“Qaanqeen bilisummaa dhiiga Qeerrootiin biqile shira harcaatotaan hinmaseenu” – Aadde Xayibaa Hasan

 “Qaanqeen bilisummaa warraaqsa qeerrootiin gonfatame shira harcaatotaatiin tasumaa hinmaseenu” jechuun Pirezedaantii Ittaantuun BMNO ibsan. Pirezidaantii ittaantuun naannichaa, Aadde Xayibaa Hasan yaa’ii Idilee 4fa Liigii Dargaggoota ODP Roobii darbe Adaamaatti adeemsifamerratti haasa’a taasisaniin... Read more »

Komii qonnaan bultoota Baalee furuuf hojjatamaa jiraachuun himame

Rakkoo walitti hidhamiinsa gabaatiin walqabatee komii qonnaan bultootni Baalee aanaa Madda Walaabuu qaban furuuf hojjatamaa jiraachuu Biiroon Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa beeksise. Biirichatti Qindeessaan Sagantaa Jallisiiwwan Xixiqqaa Hirmaannaa Ummataatiin ijaaramanii, Obbo Andinnat... Read more »

Loon bishaan dhabanii miidhamaa jiraachuu horsiisee bultootni Booranaa komatan

Aadde Dansaa Gaayyoo horsiisa loonii irratti bobba’anii jiruusaanii gaggeeffachaa kan jiran yemmuu ta’an, waliigalaaan looniifi re’oota dhibba lama ol akka qaban dubbatu. Godina Booranaa aanaa Dubluq keessa kan jiraatan dubartiin dureettiin tun,... Read more »

Murtoo ABOfi yaada hayyootaa

Waldhabdee ABO Jaal Daawudiin hogganamuufi mootummaa gidduutti uumamee ture ifaajjii yeroo dheeraatiin booda Kibxata darbe xumura waan argate fakkaata. Guyyichi Oromoo hedduuf guyyaa guddaa ture. Jaal Daawud waraanasaanii abbootii Gadaatti dabarsanii kennuuf... Read more »

“Namni qalamee araarri bu’a taanaan ana qalaatii jeequmsa keessaa nu baasaa” – Obbo Hayilee Gabree

Abbootii Gadaa, Haadholiin siinqee, hayyoonni Oromoo, bakka buutoonni paartilee siyaasaa Oromoo qeerroon, folleen, aartistoonniifi bakka buutonni kutaalee hawaasa garagaraa Kibxata darbe Giddugalaa Aadaa Oromootti walga’aanii turan. Hunduu galma seenanii bakka qabatanii dhufaatii... Read more »

Itoophiyaan invastimantiif mijooftuu ta’uu Doktar Abiyyi ibsan

Foramii dinagdee addunyaa 49fa Magaalaa Daavus, Siwiizarlaanditti adeemsifamerratti jirurratti Ministirri Muummee Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad kan hirmaatan yoo ta’u, hoggantoota kubbaaniyaa biyyoota addaddaa waliin akkaataa invastimantii dhuunfaa hawwachuun danda’amurratti mari’ataniiru. Doktar... Read more »

Ijaarsa paarkiiwwan indastirii haaraa duubatti harkifachaa jiran

Finfinnee: Korporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indastirii erga hundeeffamee waggoota afur kan lakkoofsise yoo ta’u, umurii gabaabaa keessatti paarkiiwwan indastirii 11 ijaarsisuu danda’eera. Kanneen keessaa paarkiiwwan indastirii jaha hojii keessa seenuun misooma dinagdee biyyattii... Read more »

Yunivarsiitiin Bulee Horaa gara baruu barsiisuu idileesaatti deebi’e

Yunivarsiitii Bulee Horaatti hojiin baruu barsiisuu sababa rakkoo nageenyaatiin addaan citee ture Wiixata darberraa kaasee eegaluusaa pirezidaantiin yunivarsiitichaa, Doktar Caalaa Waataa ibsan. Pirezidaantichi  ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka ibsasaaniitti, ji’a... Read more »

“Qaroomni waa qora, morkiin waa balleessa” -Abbaa Gadaa Ibreen Jiloo

Waggaa lama dura qabsoo haadhawaa ummanni biyyattii keessumaa Qeerroon taasiseen jijjiiramni dhufuun ni yaadatama. Jijjiirama kanaanis ummanni guutuu biyyaa gammadee gammachuusaa waltajjiiwwan garagaraarratti ibsataa ture. Jijjiramni haaromsaa qabsoo ummataatiin dhufes yeroo gabaabaa... Read more »

Jijjiiramoonni mul’atan Artisti Umar Suleeymaaniin oggaa ibsaman

Waggoota hedduuf ogummaafi humna artii fayyadamee siyaasa ummata Oromoo dammaqsuuf hojjechaa kan tureefi jiru, Artisti Umar Suleeymaan tibbana gara biyyasaatti deebi’eera. Artistichi Gaazexaa Bariisaa wajjin gaafdeebii bal’aa kan taasise yoo ta’u, ibsa... Read more »