Namoota jijjiiramaaf onnatan horachuu

Geggeessaan duuka buutota qopheeffata otoo utuu hintaane geggeessitoota hedduu kaafata!

Geggeessaa cimaafi jijjiirama fidu kan ofii waan cimaa hojjetu qofa otoo hintaane kan namoota waan cimaa hojjechiisu ta’uu qaba. Sababiinsaas geggeessaan namoota kakaasuun ofii cimaa ta’uusaa mul’isuuf kan yaalu otoo hintaane namoota angessee akka isaan cimanii dhaabatan kan taasisuudha. Hojiin geggeessummaa namoonni akka isaan fedhasaaniitiin waan hojjechuu qaban hojjechuu danda’an taasisu malee geggeessummaan maqaa qofa ykn taayitaa qofa miti. Isa kana gochuu kan danda’an geggeessitoota miiraan geggeessan otoo hintaane gadifageenyaan yaaduun, beekumsarratti hundaa’uun hubannaafi bilchinaan kan geggeessaniidha.

Geggeessitoota jijjiirama fidan ilaalchisee qorannoowwan gara garaa yeroowwan adda addaatti taasifamaniiru. Isaan keessaa hojjettoonni geggeessitoota jijjiiramaa wajjin hojjetan tokko tokko fayyaansaanii akka eegamu, fayyaansaanii akka eegamu, hojiirraa hafuun akka xiqqaatu ibsu. Qorannoon ogeeyyii biyya Arabaatiin geggeeffame tokko akka eerutti garuu hojjettoonni geggeessitoota jijjiiramaaf hojjetan wajjin oolan akka miidhaman dubbatu. Sababiinsaa hojjettoonni akka jabaatanii hojjetaniif sababa dhiibbaa irraa ga’aniif fayyaa isaanii irratti miidhaa ni qabaata jedhu.

Hata’u malee geggeessaan jijjiiramaaf hojjetu jireenya namootaa jijjiiruurratti xiyyeeffachuu qaba. Wanta moofaa keessaa waan haaraa baasuu, tarsiimoo siyaasaa, aadaafi barmaatilee hojii nama hinhojjechiifne jijjiiruu danda’uudha. Geggeessummaa akkasaii keessatti isa bayeessa hojjete badhaasanii isa dadhabaa ammoo adabuu of keessaa hinqabu.

Haa ta’u malee geggeessitoonni hojjetoota wajjin ta’uun harka walqabatanii hamilee waliisaanii keessatti uumuudhaan kan waldammaqsuun hojjetaniidha.

Hojjetoonni akka jijjiiramaaf of kennaniifi akka geggeessitoota wajjin hojjechuu danda’an gochuu barbaachisa. Geggeessaa qofa otoo hintaane fedha hojjettootaa qorachuun, fedhasaanii guutuufi hojjettootaaf ilaalcha sirrii qabaachuun bu’aa guddaa qabaata. Sababiinsaa kamuu bakka jirutti jijiirama fiduu, ilaalcha gaarii argachuu, waan gaarii hojjeteef beekamtii argachuufi kkf ni barbaada.

Geggeessaan geggeessummaasaa irratti barataan barumsasaatti, daldalaan daldalaasaatiin, atileetonni gama irrattibobba’aniin jijjiirama fiduu ni barbaadu. Garuu karaatu isaan barbaachisa, kallattii sirrii irra fiiganii milkaa’an itti agarsiisuun daran barbaachisaadha.

Kanarraa kan ka’e namoonni geggeessummaa ilaalchisee gaaffiilee hedduu ni qabaatu. Gaaffiwwansaanii keessaa muraasni jijjiiramaafi dhiibbaa gaarii akkaataa itti fiduun danda’amu, doksaa geggeessitoota addunyaa kanarratti dhiibbaa gaarii fidanii bakka jiranittis ta’e fuula duratti jijjiirama fiduuf ulaagaalee hordofuu malan kan jedhuufi kkf qabaachuun ni danda’u.

Sababiinsaas namni bakka jirutti jijjiiramaafi dhiibbaa gaarii fiduu hinbarbaadne hinjiru. Geggeessitoonnis jijjiiramaaf akka hojjechuu barbaadan, kaayyoonsaanii jijjiirama fiduu akka ta’e yeroo isaan dubatan ni dhagahama. Saabiinsaas namni kamuu oggaa geggeessummaaf barbaadamu jijjiirama akka fiduuf malee lafa kanarra qabachuun waan addunyaan kennitu soorachuufi waggaa lakkaa’achuun biyya lafaarraa godaanuuf miti.

Yookaan ammoo akka namoota addunyaa hedduu addunyaa kanarratti bakka geggeessummaa qabachuun balleessaa seenaan hindaganne dalaganii darbanii akka taanuufis miti. Kanneen jijjiirama fiduurra badiisaafi dhumiinsa dhalootatti fidan hedduudha.

Geggeessitoonni kufaatii ooluuf, dhalootas ta’e biyya kufaatii jalaa baraaruuf, dhaloota biratti tuffatamuu jalaa bahuuf, warra geggeessan hunkurama jalaa baraaruuf, nama jijjiiramaa ta’uuf karaan jira. Garuu of kennuu barbaada.

Ajajaan loltoota biyya Xaaliyaanii Naappoliyoon jedhamu waa’ee geggeessitootaa oggaa dubbatu, “Hoomaan illeettii leencaan geggeeffamu hoomaa leencaa illeettiin geggeeffamurra harka hedduun caala” jedha. Geggeessummaan ga’ee guddaa taphata. Egereen dhaabbata tokkoo geggeessitootarrratti hundaa’a. Kuffisuufis ta’e kaasuun harka geggeessitootaa keessa jira.

Haa ta’u malee akkamitti geggeessaa cimaa ta’uun danda’ama? Mankuusa Amaazoon jedhamu qofa keessa kitaabota geggeessummaarratti barreeffaman matadureewwan adda addaa kuma 40 oltu jiru. Isaan kunniin hundi akkaataa itti namoonni geggeessitoota cimoo ta’an ilaalchisee waantoa hedduu dubbatu.

Geggeessitoonni jijjiirama fidan kanneen seenaatti bifa godhan, kanneen addunyaa kallattii qabsiisan jijjiiramaaf dhalataniidha. Addunyaa kanarratti namoota hunda keessatti isa kana arguu yoo dadhabnellee geggeessitoota muraasa keessatti arguu dandeenyeerra.

Kanneen geggeessummaaf uumaman fakkaatan wal’aansoo cimaafi abdii kutachiisoo injifatan, kanneen dukkanaafi abdii kutannaa mo’atan, kanneen warra geggeessaniif humna mul’ataa fidan, dhaloonni ija isaanii waan darbe irraa kaasanii fagootti ilaaluu akka danda’an kan jajjabeessan, duuka buutotasaaniif jabina kan ta’an, kallattii kan agarsiisan jireenya fakkeenyummaa hordofamuufi irraa baratamu kan qaban turan.

Isaan keessaa seenaan kan hindaganne kanneen akka Abrahaam Liinkan, Mahaatama Gaandii, Neelsan Maandeellaa, Maartiin Luutar Kiingifaa maqaa dhahuun ni danda’ama. Isaan kunniin geggeessummaa bilchina qabuun kan geggeessan, hojiin kan agarsiisan, jijjiirama dhufuu qaburra ijasaanii kanneen keewwatan, wanta hindanda’amne fakkaatu akka danda’amu kan agarsiisanuudha.

Seenaa namoota hedduu yoo qorannu adeemsa geggeessummaasanii keessatti daandii deemuu qaban rakkinaan yoo guutamellee shakkiifi sodaa malee jijjiiramaaf kan hojjetaniidha. Geggeessummaasaaniitti waanti foolii gaarii godhu inni biraan ijaa bahuuf jecha isa darbe qofa leellisuun yeroo akka hindabarsineedha.

Walumaagalatti amala geggeessaa cimaan qabu agarsiisan obsa, dhiifama, ilaalcha gaarii, abbaa mul’ataa fagootti argu, waan guddaa yaaduufi ilaalu, ofiisaaniirra kaayyoofi ergamasaanii irratti xiyyeeffachuu, jibbarraa of eeggachuun abdiin guutamuu, waa heddu jechuun nidandama.

Isaan kunniin walitti ida’amuun waan namni biraa hindandeenye akka danda’aniifi wantoota namoonni biroon hojjetanii darban irra deebiuu otoo hintaane kalaqootaakka ta’an mul’ise.

Jireenya geggeessitoota jijjirama fidanii yoo ilaallu kan isaan waliin qaban kabajaafi bu’aa dhunfaatiif kan hintattaafanne, badhaadhinni dhuunfaa keessasaanii kan hinjirre, dadhabisaanii dhoksuuf kan hin yaalle, maniirratti kan xiyyeeffatan, abdiin kan guutaman, obsa kan qabaniifi kan namoota hirmaachisan, haala ulfaataa kan dandamataniifi keessa darban, of xiqqeessanii waan guddaa kan hojjetan, yeroo mara kan barataniifi of jijjiiruuf kan yaalaniidha geggeessitoonni jijjiiramaa yaada namoota adda addaa hanga danda’ametti kan keessummeessan, kan hirmaachisan, geggeessitoota birootiif gaariifi haala gaarii kan qopheessuun kan guddisan, aangoosaanii kan agarsiisan otoo hinaatne kanneen karaa agarsiisan, haala mijeessan, warra geggeessan namoota tajaajiluuf kan qophaaaniidha jedhan kitaabni mataduee, “Geggeessaa Jijjiiramaaf Dhalate” jedhuun Zarihun Gabreetiin bara 2010 barreeffame.

Charinnat Hundeessaatiin

Bariisaa Waxabajjii 15 bara 2011

Recommended For You

One Comment to “Namoota jijjiiramaaf onnatan horachuu”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *