Baruma baraan nagayaa haa hawwinu

Nuuf bara haaraadha. Boruu eegalee. Fulbaana 1 bara 2015 jennee lakkoofna. Warra kaaniif waggaan qixxee darbe. Baatii salgaffaa keessa jiru; bara 2022.

Waggaa darbe bara haarawaa ilaalchisee waa barreesseen ture. Xiyyeeffannoon barreeffama sanaa yoon duubatti deebi’ee ilaalu dhimma nagayaa ture. Baranas xiyyeeffannoon koo kanuma ta’a. Baruma baraan nagayaa walii hawwuutu caala. Hawwii qofti bu’aa qabaachuu baatullee.

Bara tare yeroo kana maal akka ture namni ni dagata jedhee hin yaadu. Kanneen caalatti itti miidhaman, kanneen sababa waraanatiin qe’ee buqqa’anii alatti dabarsan, kanneen ijoollee ykn fira itti dhaban haala kamiin dagatu?

Bara tare waggaa haarawa waraanaan simanne. Baranas wanti fooyya’e hinjiru. Ji’oota hedduu biyyattiin tasgabbii dhabummaan dabarsite. Kana keessatti waraanni lubbuu namoota hedduu galaafateera. Namoota kumaatamaan lakkaawaman qe’eedhaa buqqiseera. Kanneen miliyoonaan lakkaawaman beelaaf saaxileera. Qabeenya biliyoona hedduun lakkaawamu daaraa botoroo taasiseera.

Nageenyi bara tare jalqabarratti waliif hawwine sun milkaa’uu dide. Bara hamaa yeroo kamuu caalu dabarsine. Waraanaan seenaa biyyattii keessatti galmee guddaa qabutu adeemsifame. Waraanichi nagaa hinfidne. Silaa waraanni yoom nagaa buusee beeka?

Baranas nagaa waliif hawwuun keenya itti fufa. Mallattoon keenya meexxiifi sinbirroo nagayaa ta’uu qaba. Nagayaa!

Hawaasti mariiniifi araarri yaadame galma ga’a jedhee sonaan eegaa ture. Qalbiin keenya nagaa hawwaa turte. Garuu hintaane. Haalli kabeebsaan ture sun eddii jigee torban lama guutaa jira. Waraanni hamaan biyyattii keessatti adeemsifamaa jira. Dhiigni namaa dhangala’uun hindhaabanne. Namni qe’eesaatii buqqa’aa jira. Mancaatiin qabeenyaa itti fufeera. Haala kanaani bara haarawa simachaa kan jirru. Haala kana keessa gammachuun ni jira jedhee gonkumaa hin yaadu. Garuu bara haarawaa simachuu hindhiisnu. Barri haaraan kun kan nagayaa nuuf haa ta’u jennee kadhachuufi nageenyi akka bu’u waan nurraa eegamu gochuu hindhiisnu.

Akkuma bara taree, baranas rakkoowwan ijoo bara xumurree kanaa haa kaasu. Dhugaa dubbachuuf kan bara tareen adda miti. Dhimmooti bara tare ijoodha jedhee kaase barana caalatti ijoo ta’anii as bahan.

Dhimma Naageenyaa: Addunyaa kanarratti wanti nageenya caalu akka hinjirre irra deddeebi’ee barreesseera. Nageenyimmoo fedhiifi hawwii nama tokkootiin hindhufu. Nageenyi kan dhufu yoo qaamoleen hundi, keessaayyuu mootummaafi gareen finciltootaa; nageenyarratti xiyyeeffataniidha. Yoo rakkoorratti mari’ataniidha. Marii qofa osoo hintaanae yoo walii obsanii rakkoo irratti walii galaniidha. Kanaan ala nageenyi wawwaatudhaan hindhufu. Kanaaf bara haarawa kana biyya keenya keessatti nageenyi akka bu’u, namni nagayaan bobba’ee akka galu, jiruufi jireenyasaarratti akka xiyyeeffatu nageenya buusuun dirqama ta’a.

Ongee: Dubbiin cabaarratti buqqa’aa ta’e. Ongeenillee hammaatte. Ummati keenya lakkoofsi xiqqoo hintaane ongeef saaxilame. Kan naannoo Oromiyaafi Somaalee keessattu Godina Booranaan walqabatee jiruu hamaadha. Gujiinillee gartokkeen garmalee dhahameera. Mooraan loonii qullaatti hafteetti.

Bakka namooti hedduun sababa adda addaatiin beelaaf saaxilamaa jiranitti bara haarawa gammachuu, sirbaafi dhiichisaan dabarsuurraa waan harkaa qaban waliif darbachaa dabarsuutu caala.

Godaansa ummataa: Bu’aan waraanaa ykn nageenya dhabuu isuman olitti kaasedha. Du’uu, madaa’uu, beel’auu, qe’eedhaa buqqa’uu, …. Sababa waraanaatiin hawaasti biyya kanaa hedduun qe’ee jireenyasaatii baqateera. Magaaloti guddaa hanga xiqqashuutti baqattooti itti godaanaa jiru. Kanneen kaampitti dunkaana ykn galma keessatti walitti qabaman lakkoofsi hedduudha. Bakka rakkoo bal’aan jiru kanatti bara haarawa simachaa jirra. Bara haarawaa kana bara rakkoon godaansaa kun itti dhaabbatu akka ta’u nan hawwa.

Qaala’iina Jireenyaa: Qaalofti jireenyaa rakkoo hammaataa isa kan biraati. Jireenyi samii koreera. Infileeshiniin kan bara tareerraa garmalee ol ka’eera. Dinagdee waraanaa keessatti kisaaraa malee bu’aan waan hinjirreef hojjataan mindaa infileeshinii waliin walgitu hinqabu. Gama kanaanis dhalli namaa rakkachaa jira. Kan waan dhandhamatee bulu dhabaa jiru yeroo yeroon dabalaa deemaa jira. Kan ongee Waaqan kadhe. Kunillee dhimma yaachisaa bara haarawa kanaati. Falli itti barbaadamuu qaba.

Rakkoowwan ijoo kanneen hiikedhaaf maaltu ta’uu qaba? Gaaffii inni cimaan kanaadha. Qaamoleen falli harka jiru hedduudha. Muraasan maqaa dhaha.

Mootummaa: Waaqaa gaditti, jalqabarratti mootummaan nageenyarratti hojjechuu qaba. Haala nageenyi biyya kanaa itti mirkanaa’uu danda’urratti tarsiimoo baasee hojjechuun bakka bu’aa ummataa qaama mootummaa jedhamu kana ilaallata. Mootummaan obsa godhatee qaamolee dhimmi ilaallatu gamaa gamasii walitti fidee mariisisuun, gorsuun, yaadasaanii hubachuun haala nagaan bu’urratti bal’inaan socho’uu qaba. Bara haarawa kanatti hawaasti kana mootummaarraa ni eega.

Qaamolee hidhatanii mootummaan lolan: Dhimmi hundi mootummaa qofarratti hindhiifamu. Qaamoleen hidhannoo guddaa hanga xiqqaatti qaban hedduutu biyya kana keessatti socho’aa jira gara mariitti dhufanii rakkoo jiru mariidhaan furuuf qophaa’uu qabu; bara haarawa kanatti. Isaanillee rakkoo ummataa kana xiyyeeffannaa keessa galchuu qabu. Hunduu maqaa ummataatiin waan socho’uuf ummataaf kan fala ta’u nagaafi nageenya qofaadha.

Qaamolee Amantii: Biyyi kun biyya amantiin aangoo cimaa itti qabuudha. Amantooti Kiristaana Ortodoksii, Islaamaa, Kaatoliikii, Pirotestaantii amantoota alaa fudhanne garuu kanneen hordoftoota hedduu qabaniidha. Amantiin biyya keessaa dhalate kan akka Waaqeffannaa ammoo xiinsammuu hawaasa itti amanuu bocuufi tolchuu keessatti gahee qaba. Kana Maddiitti aadaan jaarsummaa biyya kana keessatti hawaasa biratti dhageettii guddaa qaba. Kanaaf, qaamoleen kunniin gaheesaanii bahuu qabu; nageenya fiduurratti.

Ummata: Ummati humna guddaadha. Jecha ammayyaawaatiin ummata jechuun mootummaadha. Kan mootummaa dhaabu ummata. Kan mootummaa buusu ummata. Kan isaaf ta’u kan filatu ummata. Kanaaf, ummati kun walta’ee qaamoleen biyya keessatti waltumaa jiran kanneen badii lubbuu ijoolleesaaniitiif sababa ta’an, kan isaanis nagaa dhorkan kunniin akka walitti dhufanii nagaa buusan dirqisiisuu qaba. Ummatichi kana gochuu kan danda’u yoo tokkoomedha. Yoo ofii walqooduu dhiisedha.

Hawaasa addunyaa: Biyyi kun miseensa biyyota addunyaati. ‘UN’ keessatti miseensa qofa osoo hintaane biyyoota jalqabarratti hundeessan keessaa ishii tokkoodha. Dhaabbata tokkummaa Afrikaa kan amma Gamtaa Afrikaatti jijjiirame hundeessuu keessatti gahee adda durummaa qabdi. Dhaabbilee guguddaa keessatti qofa osoo hintaane xixiqqaa keessattis shoorri taphattu olaanaadha.

Kanaaf, bakka nuti itti dadhabnetti hawaasti addunyaa nuuf birmachuu qaba. Biyyi gara tasgabbiitti akka deebitu gahee isaanirraa eegamu bahuu qabu.

Xumurarratti hawaasa keenyaaf nagaan hawwa. Barri simannu kun bara nagayaa akka nuuf ta’u Waaqayyo nu haa gargaaru. Nagaan yoo jiraate wanti hunduu ni gaha. Aangonis, qabeenyis, biyya bulchuunis yoo ummati jiraateedha.

Barri Bara Nagayaa nuuf haa ta’u. Leeel!

Dachaasaa Roorrootiin

BARIISAA SANBATAA Qaam’ee 5 Bara 2014

Recommended For You