Aadaa “Waamicha Abbaa Fardeenii” Shawaa Lixaatti

Ayyaanni Cuuphaa waggaa waggaan hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti si’aayinaan gaggeeffamurratti agarsiisni aadaa, duudhaafi sirnoonni gara garaa kan keessummaa’an yoo ta’u, sirnichi irra jireessaan dargaggoota biratti bakka olaanaa kan qabudha.

Godinaalee gara garaatti sirnoota adda addaatiin dabaalamee kan gaggeeffamu yoo ta’u, ayyaanichi kan gammachuu, jaalalaa, dhiifamaafi yeroo itti firri walwaamee waliin nyaatee dhugu gammachuusaa itti dhandhamu ayyaana kabajamaafi hirmaachisaadha.

Ayyaana Cuuphaa adda kan taasisu akka biyyaatti taateewwan ykn sirnoonni gara garaa kan itti keessummaa’an yoo ta’u, aadaan loomii darbannaa (kaadhima ittifilatan), taphni fardaa, dhiichisni aadaa qeerroofi qarreen kanamalees walmakuun gaggeeffamuufi aadaan walfiroomfachuufaa kanitti raawwatudha.

Kabaja ayyaanichaa sababeeffachuun sirbi, dhiichisni, walleefi taphni fardaa bifa gara garaan taasifamu kan jiru yoo ta’u, akka Godina Shawaa Lixaatti dorgommiin fardaa addatti miidhaginaan kan gaggeeffamu ta’uu Ittigaafatamaan Waajjira Aadaafi Turizimii godichichaa Obbo Dirribaa Tulluu nikaasu.

Ayyaana Cuuphaa 2017 akka godinichaatti boru kabajamurratti Obbo Dirribaa ibsa addatti Gaazexaa Bariisaaf kennaniin aadaan “Waamicha Abbootii Fardeenii” Shawaa Lixaatti beekamaadha jedhu.

Waamicha Abbootii Fardeenii kan jedhamu kabaja ayyaana Cuuphaarratti abbootiin fardeenii gombisaan, garmaamsaan, shubbisaafi taphawwan fardaa gara garaatiin hirmaatan akkuma ayyaanichi xumurameen galgala walitti qabamuun waliin nyaachuu waliin dhuguun gammachuu unatamudha.

Kaayyoon waamicha abbootii fardaa kun abbootiin fardaa tapha fardaa gaggeessanirratti yoo walmiidhan haaloo akka walitti hinqabanneef taphni fardaa sun kan obbolummaa kan jaalalaafi hiriyyummaan dhugaa itti gabbatudha jedhu Obbo Dirribaan.

Abbootiin fardeenii wayita ayyaanicharratti tapha fardaa gaggeessan waldhiigsuu, walmiidhuu dandahu, bu’uuruma kanaan aadaa waan ta’eef haaloo walittiqabachuun, jibbaan walbarbaaduun duubarra walquqummaaduun waan hindanda’amneef hawaasnis duudhicha waan beekuuf galgala xumura ayyaanichaarratti fardeensaanii qabatanii bakka bashannanaa deemu jechuudha.

Bakka bashannanaa sanatti maaddii tokkotti mijuu tokko dhandhamuun waliin taphachaa haasa’aa weellisaa, dhiichisaa kan baranaan nugahe, bara egereen nugahi jedhanii waleebbisanii mana manasaaniitti galu.

Aadaan kun akka godicha Shawaa Lixaatti beekamtii kan qabu yoo ta’u, abbaan fardaa fardasaa sooree dorgommiif qopheessuun caalee argamuuf shaakallii barbaachisu taasisa turee dirree taphaa seena jechuudha.

Ayyaanni Cuuphaa agarsiistuu obbolummaa tokkummaafi jaalalaa yoo ta’u, kabaja ayyaanichaarratti sirnoonni biroo kanneen akka sirba aadaa waliin dhiichisuu, walkaadhimmachuu harkaqalleeyyiif waan qabanirraa hiruu, waamicha walwaamuun waliin nyaachuun waliin dhuguu kanamalees kiristinnaa walii kennuu ykn walkaafachuun firummaan kan itti cimu ykn jabaatudha.

Cuuphaan ayyaana agarsiistuu jaalalaa, tokkummaafi obbolummaati gaafa jedhamu fakkeessuuf osoo hintaane sabaafi sablammiileen akka godinichaatti jiran miira tokkoon waliin bahanii gammachuusaanii dhandhamuun waan manni horeenis nooruu waliin jedhanii walkeessummeessuun gammachuusaanii waloon unatu.

Aadaan akkanaa kun hariiroo hawaasummaa kan cimsu, jibbaafi waldhabdee kan fageessu, hunduu gadi of buusee ilaalcha walqixxummaatiin tokkummaasaa kan itti ibsatudha.

Kan walloole kan itti araaramu keessumaa cuuphamuu jechuun lammata dhalachuu jechuu akka ta’etti waan ilaalamuuf afaan nagaa dubbachaa weellisaa shubbisaa, gammachuu waloo dhandhamaa hiikamanii bahanii hiikamanii kan itti galanidha.

Kanaafuu abbootiin fardaa tapha fardaarratti walmiidhan haaloo walitti hinqabatani wajjin nyaatanii wajjin dhuganii nageenyaan walgaggeessuun cuuphaan nagaafi jaalala ta’uu agarsiisu jechuudha.

Ayyaanichi kan gammachuu hamma ta’etti aadaan hordofoota amantaa biroo waamanii waliin gammaduus durii kaasee gabbataa kan dhufe yoo ta’u, akka godinichattis miirri waldanda’uu amantaa gammachuu waliin qooddachuu daran gadifagoofi kan jajjabeeffamu ta’ee mul’ata.

Akka waliigalaatti godinichatti aanaalee gara garaa dabalatee fardeen lakkoofsaan hedduu ta’an ayyaana kana dabaaluun qeerroofi qarreen dhiichisaa, weellisaa, shubbisaa gammachuusaanii ifatti dhandhamu.

Adeemsa waliin sirbuufi walitti sirbuu qeerroofi qarree hordofuun walkaadhimmachuunis heddumminaan kan gaggeeffamu yoo ta’u, dargaggeessi intala ijjisaa irra bu’e nyaaraan tuqee waliin dhiichisuun bultii waliin ijaarrachuuf yeroo itti carraa bal’aa argatanidha.

Ayyaanichi naannawa bataskaanni jiruu kaasee hanga bakka bultii Kakuutti bahee hanga galutti jechuunis Amajjii 11-13 si’aayinaafi dammaqinaan kan gaggeeffamu yoo ta’u, hamma kan bahe hundi galutti dargaggootaaf yeroo gammachuufi humna qeerrummaan miidhaganii bahanii itti mul’atanidha.

Sirnoonniifi aadaawwan akkanaa babal’achuun guddina aadaa, aartiifi uffata aadaaf shoora olaanaa kan taphatan yoo ta’u, akka Godina Shawaa Lixaatti uffanni aadaa dargaggootarraa calaqqisus waan addaati jedhu ittigaafatamichi.

Aadaan uffata aadaa keenya sirnoota gara garaarratti agarsiisuu kun qaroomina hawaasni keenya qabu addunyaatti gadi baasee kan agarsiisu guddinni uffata faashinii keenya dhalootaafi naannawaaf miidhagina addaa kennu kun daran madda miidhaginaafi galii akka ta’u kan jabeessudha.

Uffata aadaa keenyaan miidhagnee bahuun aadaa keenya beeksisuurra darbee madda galii dinagdeen keenya itti cimu gabaan itti uumamu kan mijeessu waan ta’eef kan jajjabeeffamudha.

Yeroo ammaatti uffanni aadaa Oromoo daran sadarkaa addunyaattillee beekamtii horachaa kan jiru yoo ta’u, guddinni faashinii keenya akka dabalu carraa hojii uumuu keessattis shoora olaanaa kan taphatu ta’ee tajaajila.

Wayita ayyaanni akkanaa dhufu kanatti dargaggoonni uffata aadaasaanii calaqqisiisu kan godinaalee gara garaatiin faayamanii bahuun gammachuusaanii kan dhandhaman yoo ta’u, yeroorraa yerootti fedhiin uffata aadaa uffachuu dabalaa gatiinsaas cimuun galii addaa argamsiisaa jira.

Keessumattuu cuuphaan alatti ayyaanota gara garaarratti agarsiisni aadaa, tapha fardaa, waamicha abbaa fardaa uffataafi wallee aadaa, shubbisa aadaan dabaalamee kan gaggeeffamu yoo ta’u, hawwata tuuristii taasisuun godina keenya beeksisuufi galiikeenya olguddisuu keessatti shoora irraa eegamu akka taphatuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetama.

Ayyaanni Cuuphaa kun kan jaalalaafi obbolummaa akkasumas kan dhiifamaa, hunduu gammachuusaa itti bahee waliin dhandhamu waan ta’eef rakkoo nageenyaa tokko malee akka xumuramuuf caasaa nageenyaafi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjetamaa jiraachuu kan eeran Obbo Dirribaan; ayyaanichi kan gammachuu jaalalaafi araarri itti bu’u akka ta’uuf hawwii qaban ibsaniiru.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 10 Bara 2017

Recommended For You