“Oromiyaatti sosochiin ispoortii yeroodhaa gara yerootti guddachaa jira” -Obbo Dassaalany Xilaahun

Baatuu: Qopheessummaa Biiroo Dhimma Dargaggootaafi Ispoortii Oromiyaatiin waggaa waggaadhaan magaalota adda addaatti kan adeemsifamu dorgommiin madaallii pirojekitii dargaggootaafi dargaggoota guddattootaa yeroo yeroodhaan hirmaattotasaa dabalaa dhufeera. Waan biirichi dorgommichaaf xiyyeeffannaa olaanaa kenneef hirmaannaan dubartootaas dabalaa dhufeera.

Akkasumas akkaakuuwwan ispoortii muraasaan hirmaachaa kan turan godinaaleen, bulchiinsonni magaalaafi dhaabbileen adda addaa dabalataman dargaggoota ciccimoo qabatanii hirmaachuuf carraa baldhaan kennameeraaf.

Biirichi guddina ispoortii naannichaaf bakka bu’oota boru hirmaachisuuf baranas dorgommii madaallii sagantaa leenjii guddattootaa 9ffaa Oromiyaa Bulchiinsa Magaalaa Baatuutti gaggeessaa jira.

Gaazexaan Bariisaas guyyaa jalqabbii dorgommichaa sirnicharratti argameera. Magaalaan Baatuus hirmaattota dorgommichaa simachuudhaan ganda olompikii xinnoo fakkaachuu hubateera.

Hogganaan ittaanaa Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaafi ittigaafatamaan damee ispoortii naannichaa Obbo Dassaalany Xilaahun baniinsa shaampiyoonichaa kanarratti akka jedhanitti, ispoortiin naannoo Oromiyaa yeroodhaa gara yerootti guddachaa akka jirudha kan mul’isan.

Oromiyaatti yeroo ammaa dorgommii pirojektii leenjii guddatootaatiin gaggeeffamanirratti hirmaannaan akaakuuwwan ispoortii hundaan taasisaa jirru jajjabeessaa ta’uun ifatti muldhachaa jira jechuunis ibsan.

Ispoorteessitoonni naannichaa keessumaa atileetiksiidhaan maqaa Oromiyaa, Itoophiyaafi Afrikaa beeksisuun seenaa hojjechaa jiru jedhanii, ispoorteessitoota guddattootaa ciccimoo qulqullinaafi baay’inaan horachuuf shaampiyoonaa madaallii pirojektii guddattoota gumaacha olaanaa qabaachuu dubbataniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 10 Bara 2017

Recommended For You