Jimmaa Abbaa Jifaar mo’amus carraa biraa argate

Finfinnee: Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaatiin waggaa waggaan kan adeemsifamu Shaampiyoonaan Kubbaa Miilaa Kilaboota Afrikaa, baranas biyyoota adda addaatti adeemsifamaa jira.

Shaampiyoonicharraatti hirmaachaa kan jiran walmorkiiwwan kilaboota biyyootassaaniitti bara darbee abbaa waancaa ta’an jiddutti. Haaluma kanaan bara 2010tti abbaa waancaa kilaboota Itoophiyaa kan ta’e kilabni Jimmaa Abbaa Jifaar, Itoophiyaa bakka bu’uun walmorkii kilaboota Afrikaarratti hirmaachaa jira.

Kilabichi taphawwan gulaala duraa kilaba Jibuutii, Teelkom wajjin taasifate dhaqaaf deebitti mo’achuudhaani tapha ittaanuf kan darbe. Walmorkii ittaanu kilaba Misir Al Ahilii wajjin taphawwan adeemsifateetti, ammoo Kaayirootti 2-0n mo’ame, Dilbata darbe Istaadiyoomii Finfinneetti 1-0n mo’atus qabxii dimshaashaatti 2-1n mo’amuudhaan gulaalaa ala ta’era.

Taphatonni Jimmaa Abbaa Jifaar walmorkii deebii Dilbataa kanatti sochii gaarii taasisanis, muxannoo dhabuurraan kan ka’e galcha tokko qofa galchuun carraa harkasaanii galte dhabaniiru.

Kilabni Jimmaa Abbaa Jifaar walmorkii biyyooleessaarratti yoo hirmaatu kan ammaa kun isa jalqabaati. Walmorkii baranaa kanarrattis kan hirmaachaa jiru taphattonni ciccimoon isaa kanneen bara darbe shaampiyoonaa isa taasisan baay’een gara kilabota biroo waan seenaniif taphattoota haarawaa kanneen muuxannoo ga’aa hinqabneen hirmaachusaatti gulaalaa ala kan ta’e.

Kilabni Misir Al Ahiliin seenaa shaampiyoonaa kilabota Afrikaa keesatti maqaa olaanaa kan qabuufi yeroo saddeet waancaa konfedereeshinichaa kan fudhate yoo ta’u, yeroo 40f ammoo shaampiyoonaa kilaboota Misiri.

Jimmaa Abbaa Jifaar shaampiyoonaa kubbaa miilaa Totaal jedhamu ala ta’us, Walmorkii Waancaa Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Kilaboota Afrikaarratti Itoophiyaa bakka bu’uun hirmaachuuf carraa argateera.

Walmorkii kanarratti Itoophiyaa bakka bu’uun hirmaachuuf carraa argate kan ture bara darbe abbaa waancaa mo’anii darbu kilaboota Itoophiyaa kan ture kilabni Raayyaa Ittisaa yeroodhumaan mo’amee gulaalaa ala ta’usaatiini.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *