Tarkaanfii beekumsarratti hundaa’etti haa seenamu

Ummanni Itoophiyaa ummata olaantummaa seeraatti cimsee amanuufi duudhaasaa ittiin beekamuudha. Baroota bilisummaafi haqni cabeera jedhee amanettis duudhaadhumasaa kana eegee ummata irree tokkoon qabsaa’eedha.

Fakkeenyaaf  Oromoo  biratti ‘adaraa seeraa’ yoo jedhame gochi hamaan kamuu hinraawwatamu. Kan of qusatu, Saba Amaaraa birattis jechamni, “Gaangee koo seeraan fudhatamterra cubbuxxoo koo seeraan ala fudhatamtefaa…” jedhuun  ummatichi iddoo oolaanaa seeraaf qabu ibsa.

Ummanni duudhaa seeraa beeku kun oggaa seerri kabajamuu dabu, haqni dabu, namni miidhamu, akka sirraa’uufiif mootummaatti iyyata, qabsaa’a. Kanaaf, seeraan alummaan ummata biyyattiitiif ibsama ta’ee hinbeeku jechuudha. Kan balleesse yoo jiraatellee qimmiidee karaatti deebisuu itti beeka.

Kun otoo kanaan jiruu waggaa tokkoo as injifannoo hawaasa bal’aa biyyattiifi addunyaa guutuu ajaa’ibsiise argame gufachiisuufi seeraalummaan akka babal’atuuf dhagaan hinbuqqifamne hinjiru. Ta’us dhimma olaantummaa seeraarratti ejjennoo duubatti hinjenne kan qabu ummanni biyyattii waltajjiilee argate hundarratti dhimma kabajama olaantummaa seeraarratti ciminaan dubbataa tureera.

Mootummaan biyyattii Doktar Abiyyiin durfamus amala addaa, mootummoonni darban hordofaa turanirraa adda ta’e (qajelfamoota obsa, ida’amuu, dhiifama, jaalala, yaada mo’ataa jedhufaa) qabatee ka’e qaamoleen tokko tokko akka garraamummaatti ilaaluun jijjiiramichatti gufuu ta’aa turaniiru, jirus.

Qaamoleen tokko tokko kanneen jijjiiramichi hinliqimfamneef biyya hidhannoo qawwee malee yaada mo’ataa qofaan injifachuun danda’amutti karaa ‘qabsoo’ moofaafi yeroon irra darbeen ummanni injifannoo dhiigasaatiin gonfate dhandhamataa misoomasaa akka hinfiniinsineef maqaalee adda addaa moggaafatanii gufuu nageenyaa ta’aa jiru. Kanaanis hanga mootummaa fonqolchuu yaaluutti deemameera.

Dhimma kanaafi kanneen biroorrarratti tibbana ibsa kan kennan Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad kana booda akka kanaan duraatti akka hindeemamne jala muranii akeekkachiisaniiru. Kanaanis, karaa heerri hayyamuun ala aangoo qabachuufis ta’e qaamolee nageenya ummataa booressuuf wixxirfataniif obsa akka hinqabaanne ibsan.

Kanaafis ummanni bal’aan farreen nageenyaa of keessaa harcaasaa, obsa maddiitti tarkaanfii beekumsarratti hundaa’e fudhachuun olaantumaa seeraa mirkaneessaa waamicha mootummaatiif awwaachuu qaba.

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 29/2011

Recommended For You

2 Comments to “Tarkaanfii beekumsarratti hundaa’etti haa seenamu”

  1. Pingback: he said

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *