Dorgommii Manneen Barnootaa Paan Afirikaanizimiifi bu’aasaa

Charinnat Hundeessaatiin

Finfinnee: Dorgommiin Kubbaa Miilaa Mana Barnootaa Paan Afrikaanizimii bara darbe akka Afrikaatti Kongoo Kinshaasaatti jalqabe. Naannoon Oromiyaa bara darbe dhiiraan, Naannoon Kibbaa ammoo dubartootaan Itoophiyaa bakka bu’uun dorgommicharratti hirmaataniiru. Dorgommiin kun barana kilaastera kilaasteraan Taanzaaniyaatti adeemsifamaa kan ture yoo ta’u, Oromiyaan barana dhiiraafi dubaraan Itoophiyaa bakka bu’uudhaan dorgomicharratti hirmaachuun lammaffaa ba’uu Hoggantuu Biiroo Dargaggootaafi Ispoortii Oromiyaafi dursituun garichaa Saamiyaa Abdallaa Gaazexaa Bariisaatti himaniiru.

Magaalaa Adaamaarraa Manni Barnootaa Gadaa Roobalee dhiiraan, Magaalaa Amboorraa ammoo Manni Barnootaa Awwaaroo dubartootaan dorgommicharratti kan hirmaate ta’uu himanii, garichi dorgommicharraa muuxannoowwan gaggaarii hedduu qooddateera. Aadaafi eenyummaa biyyoota adda addaarraas waa hedduu barateera. Kaayyoon dorgommichaa inni guddaan obbolummaa cimsuuf ta’uus eeraniiru.

Gareen jilaa dhiiraafi dubaraan dorgommicharratti hirmaatan lammaffaa ba’uudhaan meedaaliyaa meetii kan badhaafame ta’uu eeranii, manneen barnootaa lamaan qofa qofaatti doolaara kuma 75 walumaagalatti doolaara kuma 150 badhaafamaniiru. Dargaggoota olguddattootaafi barattoota manneen barnootaarratti hojjechuun ispoorteessitoota ciccimoo horachuurratti gahee olaanaa kan qabu ta’uus himaniiru.

Barana ispoortii manneen barnootaa keessatti deebisuuf Biiroo Barnoota Oromiyaa waliin waliigaltee mallatteessinee waliin hojjechaa jiraachuu himanii, Dorgommii Kubbaa Miilaa Mana Barnootaa Paan Afrikaanizimii irratti kan hirmaatan barattoota qofa waan ta’aniif ispoortiin manneen barnootaa keessatti akka cimu taasisuurratti xiyyeeffatanii hojjechaa jiraachuus dubbataniiru.

Dorgommii Kubbaa Miilaa Mana Barnootaa Paan Afrikaanizimii bara darbe Kongoo Kinshaasaatti adeemsifamerratti dhiiraan afuraffaa baanee turre kan jedhan Saamiyaan, muuxannoo bara darbe dorgommicharraa arganneen barana sadarkaa keenya fooyyeffachuun dhiiraafi dubaraan lammaffaa baaneera. Dorgommichi manneen barnootaa dorgommii ispoortii akka adeemsisaniifi shaakallii akka taasisaniif carraa gaarii uumeera jedhu.

Dorgommii Kubbaa Miilaa Mana Barnootaa Paan Afrikaanizimii baranaarratti hirmaachuun dura akka Oromiyaatti Shaampiyoonaan kubbaa miilaa Manneen Barnootaa Magaalaa Adaamaatti adeemsifamuu eeranii, manneen barnootaa lama (Manni Barnootaa Gadaa Roobalee Adaamaarraa, Manni Barnootaa Awwaaroo ammoo Magaalaa Amboorraa) Oromiyaa bakka bu’uun shaamphiyoonaa kubbaa miilaa manneen barnootaa sadarkaa biyyaatti adeemsifamerratti hirmaachuun dhiiraan manni barumsaa Gadaa Roobalee Magaalaa Adaamaarra, dubaraan ammoo Manni Barumsaa Awwaaroo Amboorraa tokkoffaa ba’uudhaan Itoophiyaa bakka bu’uudhaan Dorgommii Kubbaa Miilaa Mana Barnootaa Paan Afrikaanizimii barana Taanzaaniyaatti adeemsifamerratti hirmaataniiru jedhu.

Ispoortiin hundaa ol jaalala, obbolummaafi tokkummaa waan cimsuuf dorgommiin ispoortii sadarkaa naannoo, biyyaa, ardiifi addunyaatti adeemsifamu jaalala, obbolummaafi tokkummaa cimsuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu himanii, akkasumas aadaafi eenyummaa keenya waliif ibsuufi walirraa barachuuf kan gargaaru ta’uus himaniiru.

Gareen jila Dorgommii Kubbaa Miilaa Mana Barnootaa Paan Afrikaanizimii barana Taanzaaniyaatti adeemsifamerratti hirmaates sirba, aadaa uffannaafi faaruu Oromiyaafi Itoophiyaa ibsu waltajjicharratti agarsiiseera kan jedhan Saamiyaan, dorgommichi hariiroo obbolummaa keenya cimsuufi eenyummaa keenya beeksisuu keesstti gumaacha guddaa kan qabu ta’uus eeraniiru.

Dorgommiin kubbaa miilaa manneen barnootaa Paan Afrikaanizimii kun bara dhufu Afrikaa Kibbaatti kan adeemsifamu ta’uu himanii, ganna dhufu ammoo taphni waliigalaa kan manneen barnootaa Ruwaandaatti ni adeemsifama jedhan. Manneen barnootaa lamaan Dorgommii Kubbaa Miilaa Mana Barnootaa Paan Afrikaanizimii baranaarratti hirmaatan irradeebiidhaan dorgommii manneen barnootaa ganna dhufu Ruwaandaatti adeemsifamurrattis Itoophiyaa bakka bu’uun kan hirmaatan ta’uus himaniiru.

Gareen jilaa Dorgommii Kubbaa Miilaa Mana Barnootaa Paan Afrikaanizimii barana Taanzaaniyaatti adeemsifamerratti hirmaatan ramaddiisaaniirraa dhiiraan tokkoffaa dubartootaan ammoo lammaffaa ta’anii darbuu himanii, dorgommicha dhiiraanis dubaraniis lammaffaa ba’uun xumuraniiru. Qabxiin dorgommicharratti argame ispoortii kubbaa miilaatiin jijjiiramni jiraachuu kan mul’isu ta’uus eeraniiru. Manneen barnootaa keessattis dorgommiin ispoortii akka cimuuf carraa uumeera jedhu.

Gosa ispoortii hundaan guddattootarratti yoo hojjenne ispoortiirratti jijjiirama guddaa fiduu dandeenya kan jedhan Saamiyaan, keessumaa dorgommiin ispoortii manneen barnootaa keessatti adeemsifamu cimee kan itti fufu ta’a. Abbootiin qabeenyaa, miidiyaaleefi qaamoleen hundi tumsa barbaachisu akka taasisaniif gaafataniiru.

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 2 Bara 2015

Recommended For You

6 Comments to “Dorgommii Manneen Barnootaa Paan Afirikaanizimiifi bu’aasaa”

  1. Pingback: fuck boy 2024
  2. Pingback: The Deb

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *