
Oromiyaatti waggoota sagalii as shaampiyoonaan madaallii pirojektii waggaa waggaadhaan dargaggoota guddattoota umriiwwan 17, 15fi 13 gadii jidduutti magaalotaafi godinaalee adda addaatti gaggeessaa jira.
Baranas marsaa 9ffaaf Magaalaa Baatuutti Amajjii 4-14 bara 2017 gaggeeffamaa jira. Pirojektonni 286n, manneen maree ispoortii godinaalee 98, biyyaalessaa 19fi dhaabbilee ispoortii adda addaa saddeet akaakuuwwan ispoortii 18n atileetota dhiiraa kuma tokkoofi 302, dubara 682, dimshaashumatti atileetonni kuma tokkoofi 984 godinaalee 15, bulchiinsota magaalaa 13fi dhaabbilee ispoortii saddeet irraa babbahan dorgomaa jiru.
Kanneen keessaa akka Yunivarsitii Amboo, pirojektota Siinqee Boqojjii, Qooqaa Roobootiifi Dhaabbata Oozoonii jedhaman hirmaattota haaraa yoo ta’an, dorgomtoota naannicha bakka bu’uun shaampiyoonii dargaggoota guddattootaa pirojektii biyyaalessaarratti hirmaatan filachuuf adeemsifama.
Godinaaleen, bulchiinsonni magaalaafi dhaabbileen kunniin atileetotasaanii gandaa kaasanii sadarkaa sadarkaadhaan hanga naannootti calaluudhaan atileetota ciccimoodhaan hirmaataa jiru.
Walmorkiin kubbaa miilaafi atileetiksii dirree kubbaa miilaa magaalaa Baatuutti; biskileetiin daandii magaalattiirratti, ispoortiiwwan kuun ammoo galmoota adda addaatti guyyaa guyyaadhaan adeemsifamaa jiru.
Walmorkii kubbaa miilaa dhiirota jidduutti adeemsifameen Bulchiinsa Magaalaa Bulee Horaa Bulchiinsa Magaalaa Mooyyalee 7-0n yoo mo’atu, kan dubartootaatiin Bulchiinsi Magaalaa Baatuu Godina Arsii 3-1n, Godinni Shawaa Bahaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaa 2-0n injifataniiru. Godinni Gujiifi Bulchiinsi Magaalaa Mattuu 2-2n, Bulchiinsonni Magaalaa Shaashamanneefi Adaamaa galcha malee 0-0n adda bahaniiru.
Walmorkii kubbaa saaphanaa dhiiraan Godinni Arsii Bulchiinsa Magaalaa Roobee 3 – 0, Godinni Baalee Bulchiinsa Magaalaa Mojoo 3 -0n yoo mo’atan, dorgommii kubbaa harkaatiin ammoo Bulchiinsi Magaalaa Amboo Godina Baalee 24- 4n, Wallagga Bahaa Boorana Bahaa 26-15n injifataniiru.
Fiigicha meetira 1,500 dubartoota umrii 17 gadii jidduutti adeemsifameen Caaltuu Mangashaa Godina Arsiirraa 1ffaa, Haannaa Wanduufi Dingatee Hoxxeessaa Yuniivarsitii Amboorraa 2ffaafi 3ffaa ta’uun mo’ataniiru.
Kan dhiirota jidduutti taasifameen ammoo Abdiisaa Bashiir Godina Arsii Lixaarraa 1ffaa, Girmaa Ciibsaafi Badhaasaa Fiixaa Yunivarsitii Amboorraa 2ffaafi 3ffaa bahuudhaan akkuma walduraa duuba jiranitti meedaaliyaa warqii, meetifi nahaasaa badhaafamaniiru.
Dorgommii teenisa miinjaalaa dhiiraan Bulchiinsi Magaalaa Roobee Godina Baalee 3-0n, Godinni Walagga Bahaa Godina Wallagga Lixaa 3-0n, gareen kubbaa saaphanaa magaalaa Mojoo Magaalaa Baatuu 3 – 0n injifaataniiru.
Kubbaa kachoo dhiiraan Bulchiinsi Magaalaa Baatuu Godina Harargee Lixaa 38-37n, Bulchiinsi Magaalaa Asallaa Magaalaa Amboo 19- 17n, durbaan ammoo Bulchiinsi Magaalaa Amboo Godina Arsii 11- 4n mo’ataniiru.
Shaampiyoonaan kun hanga Amajjii 14 bara 2017tti guyyaa guyyaadhaan akka adeemsifamu sagantaan waldorgommii Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaatiin qophaa’e ni ibsa.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 10 Bara 2017