
Finfinnee: Giddugalli Gabaa Jimaa Awwadaayi alseerummaa daldala jimaafi ashuuraa irra deddeebii ka’u furuuf hojjetaa jiraachuu beeksise.
Qindeessaan giddugalichaa Obbo Idiris Ammaa ibsa Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, Jimaan omisha namootni miliyoonaan lakkaa’aman jiruufi jireenyasaanii ittiin gaggeeffatan ta’us haalli daldalasaa Itoophiyaatti sadarkaa federaalaatti hojmaata hin qabu ture.
Haa ta’u malee, mootummaa jijjiiramaa booda alseerummaa daldala omishichaarratti raawwatamu hambisuufi qonnaan bultoota omishan omishasaaniirraa fayyadamaa taasisuuf Naannoon Oromiyaa bara 2011rraa eegalee labsii, dambiifi qajeelfamoota daldalli omishichaa ittiin gaggeeffamu baasee hojjechaa jira.
Sirni daldala omisha kanaa qixa deeggaramuu hin turre waan ta’eef alseerummaan daldala omishichaarratti ture olaanaa ta’uu himanii; godinoota omisha jimaatiin beekkaman lamaan irratti giddugalootni gabaa ijaaramanii yeroo ammaa hojii jalqabaa jiran rakkoo qonnaan bultootarraa bituun gatii madaala’aan fayyadamtootaaf dhiyeessuun gatii gabaa tasgabbeessuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu himanii, alergii bunaafi jimaaf ammoo qophii xumuraa jiraachuu eeraniiru.
Ittigaafatamtuun Ejensii Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Godina Harargee Bahaa Aadde Boonsituu Ibraahiim akka jedhanitti, yuniyeniinnoonni kanaan dura sanyii filatamaafi xaa’oo dhiyeessuufi waldaaleerraa omishaalee bituun gatii madaala’aan gabaaf dhiyeessuun beekaman yeroo ammaa pirojektota gara garaa hojjechuun dinagdee qonnaan bultootaafi biyyaa utubuu keessatti gumaacha olaanaa guddaa taasisaa jiru. Qabeenyi yuuniyenootaa dabale jechuun qabeenyi qonnaan bultootaafi biyaa dabale jechuudha.
ture hundeerraa furuu danda’u jedhamee eegama.
Harargeerraa jimaa kallattii Naannoo Sumaalees ta’ee karaa giddugaleessaa gabaa alaatiif erguuf bakka hedduutti ashuurri gaafatamaa jira jedhanii; Giddugalli Gabaa Jimaa Awwadaay waan hunda guuttatee kallattiidhaan jimaa gara gabaa alaafi keessatti rabsuuf akka danda’utti hojiitti galaa jira jedhaniiru.
Giddugalichi akka karoorfametti hojiitti akka galuuf tajaajilli gumrukaafi baankii achitti mijataa jira, giddugalicha teknolojiidhaan hogganuufis sirni dijitaalaayizeeshinii diriirfamaa, meeshaaleen teknolojii jabanaa barbaachisanis guutamaa jiru. Qonnaan bultootnis waldaadhaan gurmaa’anii hojii daldalaa jalqabuuf gara giddu galichaatti galaa jiru.
Jiraattotni godinaalee Harargee lamaanii dhibbantaan 80 jiruufi jireenyisaanii omisha jimaarratti kan hundaa’e ta’uu yaadachiisanii; giddugalichi humnasaa guutuun gaafa hojiitti galu galii jiraattotni kunneen omishasaaniitiirraa argachuun isaanif malu akka argatan gochuuf faayidaan inni argamsiisuu danda’u olaanaa akka ta’u ibsaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 10 Bara 2017