“Ciroon galii ofiitiin buluurra dabartee naannoodhaafuu tumsa taasisaa jirti” -Obbo Mahaammad Umar

Ciroo: Magaalaan Ciroo magaalota umrii dheeraa qaban keessaa ishee tokko taatus, guddina umriishee madaalu keessa akka hin turreefi wagoottan jijjiiramaa kana keessatti garuu sochii abdachiisaa keessa jiraachuu Kantiibaan Magaalattii Obbo Mahaammad Umar ibsan.

Obbo Mahaammad ibsa torbee darbe Gaazeexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, Magaalaan Ciroo kan hundoofte bara 1915 wayita biyyattii keessatti magaalotni muraasni qofti hundeeffamaa turan ta’us, sirni dhufaa darbaa biyyattii kana keessa ture hunduu qabeenya naannawa magaalatiitti argamu saamuu malee magaalattiifi hawaasa achi keessa jiraatuuf garuu jijjiiramni qabatamaa dhufe akka hinturre eeraniiru.

Waggoota jijjiiramaa kanneenitti magaalattiin misoomaa abdachiisaa keessa jiraachuu eeranii; keessattuu waggoottan lamaan darbanii as magaalattiin galii ofii sassaabduun akka bultu taasifamuusaan hojjattoota magaalattiif miindaafi baasiiwwan garaa garaa uwwisuu bira darbitee yeroo ammaa sadarkaa Oromiyaadhaaf maallaqa itti dhangalaaftu bira qaqqabuushee ibsaniiru.

Akka isaan jedhanitti, bara darbe qofa magaalattiin gandoota riifoormii magaalotaa taasifameen magaalaa Ciroo jala galan jaha keessatti ijaarsa bu’uraalee misooma gara garaa kan raawwatte yommuu ta’u, kana keessaa gaaffii hawaasa gandoota hedduu kan ture daandii kiiloomeetira 13 ta’u ijaaruun isa tokko.

Riifoormiin magaalattiin akka galii keessootiin bultuuf hojjatame magaalattiin humna qabdu duguugdee akka fayyadamtuuf waan carraa uumeef hojiilee bu’uraalee misooma magaalattiitti hojjachiisuu bira darbamee bara bajataa kana naannoof qarshii miiliyoona 27 ta’u dhangalaasuuf karoorfamee hojjatamaa jiraachuu eeraniiru.

Galiin magaalattii kanaan dura gadaanaa ture ammaan tana gara qarshii miliyoona 596 irra gaheera. Kanaaf naannoon erga bajata ramaduufii dhaabee waggootni lama darbaniiru. Yeroo ammaa galii ofiin buluu bira darbee hojiin bu’uraaleen misoomaa magaalattii bajatuma magaalattiifi hirmaannaa dhaabbilee misoomaafi jiraattotaan uwwifamaa jira.

Karoora bara kana galii keessootiin sassaabuuf qabame keessaa hanga ammaatti qarshii miliyoona 300 ta’u sassaabuun danda’amee jira.

Hojiilee misooma koriidariitiinis gandoota magaalattiin qabdu 10 keessaa gandootni torba bakka koriidariin itti misoomuuf hojii diiggaa manaa guutummaatti kan raawwatan ta’uus himaniiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 10 Bara 2017

Recommended For You