Iddoowwan hawwata turizimii uumamaafi namtolchee Aanaa Baabbillee

Naannoon Oromiyaa iddoowwan hawwata turizimii uumamaafi namtolchee hedduu qabdi. Godina Harargee Bahaatti kan argamtu Aanaan Baabbillee ammoo aanaalee Oromiyaan qabdu keessaa iddoowwan hawwata turistii hedduu qabaachuudhaan beekamti. Guyyaa Turizimii Addunyaa akka Oromiyaatti... Read more »

 “Oromiyaatti damee tuurizimiirraa waggaatti galiin qarshii biiliyoona saddeetii ol argamaa kan jiru yoo ta’u, waggoota shan keessatti namoota kuma 500f carraa hojii uumuuf hojjetaa jirra” – Obbo Huseen Bariisoo, hogganaa BATO

Dachee qabeenya uumamaatiin badhaate, wiirtuu hawwata tuurizimii miidhaginnishii qalbii nama fuudhu; utubaa dinagdee biyyaa taate Oromiyaan giddugalootaafi godambaalee hawwataan kan faayamteedha. Kanaafis aartiin, miidiyaan, asoosamaan, hogbarruudhaan daran jedhameefiira, qabeenya uumamaa hawwata tuuristii... Read more »

‘’Obbolummaa Sabdaneessummaan Nageenya Waaraafi Badhaadhina Waloof’’

Waltajjii Marii Waloo Hoggantoota Naannoo Oromiyaafi Amaaraa gaggeeffamaa ture ilaalchisee ibsa kenname. Mataduree, ‘’Obbolummaa Sabdaneessummaan Nageenya Waaraafi Badhaadhina Waloof’’ jedhuun Amajjii 1-2/2015tti waltajjiin marii waloo hoggantoota Naannoo Oromiyaafi Amaaraa Magaalaa Adaamaatti gaggeeffameera.... Read more »

Cuuphaa: Ayyaana addababa’ii miirri wajjummaafi jaalalli dhugaan irraa calaqqisu

Cuuphaan ayyaana amantii kirstaanaa biratti mallattoo addaa duuka buutummaa Yesuus Kiristoos ta’eefi Kamisa dhufu kabajamu fakkeenyaafi mallattoo araaraa, jaalalaa, tokkummaafi wajjummaa dhala namaa ta’uun beekamuufi sirna ho’aadhaan addaba’iitti kabajamuudha. Yesuus Kiristoos dhala... Read more »

 “Cuuphaan hambaalee kiliyaa namoota hedduun addababa’iitti kabajamuufi duudhaalee gara garaa qabuudha” – Obbo Fantaa Bayyanaa

Finfinnee: Abbaa Taaytaa Hambaalee Itoophiyaatti Dursaan Garee Kutaa Sabquunnamtii Obbo Fantaa Bayyanaa ayyaana Cuuphaa Kamisa dhufu kabajamu ilaalchisuun ibsa ittaanu Gaazexaa Bariisaatiif kennaniiru. Ayyaanni kun tokkummaa ummataa kan cimsu; hariiroo hawaasummaa gabbisuun... Read more »

Yaa’iin hundeessa Mana Maree Bulchiinsa Magaalaa Shaggar gaggeeffame

Mootummaan naannoo Oromiyaa magaalaa guddoo haaraa Shaggar, magaalaa giddugala dinagdee, industiriifi misoomaa hundeessuun ni yaadatama. Magaalaan kun magaalaa misoomni saffisa qabu itti dhugoomuufi giddugala dinagdeefi industirii ta’uun imala karoora badhaadhina waloo dhugoomsuuf... Read more »

Hojiin misooma Sulula Lageen Awaashiifi Waabii Shabalee qo’annoofi qorannoon deeggaramee hojjetamaa jira

 Finfinnee: Qindeessummaa Yunivarsitii Haramayaatiin yunivarsitiiwwan Sulula Laga Awaashiifi Waabii Shabalee keessatti argaman 11 fooramii hundeessuudhaan haala lageen lamaan qorannoofi qo’annoodhaan deeggaramanii hawaasa naannawaafi biyyaaf faayidaa ittifufiinsa qabu kennuu danda’anirratti waliin hojjechaa kan... Read more »

Murtii Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee kaariikulamii heddumina afaaniinirratti dabarse

Finfinnee: Kaabineen bulchiinsa magaalaa Finfinnee walga’ii idilee 8ffaa waggaa 2ffaa adeemsiseen kaariikulamii heddummina afaaniin walqabatee murteewwan dabarseera. Kaabineen kun walga’iisaa idileetiin sirna barnootaa heddummina afaanii kaariikulamii haaraa yunivarsiitii barnootaa Kotobee qo’achiise ilaalchisuun... Read more »

 “Giddugalichi dhimmoota nageenyaan walqabataniifi daldala seeraan alaa ittisuuf gahee olaanaa qaba” – Obbo Hayiluu Jaldee

Adaamaa: Ammaan tana magaalota biyya keenyaatti qormaata ta’aa kan jiru seeraan alummaa haalota adda addaatiin ibsaman kanneen akka kenna tajaajilaa gurguruu, daldala seeraan alaa keessattuu shaqaxoota dhoksuu, sirna bobbiifi to’annoo tiraafikii, weerara... Read more »

Turistoota biyya keessaarraa galiin qarshii biliyoona torbaa ol argame

Finfinnee: Bara bajataa 2015 ji’oota shan darban keessatti yaa’iinsi turistoota biyya keessaa miliyoona 7.2 ol kan keessummeeffame yoo ta’u, kunneenirraas galiin qarshii biliyoona torbaa ol argamuu Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa (BATO) beeksise.... Read more »