Yeroo manneen barumsaa banaman

Baatiin Fulbaanaa ba’aa guddaa fe’atee dhufa. Jalqabbii bara haarawaati. Ayyaana bara haarawaatiif waan hedduutu nama barbaachisa. Akkuma ta’etti jala baane. “shawwadnee’ dabarre isa baranaa. Kan bara egereetiin immoo nagayaan nu haa ga’u.

Ba’aan inni biraa ayyaana Masaqalaafi Irreechaati. Ayyaanota kanneen kabajuufis bajata nama barbaachisa. Warri dhimmi ilaallatu akkuma humnasaaniitti simatanii, kabajanii dabarsuuf qophiidha. Nagayaan isaan haa qaqqabsiisu. Kan baranaas kan bara egerees.

Ittigaafatamni guddaan ji’a Fulbaanaa kan biraas ni jira. Inni kun marlaaleefi ulfaataadha. Amantiin kan qoodamuu miti. Sanyiidhanis gargar hinba’u. Yeroo kana manneen barnootaatu saaqama. Ijoolletu manneen barnootaatti ergama. Ittigaafatama kana bahuuf qophiin taasisamaa ture. Maatiifi qaamolee dhimmi ilaallatuun ittigaafatama kana bahuuf jala bultii gahaniiru. Wiixata iftaanii ykn Fulbaana 9 bara 2015 manneen barnootaa akka guutuu biyyaatti ni banamu. Bakkeewwan rakkoo nageenyaa qaban akkuma jiranitti ta’ee.

Saaqama manneen barnootaarratti taajjabbii tokkon qaba. Dur dur bara nugusaa sana manneen barnootaa idilee, kutaa 1ffaa-12ffaa, Masqala barii Fulbaana 18 banamu ture. Warri qaqqabe guyyaan kun yoo sanbatarra ooleen achi hinjijjiiramu. Asis achis hinsiqu. Bara Darguu fuulduratti butamee Fulbaana 3 ture. Kunis kaalaandara dhaabbataa akka ture himama.

Bara ADWUI jijjiramee Fulbaana 18tti siqe. Garuu kaalaandara dhaabbataa akka yeroo duraa sana hinturre. Waggoota muraasaa asimmoo keessattuu eddii koviid-19 sirna hojii addunyaa jeeqee as yeroo dhaabbataa dhabeera. Kaalaandara hinqabu. Kan to’atus hinjiru.

Rakkoon kaalaandara barnootaa eeguu dhabuu kun bakkuma hunda jira. Garuu kanneen akka manneen barnootaa dhuunfaa seera kana cabsu hinjiru. Yoo fedhan hanga jalqaba baatii Onkololeessaatti harkisu. Kun qulqullina barnootaarratti rakkoo qaba. Karikulamii kutaa barnootaaf qophaa’e akka yeroon hinxummurre dhiibbaa qaba. Kana qaamni dhimmi ilaalu hordofuu qaba.

Hangan dhimma barnootaa kaasetti rakkoowwan tokko tokko yeroo kana xuxxuquun barbaachisadha. Qaamni dhimmichi ilaallatu asuma jalqabarraa akka fooyyeffatu waan gargaaruuf.

Naamusa Manneen Barnootaa: Kan yoon jedhu hunduma ilaallata. Barataan qaama naamusa eeguufi eegsisuudha. Barsiistoti qaama naamusa fakkeenya ta’an qabaachuu malaniidha. Qabaachuu qofa osoo hintaane qaama naamusa mana barumsaa keessatti hojjatanii eegsisuuf ittigaafatama guddaa qabaniidha. Hawaasti manneen barnootaa keessa hojjatu hunduu dhimmichi ni ilaallata.

Gama kanaan naamusti mana barnootaa bakkawwan hedduutti rakkoo keessa galaa jira. Manneen barnootaa dhuunfaas ta’ee kan mootummaa keessatti. Barattooti barsiistotasaaniif kabaja hinqaban. Hanga kabaja hinqabaannettimmoo waan isaan barsiisan irraa fudhachuun rakkisaadha.

Barsiistotis barataa wajjin michooma hintaane keessa galanii kabaja of dhabsiisaa jiru. Waliif abboomamuun sirna mana barnootaa keessaa waan bahe fakkaata. Dirqama akka bara durii sana reebichi jiraachuu qaba jechaa hinjiru. Isumaan asitti, wantooti sirraa’uu qaban hedduudha.

Kan biraa naannawa manneen barumsaatti wantooti jibbisiisoon farra naamusa gaarii ta’an babal’achaa jiru. Jimaa qofa miti. Shiishaa qofas miti. Baalawwan sammuu ijoollee dhalattootaa adoochaniifi araada keessa qabsiisan gabaa guddaan naannawa manneen barnootaa akka jiran ibsama. Ijoolleen naamusa gaarii qabatanii manaa bahan naannawa kanatti bilaasha ta’aa jiru. Maatifis biyyaafis ba’aa guddaa ta’aa jiru. Gochaa fafa kana keessa bariistotillee bakka itti barattootasaanii waliin oolan akka jiru bal’inaan dubbatama. Hundaa miti. Warra naamusaan badaniidha.

Qamoleen qumaara qommorsiisanillee naannawa manneen barnootaa akka jiran dagatamuu hinqabu. Waa suuqii naannawa manneen barnootaa jiran dabtaraafi peennaa, waraqata kan gurguran ykn footoo koppii kaasanii miti. Waa mana nyaataa naannawa manneen barnootaa jiranii ija shakkiitiin ilaalamuu qabu. Buddeena qofa hingurguran. Warreen summii ijoollee balleessu daldalan hedduudha.

Kanaaf bara haaraa kanatti hojiin naamusaa manneen barnootaa keessatti bal’inaan hojjatamuu qaba. Ministeerri barnootaa, biiroleen barnootaafi caasaaleensaanii garajalaa jiran xiyyeeffannaa kennuufii qaba. Manneen barnootaa bakka dhalooti itti qaraman ta’uu waan qabaniif.

Barnootaafi Nageenya: Barana akkuma bara taree waan gaariin hinjalqabne. Waraanni xiqqoo dhaabatee ture deebi’ee ittifufee waraana guddaa keessatti bara haaraa simanne. Waraanni haala baruufi barsiisuurratti dhiibbaa guddaa akka qabu beekamaadha. Bajata dhaabbileen barnootaa ittiin babal’atan nyaata. Manneen barnootaa ijoolleen keessa ooltu barbadeessa. Dargagoota baratan barumsa dhaabsisa. Ijoollee xixiqqoo loltuu taasisa. Barsiistotaafi barattootatu qe’eedhaa buqqa’a.

Gama kanaan bara tare waan ture hundi keenya ni yaadanna. Manneen barnootaa hedduun waraana jidduu keenyatti ta’uun barbadaa’aniiru. Barattooti hedduun meeshaa akka qabatanii lola keessa galan taasifamaniiru. Barsiistotis akkasuma balaaf saaxilamaniiru. Kanneen kana keessa irbaata rasaasaa ta’anis lakkoofsisaanii guddaadha.

Barnootaafi Infileeshinii: Jechi qala’iinsa jireenyaa jedhu kun isa ingilfaan “inflation’ jedhamuun hagam akka walgitu hinbeeku. Garuu infileeshinii jechuun irra filadha. Hiika yaadrimee dinagdee bal’aa waan qabuuf.

Akkuma beekamu jireenyi hammaatteetti. Lukkuun kan bituuf qarshii kumaa olitti darbaa jirti. Killeen qarshii diijiitii tokko ceeteetti. Dinnichi bakka durii hinjiru. Timaatimiin kiiloon tokko qarshii 60-70 gaheera. Shukkaarrifi saamunaan, zayitiin, jakkettiifi shurraabiin, qamisiifi jaleen bakka dur hinjiran.

Kan nama ajaa’ibu kan meeshaa barnootaati. Peennaan ani sumunii tokkoon bitadhee itti baradhe amma qarshii 20 galteetti. Kan dabtarii hindubbatamu. Meeshaaleen barnootaa kanneen biroollee gatiin samii xuqeera. Kanaaf ijoolleen maatii galii xixiqqaa akkamiin mana barnootaa dhaqu? Yeroo manni barnootaa banamu kana wantooti guddaan nama yaachisan baasiiwwan manneen barnootaa wajjin walqabataniidha.

Mee maatiin ijoollee sadii ykn afur barsiisu (maaf kana hunda dhalchan hinjennu) akkamiin ijoolleesaanii barsiisu. Isa galii xiqqaa qofaa miti inni galii giddugaleessaatuu (akka biyya keenyaatti) danda’aa laata? Akka kiyyatti, bakki itti waliif birmachuu qabnu tokko bakka kanatti.

Inni galii fooyya’aa qabu, dhaabbileen ummataaf hojjanna jedhanii eeyyama baasanii biyya keessaafi alaa qarshii funaanan asirratti bal’inaan hojjechuu qabu. Lamiinis lammiif birmatee ijoolleen rakkoo keessa jiran mana barnootaa akka seenan deeggaruun ni barbaachisa.

Dhimma qoonqoo: Kan gubboos kadhaas hinbeekne qoonqoodha; agabuudha. Infileeshinii kanaan walqabatee wanti ciniinan dhabamaa akka jiru olitti kaaseera. Ijoollee xixiqqoo kanneen dhiisii namni jabaanuu beela’aa hojii ni hojjata jedhamee hin yaadamu.

Ijoolleen manneen barnootaatti ergaman kun garaa duwwaa taanaan maal baratu? Agabuu kutaa keessa taa’uun danda’amaa? Yoo taa’anillee waan barsiisaan jedhuun dhaggeeffatuu laata? Hinfakkaatu. Kanaaf yoomiyyuu caala bara jireenyi akkanatti mi’aaye kana walii birmachuun dirqama. Akkuma mixiin walqabattee laga ceetu kana ijoollee kanneen qabatanii bara hamaa kana ceesisuun dirqama lammummaafi waliin jireenyaati.

Gama kanaanis itti yaaduun gaariidha. Muuxannoon bulchiinsa Magaalaa Finfinnee gara hundatti babal’atuu qaba. Ijoollee qonnaan bulaa sanas ilaaluun barbaachisaadha. Ijoollee waraanaan gidiraa keessa galan san mil’achuun qaama naamusa gaariiti.

Akkuma waliigalaatti rakkoolee hedduu keessa jiraannus walgargaaruun haala baruufi barsiisuu kana utubuun ni barbaachisa. Baratoota hundaaf barri kan nagayaafi kan milkii haa ta’u

Bara Gaarii!

Dachaasaa Roorrootiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 7 Bara 2015

Recommended For You