Tola ooltummaa boqonnaa sammuutiif

Barataa cimaa qormaata kutaa 10fa Roobii darbe xumurame fudhate tokko akkuma barame qormaanni akkami jedheen gaafadhe. Innis, “Gaariidha. Akkan sodaadhe miti. Garuu qormaata barumsa lamaatu xiqqoo natti ulfaate” jedhee naa deebise. Anis gaaffii koo biraa ittaanseen gaafadhe.

Yeroo boqonnaa kee haala kamiin dabarsuuf karoorfattee jennaaniin, “Anoo hanga ammaatti homaa hinkaroorfanne sichuman ittiyaada naan jedhe. Fedhii akkamiitu keessa kee jira jennaaniin, waan teknolojiidhaan walqabatu otoon baradhee natti tola jedhe.

Egaa yaada kanarraa hubachuun kan danda’amu dhimma tola ooltummaarratti daran hojjechuu akka barbaachisuudha. Maatii ofiirraa eegalee biyyaaf tola ooluun soorata sammuu akka ta’e manneen barnootaatti barattoota hubachiisuun baay’ee barbaachisaafi murteessaa ta’uusaati.

Barattoonni danuun akkuma barataa ani gaafadhee yeroo gannaa kana maal hojjetaa akka dabarsan hinbeekan. Maatiinis dhimma kanarratti hubannoo cimaa waan hiqabneef ijoolleesaanii wajjin dhiphatu, rakkatu, maal barsiisu jechuunis yaadda’u.

Kanaaf qaamoleen dhimma tola ooltummaa kanarratti hojjetaa jiran tola ooluuf nama ta’uu qofti ga’aa akka ta’e hubachiisaa yaadrimeesaa hawaasa bal’aa qabsiisuurratti cimanii hojjechuun irraa eegama.

Hojii tola ooltummaa kanaan waantonni raawwatamuu qaban hedduun waan jiraniif akaakuu hojii keessoosaanii jirurratti bobba’uun sammuusaanii boqonnaa gonfachiisaa, lammiifi biyyasaanii gaarummaa ooluudhaan tajaajiluuf of qopheessuu qabu.

Gama kanaan sagantaa bardheengaddaa walyaadachiisuun yoo barbaachise, yaada Ministirri Muummee Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi burqisiisaniif ofumaa irratti hirmaataniin manneen jireenyaa harka qal’eeyyii suphuurraa eegalee hojiilee hedduun raawwatamaniiru. Barattoonni dhaabbilee barnoota olaanaa naannoo itti dhalatanirraa gara naannoo biraa deemuun hojiilee tola ooltummaa danuu raawwataniiru.

Baranas gama tola ooltummaa kanaan karoorri guddaan qabamee hojiitti seenamaa waan jiruuf keessumaa barattoonni dhaabbilee barnoota olaanaa barattoota sadarkaa gadii jiraniif barumsa tiitoriyaalii kennuu, manneen jireenyaa harka qal’eeyyii haaromsuu, karoorri biqiltuu biliyoona afur dhaabuuf akka biyyaatti qabame akka milkaa’uuf hojjechuu, ittisa balaa tiraafikiirratti, dhiiga arjoomuu, magaalaa keessa jiraatan qulqulleessuu walumaagalatti hojiilee ummataaf fayyadan hojjechaa sammuusaanii sooruu qabu.

Qaamolee dhimmichi ilaallatus hubannoo barattootaas ta’e dargaggoota biroo gabbisuun hojiitti bobbaasuu qabu. Kanneen hojii kanarratti of kennaniin hirmaataniif ammoo kallattiidhuma ministirri muummee kanaan dura kennaniin turaniin waraqaa ragaa akka muuxannoo hojiifi yaadannootti isaan gargaaru kennuufiin tola ooltummaa iddoowwan tokko tokkotti kaleessa ifatti eegalame milkeessuurratti cichanii hojjechuu qabu.

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 8/2011

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *