‘Miidagina uumamni biyya keenya gonfachiise lakkaa’anii itti hinba’an’ jenna. Aadaafi duudhaa sabaafi sablammii, laggeen, haroowwan, allaattii, bineensota, kalaqoota adda addaa, amantiiwwan adda addaa kanneen waantota hedduu ofkeessaa qabantu jiru. Garuu addunyaatti hin gurguranne. Galii gahaa irraa hin arganne. Qabeenyarra teenyee bara baraan rakkachaa jirra. Bishaan keessa taa’anii dheebochuu sanaan walfakkaata.

Akkuman seensarratti kaase ayyaanoti ji’a Fulbaanaa keessa kabajaman kunniin qofti osoo sirriin addunyaaf dhaadheffamanii (beeksifamanii) madda galii guddaa ta’u. Galiin biyyattiin akka waliigalaatti argachaa jirtu ayyaanota guguddoo kanneenirraa qofa argamuu ni mala jedheen yaada. Gaaffii akkamitti jedhu tarsiimoofi karooraan deebi’a.

Akkuma beekamu Ayyaanota Masqalaafi Irreechaa biyya keenya Dhaabbati Barnootaa, Saayinsiifi Aadaa Addunyaa “UNESCO”n quba qaba. Ayyaanni Masqalaa dhaabbatichatti galmaa’ee addunyaarratti beekamtii guddaa argateera; hambaa hawaasaa isa guddaa ta’uudhaan.

Irreechi kophaatti galmaa’uu baatus qaama sirna Gadaati. “UNESCO”n akkuma ayyaana Masqalaa sirna Gadaatiifis beekamtii kenneera. Hambaa aadaa hawaasaa jedhee galmeesseera. Akkuma waliigalaatti biyyi keenya hambaawwan gara 13 dhaabbatichatti galmeessuudhaan Faransaayitti aantee addunyaarraa sadarkaa 2ffaa irratti argamti. Galiin irraa argattu garuu kan Faransaayiin kan walgituu miti. Hanga samiifi dachii walirraa fagaata.

Qabeenyawwan hambaa biyya keenyaa madda galii ta’uu akka qaban kan walnama gaafachiisuu miti. Itoophiyaan kibbaa hanga kaabaatti lixaa hanga bahaatti qabeenyawwan gabaa turiizimii harkisan hedduu qabdi. Addunyaan garuu qabeenya turiizimii kana hanga barbaadameen hinbeektu.

Garuu waggaa eegnee guyyaa Turiizimii Addunyaa ni kabajna. Qaamni mootummaa hojii kana hogganus ni jira. Garuu sochiin jiru gahaa miti. Qabeenya biraa rakkachaa jiraachuu keenya hubachuun barbaachisaadha. Haalli koviid-19fi waraanni biyya keenya keessa jiru dhiibbaa akka qabaatu beekamaadha. Garuu isumaan durayyuu seektarri kun xiyyeeffannaa guddaa hinarganne. Tarsiimoofi karoora bu’aa fiduun hogganamaa hinturre. Kun hamii miti. Bu’aan irraa argamaa jiru ragaa gaariidha.

Komishiniin Turiizimii Oromiyaafi Aadde Laliseen galata haa argatanii amma amma addunyaan qabeenya ummataa kana hubachaa jira.

Yeroo ammaa kana kaka’umsi gaariin mul’ataa jira. Hojiiwwan Finfinnee keessatti hojjatamaa jiran qaama damee turiizimii babal’isuutiin gahee guddaa qabu. Xiyyeeffannaan mootummaan Naannoo Oromiyaa gama kanaan kennes misha. Qaamni hojii kana hojjatu Hoggantuu Komishinii Turiizimii Oromiyaa, Aadde Lalisee Dhugaa dabalatee galateeffamuu qabu. Hojii jajjabaachuufi deeggaramuu qabuudha.

Warri Guyyaa turiizimii addunyaa eegee akkuma sinbira masqalaa waggaatti as bahan garuu dammaquu qabu. Qabeenyi biyyattii ummata fayyaduu qaba.

Torban gaarii isiniif haa ta’u!

Dachaasaa Roorrootiin

BARIISAA SANBATAA F ulbaana 14 B ara2 0

Recommended For You