Duudhaaleen naamusaa keenya eessa jiru?

Duudhaa jechuun maal jechuudha? Duudhaa jechuun qajeelfamoota ykn danboota naamusaa gaariidha jennee  fudhanne jechuudha. Kanneen keessaa dhiifama gochuu, haqummaa, bilisummaa nama biroo kabajuu, jaalala, jireenyaaf ulfina kennuufi of to’achuufaan ni eeramu.

Kanaafuu duudhaaleen naamusaa ittiin bullu waantota amala keenyaan dursa kenninuuf, hariiroo akkasumas qajeelfamoota naamusaa namoota wajjin qabnurratti dhiibbaa uumu. Duudhaaleen kunniin daran barbaachisoo yoo ta’anillee naamusni namootaa waljalaa badaa akka dhufeedha qorannooleen kan agarsiisan.

Ameerikaatti bara 2008 qorattoonni yaada namoonni duudhaalee naamusaarratti qaban beekuuf dargaggoota dhibbootaan lakkaa’amaniif gaafdeebii godhanii turan. Kanaanis qorataan Deeviid Biruuksi jedhaman barruu Niiwu Yoorki Taayimsi jedhamurratti akkana jedhaniiru. “Yaadniifi haalli dubbii dargaggoota qo’annoon irratti adeemsifamee ilaalchi isaan naamusaaf qaban daran gadi bu’aa ta’uu agarsiisa.

Kun ta’uun ammoo daran nama naasisa. Dargaggoonni kunniin dirqisiisanii gudeeduufi labbuu namaa galaafachuun gochoota gadhee ta’uu yoo beekanillee machaa’anii konkolaataa oofuun, mana mooksuun ykn hiriyaa jaalalaatiin ala oggaa qunnamtii saalaa raawwatanfaa yaadan duudhaalee naamusaa ni dagatu”.

Keessumaa shamarreen tokko, “Waanti tokko sirriidha ykn miti jedhee yaaduuf hangana hindhama’u” jetteetti. Dargaggoonni qorannoon irratti geggeeffame kunniin ejjennoo, “Yoo sirrii ta’ee sitti mul’ate raawwadhu. Waan garaan kee jedhu dhaggeeffadhu” jedhu qabu. Yaadni akkanaa beekumsaayii?

Garaan namaa jaalalaafi gadda gadifagoo agarsiisuuf dandeetii yoo qabaatellee hanguma sana hammeenyaafi mooksaan kan guutameedha.

Haalli naamusa addunyaa jijjiiramaa dhufuun dhugaa gaddisiisaa kana kan calaqqisiisuudha. Haalli ammaan tana gama naamusaatiin mul’ataa jiru waggoota dheeraa dura akka raagaa ykn raajiitti himamaati kan ture.

Kunis fakkeenyaaf Macaafa Qulqulluu keessatti, “Guyyoota dhumaatti namoonni kan ofiifi maallaqa jaalatan, oftuultota, of dhiibdota, jaalala hinqabne, garajabeeyyii, of hinto’anne, uumaasaaniirra gammachuu foonii kan jaalatan ta’u” jechuun Ximootewos 2fa, boqonnaa 3:1-5 keessatti eerameera.

Dhugaa kana hubachuun keenya garee keenya duuchumatti amanuurra akka shakkinu nu kakaasa. Gareen keenya akka gaariitti akka nu tajaajilu yoo barbaadne duudaalee faayida qabeeyyiin akka kompaasiitti sirraa’uu qabu. Duudhaalee akkanaa eessaa argachuun danda’ama? Duudhaalee kanneen argachuuf gara sagalee Uumaatti deebi’uun barbaachisaa ta’uu baay’onni ni ibsu.

Duudhaalee naamusaa itti of amanuu qabnu

Duudhaaleen naamusaa kitaabota amantiilee keessatti argaman dhala namaatiif jedhamanii kan qophaa’an ta’uu ragaaleen eeran baay’inaan jiru. Kanneen keessaa mee jaalala, arjummaa, garalafummaa, gaarummaafi dhugummaa akka fakkeenyaatti haa fudhannu.

Namootaaf jaalala agarsiisuu

Kitaabni, “Injiinariing Haapiinas: Ee niwu appirooch for biildiingi ee jooy laayiif” jedhamu, “Yoo faayidaa jaalalaa bartee ittigargaaramte gammachuun balbala kee rukuta” jedha. Dhugumas waan dhala namaa taaneef jaalalli nu barbaachisa. Jaalala malee gammachuu dhugaa argachuu hindandeenyu kaa.

Macaafni Qulqulluunis, “Jaalala uffadhaa, sababiinsaas jaalalli tokkummaadhaaf meeshaa amanamaa waan ta’eef” jedha, Qolaasaayis 3:14 jalatti, “Yoon jaalala hinqabne garuu ani gatii hinqabu” jechuunis ibsameera.

