Duudhaaleen Raayyaa Ittisaa sirriitti haa hubataman

Hojiin ogummaa kamuu duudhaa mataa isaa qaba. Ogummaan Raayyaa ittisaas saayinsaawaa waan ta’eef duudhaa hojii isaa ittiin gaggeefatu miidhagaa ta’e qaba. Kanaafuu raayyaan ittisaa sochii isaa guyya guyyaa keessatti  duudhaa isaa eeggatee sochoo’a.

Loogii siyaasaa kamirraayyuu fagaachuuf miseensonni isaa miseensummaa paartii kamiitiiyyuu ala akka taa’an taasisa. Haal duree tokko malee ummata biyyaattiif dursa kennaa, birmadummaa biyyaa eeguufi heera biyyaa kabachiisuuf dhaabbata. Yeroo tokko tokkos haala biyyaarratti hundaa’uun, duudhaan raayyaa ittisaa bu’uureeffama. Fakkeenyaaf biyya akka biyya keenyaa sabaafi sablammii hedduurraa uumamte keessatti loogii sabummaa keessaa ba’uuf miseensonni raayyaa ittisaa eenyummaasaaniif utuu hinta’ iin eenyummaa guutuu biyyaatiif akka tajaajilan taasisa.

Kanaafuu miseensonni raayyaa ittisaa biyya keenyaa sabaafi sablammii biyyattii mara irraa kan walitti babba’ an yoo ta’es, kan isaan tajaajilan eenyummaa keessaa ba’aniif utuu hin ta’iin eenyummaa biyya isaaniif innis Itoophiyaawummaadha.

Kun dhugaa ifaa ta’ ee utuu jiruu gareewwan fedhii siyaasaa dhokataafi shiraan xaxame qaban tokko tokko fuulduraan duudhaa kana cabsuu waan hindandeenyeef harka duubaatiin raayyaa ittisaa duudhaa akka fakeenyaatti kaafneefi kanneen biroo heddu qabu kana cabsuun biyya bittinneessanii ergama dhokataasaanii galmaan ga’ uuf utuu yaalanii mul’atu.

Kun ammoo abjuurra taree dhugoomuu kan hindandeenye ta’uusaa taatee ajjeechaa gidduu kana fonqolcha mootummaa naannoo Amaaraatiin walqabatee Shuumii Itaamaazyoorii Humna Waraanaa Jeneraal Sa’ara Makonnin irratti uumamerraa hubachuun ni danda’ama.

Sirna gaggeessaa reeffa Jeneraal Sa’ara Irratti haasaa ragaa ba’uu kan taasisan Jeneraal Biraanuu Juulaa ajjeechaan jeneraalota irratti raawwatame raayyaa ittisaa daran cimsuun ajjeeftota kan qaanessu ta’a jedhaniiru.

Kun dhugaadha! Gareewwan gocha kana raawwatan raayyaa ittisaa keenya sabummaan qoodanii walnyaachisuuf kan raawwatan ta’us, Raayyaan ittisaa duudhaa cimaarratti hundaa’ee kun akka salphaatti cabee diina kan gammachiisu akka hintaane beekuun “ABCD”  diinni hubachuu qabuudha.

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 22 bara 2011

Recommended For You

2 Comments to “Duudhaaleen Raayyaa Ittisaa sirriitti haa hubataman”

  1. Pingback: golden visa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *