Rakkoo walitti hidhaminsa gabaafi dhiyeessii furuuf

Ejensiin Waldaa Hojii Gamtaa Federaalaa aadaa hojii gamtaa babal’isuun fayyadamummaa qonnaan bulaa qabatamaan mirkaneessuufi fedhii hawaasaa guutuun gabaa tasgabbeessuuf kan hojjetuudha. Sochii jalqabame kana milkeessee itti quufinsa maamilootasaa dhugoomsuuf dameewwan qonnaan alatti... Read more »

“Qaanqeen bilisummaa dhiiga Qeerrootiin biqile shira harcaatotaan hinmaseenu” – Aadde Xayibaa Hasan

 “Qaanqeen bilisummaa warraaqsa qeerrootiin gonfatame shira harcaatotaatiin tasumaa hinmaseenu” jechuun Pirezedaantii Ittaantuun BMNO ibsan. Pirezidaantii ittaantuun naannichaa, Aadde Xayibaa Hasan yaa’ii Idilee 4fa Liigii Dargaggoota ODP Roobii darbe Adaamaatti adeemsifamerratti haasa’a taasisaniin... Read more »

Komii qonnaan bultoota Baalee furuuf hojjatamaa jiraachuun himame

Rakkoo walitti hidhamiinsa gabaatiin walqabatee komii qonnaan bultootni Baalee aanaa Madda Walaabuu qaban furuuf hojjatamaa jiraachuu Biiroon Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa beeksise. Biirichatti Qindeessaan Sagantaa Jallisiiwwan Xixiqqaa Hirmaannaa Ummataatiin ijaaramanii, Obbo Andinnat... Read more »

Loon bishaan dhabanii miidhamaa jiraachuu horsiisee bultootni Booranaa komatan

Aadde Dansaa Gaayyoo horsiisa loonii irratti bobba’anii jiruusaanii gaggeeffachaa kan jiran yemmuu ta’an, waliigalaaan looniifi re’oota dhibba lama ol akka qaban dubbatu. Godina Booranaa aanaa Dubluq keessa kan jiraatan dubartiin dureettiin tun,... Read more »

Murtoo ABOfi yaada hayyootaa

Waldhabdee ABO Jaal Daawudiin hogganamuufi mootummaa gidduutti uumamee ture ifaajjii yeroo dheeraatiin booda Kibxata darbe xumura waan argate fakkaata. Guyyichi Oromoo hedduuf guyyaa guddaa ture. Jaal Daawud waraanasaanii abbootii Gadaatti dabarsanii kennuuf... Read more »

Waldaalee qonnaan bultoota Oromiyaafi sochiileesaanii

Biyya keenyatti gurmuuleen adda addaa kanneen akka waldaa dubartootaa, dargaggootaafi ogummaawwan bal’inaan argamu. Akka Oromiyaatti yoo ilaalle waldaan qonnaan bultootaa ni eerama. Waldaan qonnaan bultootaa ammaan tana akka biyyaatti hundaa’e jiraachuu baatus... Read more »

“Hawwisoon Afran Qal’oo siyaasa Oromoorratti ciminaan hojjetaa ture” -Gaazexeessaa Jaafar Alii

Hawwisoon Afran Qal’oo waggoota 53 dura magaalaa Dirree Dawaatti wayita hundoofte maqaa gosa Harargee Bahaa Afran Qal’oo jedhamu moggaafachuun sosochii siyaasaafi hawaas-dinagdee Oromoo cimsuu keessatti shoora olaanaa taphataa ture. Kun ta’us miseensonni... Read more »

“Beenishaangul Gumuzitti saamichi lafaa bal’inaan raawwatamaa ture” -Obbo Ashaadilii Hasan

Dhimmoota rakkoo nageenya naannolee Oromiyaafi Beenishaangul Gumuz, akkasumas deggarsa buqqaatotaaf taasifamaa jiru ilaalchisee Gaazexaan Bariisaa pirezidaantii naannichaa, Obbo Ashaadilii Hasan wajjin kutaa qophiisaatti tibbana gaafdeebii adeemsiseera. Guutummaan gaafdeebichaas akka armaan gadiitti dhiyaateera.... Read more »

Jaarsolii biyyaa nageenya biyyaatiif

Tibbana jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantiifi bakka buutonni kutaalee hawaasaa biyyattii keessaa baba’an kuma tokkoofi 200 Finfinneetti walga’anii turan. Yommuu gara galma walitti qabamaniitti seenamu uffataa aadaa Oromoo dabalatee hundumtuu kan aadaafi amantiisaa... Read more »

“Namni qalamee araarri bu’a taanaan ana qalaatii jeequmsa keessaa nu baasaa” – Obbo Hayilee Gabree

Abbootii Gadaa, Haadholiin siinqee, hayyoonni Oromoo, bakka buutoonni paartilee siyaasaa Oromoo qeerroon, folleen, aartistoonniifi bakka buutonni kutaalee hawaasa garagaraa Kibxata darbe Giddugalaa Aadaa Oromootti walga’aanii turan. Hunduu galma seenanii bakka qabatanii dhufaatii... Read more »