Jaalalli akkanaa korniyaa (saala) wajjin kan walqabate ykn miira qofaan kan qajeelfamu otoo hintaane, sirna bu’uura qabuun kan hogganamuudha. Kun akaakuu jaalalaanama rakkateefi nuti hinbeekne, kan nuti harka nuu deebisa jennee hinabdanne garaadhumarraa akka gargaarruuf nu kakaasuudha. Qorontoos 13:4-7tti keessa luqqisni akkana jedhu jira. Innis, “Jaalalli obsaafi arjaadha. Jaalalli hininaaffu. Of hintuulu. Of hindhiitessu, naamusa hinbabarbaachisne hinagarsiisu, fedhiisaa hindursu, hinaaru. Jaalalli miidhaafi haaloo galmeessee hinkaa’u.  Jaalalli ammeenyaan hingammadu, dhugaa wajjin malee. Hunda danda’ee ykn obsee bira darba. Waantota hunda ciminaan dandamata”. unhu

Jaalalli akkanaa maatii keessaa yoo bade miseensonni maatii hundi keessumaa ammoo ijoolleen ni miidhamu. Ameerikaatti dubartiin Moonikaa jedhamtu tokko, daa’imummaashiitti miidhaan qaamaa, miiraafi korniyaa akka irra gahe barreessiteetti. “Kanin guddadhe jaalala dhorkameefi abdii dhabeettii ta’eeni” jette.

Oggaa akaakayyuushii wajjin gara sagalee Uumaa dhagahuutti deebitu garuu, “Intalli ija lafettii turte, waggoota lama keessatti taphattuu, jaalattuufi of bira darbee namoota birootiif yaaduun baradhe, hubadhe. Kunis dargaggoo namoota biratti kabaja qabdu akkan ta’u na gargaare” jetti. Ammaan tana bultii gaarii kan qabdu Mooniikaan, abbaa warraafi ijoolleeshii sadii wajjin ergaa Macaafa Qulqulluu warra kaan barsiisuun jaalala namootaaf qabdu agarsiisaa jirti.

Diinni jaalalaa hamaan maallaqa jaalachuudha. Kana jechuun qabeenyaan badhaadhuufi ‘gammachuu’ isarraa argamuuf iddoo guddaa kennuu jechuudha. Akka qo’annooleen addunyaa ibsanitti, garuu qabeenya waantota bu’uuraa darbe hirachuun gammachuu nama hingonfachiisu.

Sirumayyuu namoonni qabeenya lafa kanaa kuufachuuf ifaajjan maallaqasaanii waan gammachuu isaan dhabsiisurratti dhangalaasaa jiru jechuun ni danda’ama. Kanarrattis luqqisni akkana jedhu jira. “Kan maallaqa jaalatu maallaqni isa hinga’u, kan badhaadhina jaalatus  bu’aasaatti hinquufu. Kunis faayidaa hinqabu” jedha. Kana malees kitaabichi “Jireenyi keessan jaalala maallaqaarraa walaba ta’uu qaba” jedha. 

Arjummaa

Ameerikaatti jiddugalli saayinsii tokko kitaaba baaserratti “Suuqii (dunkaana) tokko seentee otoo gammachuu barabaraa bitachuu dandeessee gaarii mitii?” jedhee namoota adda addaa gaafateera. Itti dabaluunis, “Yaandi kun waan hindanda’amne ta’uu fakkaatullee garuu hanga waanti bittu sun nama biraatiif ta’etti waan ta’uu maluudha jedha”. Kunis dubbii ijoon kennuun fudhachuurra gammachuu nama gonfachiisa waan ta’eef.

 Dhugaqabeessummaa

Duudhaan naamusaa kun hawaasa qaroome hundaafuu waan barbaachisuudha. Dhugaqabeessa ta’uu dhabuun sodaa, shakkiifi qisaasama hawaasummaa namatti fida. Asirratti waa’ee dubartii kaampaanii tokko keessa hojjettuufi maallaqa boorsaa wajjin argattee haa fudhannu. Dubartiin tun akeeknishii uumaashii gammachiisuu qofa maallaqicha fudhachuu miti. Oggaa abbaa maallaqichaa deebi’ee dhufu ishii bira akka jiru itti himte. Innis kanatti daran ni gammade, dinqisiifate. Iddoo guddaa, amanammaa guddaa gaafatuttis ni muude.

 “Kan lubbuu jaalatuufi guyyoota gaarii arguu fedhu arrabnisaa jechoota hamoo akka hindubbanne of eega” ergaan jedhu hangam dhugaadha, namatti tolas!”

Walumaagalatti hanga dhala namaa taanee waantonni gaggaariin akka nu bira darbu hinbarbaannetti gaarummaa jaalala onneerraa burqeendeddeebi’aa lubbuu keenya haa gammchiisnu. Sammuu, dubbii, yaada keenyaafi duudhaalee naamusaa ganne iddootti deebifachuuf jibba dabalatee waantota hinmalle, miira keenya balleessan akka okolee qoraasnee haa urgeessinu.

Charinnat Hundeessaatiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 22 bara 2011

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *