Kutaa 6fi isa xumuraa
Gargaarsii Araboota kun erga isa qaqqabee booda oflaa keessa hora Ashangeedhaa gara kaabaatti waraanni guddaan godhame. Waraana kanarratti dursaan waraana Poorchuugaal Kiristoofor Dagaamaa ajjeefame.
Loltoonni hafan mooticha Galaawdiyoos wajjin ta’uun gara kaabaatti baqatan. Galaawdiyoos cimaa dhufee loltootaafi meeshaa Poorchugaalirraa dhufeen gargaaramee ummata baay’ee ofitti makuu eegale.
Ahmad Ibraahim ykn Giraanyi cimina mootichaa bifa haaraan ijaaramuu kana waan dhagaheef gaattiraa ykn zoobilii kaa’uun gara Gondoritti ce’e. Erga qophii guddaan godhamee booda Gurandhala 23 bara 1535 bakka Wayinaadagaa Zaantararmeedaa jedhamutti waraanni cimaan waaree booda eegaluu danda’eera.
Loltuun Poorchugaal tokko Ahmad Ibraahiim rasaasaan rukutuun fardarra kuffise. Giraanyi dhalatee waggaa 30 Guraandhala 23 bara 1535 dirree waraanaarratti Wayinaadagaarratti yoo kufu, loltoonnisaa bittinnaa’aniiru. Kana booda haati warraasaa Baatiin, waraana hafeefi maatiishee qabattee gara Harargeetti baqatte. Gaattiraan bakka Ahmad Ibraahiim magaalaa guddoofi wiirtuu amantaafi siyaasaa hundeessaafi kibbaa (zoobil) tti argamtuudha. Caalaatti ifa gochuuf Gattiraan ykn Zoobil lafa Walloo kaabaa Raayyaa keessatti argamuudha.
Ummata Oromoofi falmii garee Kiristaanaafi Islaama jidduutti godhame
Amantiiwwan kiristaanaafi islaamaa baha jiddugalaatti yaa jalqabaman malee hundeesaanii biyya kana keessatti babal’ifachuuf yeroo kan ittifudhate miti. Haaluma kanaan waggoota muraasa booda gara biyya kanaatti seenuun akka tamsa’aa ture seenaa isaaniirraa hubatameera.
Sabni Oromoos akkuma saboota biroo Itoophiyaa tatamsa’inni amantii kun kallattii kaabaanis ta’e bahaan kan isa qunnameedha. Walmorkii amantoota kana lamaan jidduutti godhamuun hawwaasni Oromoo kan gara kaabaa qubatee jiraatu kiristaana yoo ta’u, kan gara bahaa jiraatu immoo amantii islaama akka fudhate beekama.
Adeemsa babal’ina amantichaafi babal’ina daldalaan walqabatee jaarraa 13fa keessaa to’annoofi kanfaltii ashuurratti walfalmiin abbootii biyyattii gidduutti yoo eegalu, dubbiin gara amantaatti geeddaramuun xiiqiidhaan walwaraansi gareen qoodamuun jalqabe.
Waraana kana keessatti Oromoonni sirna Gadaa dhiisaanii amantii kiristaanaa fudhatan gara kiristaana yoo goran, kan amantii Islaama fudhatan immoo gara garee Musliimaa goruun falmiitti makamuu seenaarra hubachuun ni danda’ama.
Fakkeenyaaf duula mootii Libna Dingiliifi Imaam Ahmad Ibraahiim (Ahmad Bitaachaa) waliin godhamee keessatti. Oromoonni akka Tulluu, Faani’eel, Tulluu Waldamikaa’eel Darsoo, Fiiqi Xoor (Ilmi mootichaa karaa haadhasaatiin ilma leelee ta’e jaarraa yoo ta’u, Daaglaad (Abbaa Duulaa gara mootichaafi) gara kaabaatii kan dhufan Oromoota Raayyaafi Indartaa / Bale Gadaa Xoor) kan jedhaman Oromoota mooticha maddii dhaabataniidha.
Kanneen hafan immoo maqaa kiristaana waan fudhataniif beekuun rakkisaadha. Oromoonni kallattiin hinhirmaannes yoo ta’e humnaanis ta’e jaalatanii humnoota walwarananiif qabeenyasaanii akka soorata raayyaa waranaaf ta’u gumaachaa akka turan beekamaadha.
Kanaa malees waraanni gareen mootichaa godhe waan ummata mufachiiseef garee lamaanittuu otoo hinmakamiin duulli Abbootii Gadaan gaggeeffamu mooticharratti waraana kaasuun akka hubaatii guddaa qaqqabsiise ni beekama.
Walitti bu’iinsiifi duulli gareen Oromootaa mootiirratti gaggeesse kun seenaa ummata Oromoo keessatti gatii guddaan akka kanfalamu godheera. Kanarratti wanti beekamuu qabu 1fa walfalmii gareewwan lamaan (kiristaanaafi Islaama) jidduutti godhameef otoo walhimmo’atiin Oromoon jidduusaanii seenuun waan waraana ofiin naannawasaarraa mooticha dhiibeef akka mo’amanitti tarkaanfii fudhachuunsaa xiiqii guddaa keessa isaan galcheera. Oromoos balaaleeffachuu eegalan.
2fa Sabni Oromoo barreeffama waan hinqabneef seenaa kana dhalootaaf lafa kaa’uu hindandeenye ture. Maqaa Oromoos balleessuu eegalan, kanarraa ka’uun ajaja mootichaan Abbootii Gadaafi Abbootii Duula Oromoo yeroo sana ajjeefamanis ta’e waraanni Ahmad Ibraahiim akka duubatti deebi’u waan karaa saaqeef ture. Oromoota balaaleffachuun hammeenyaafi akka gantummaatti isaan ramadeera jedhee ifatti lallaba.
3fa Barreessitoonni gita bittaa kiristaanaan deeggaraman immoo yeroodhuma sana yakka maqaa balleessuu Oromoorratti afarsaa turan kana keessaa tokko moloksee Abbaa Baharii jedhamuudha.
Iddoon Bahireen itti dhalate Shawaa kaabaa, Aanaa Hagaramariyaamiifi naannawa waraanni guddaan garee lamaaniin (kiristaanaafi Islaamaa) gaggeeffamaa tureedha. Hubaatii kallattii lammaffaa gareen musliimaas yaakka mootoonni kiristaanaa raawwataniin walgituu yaa baatan malee saba Oromoorratti yakka guddaa raawwatanii ture.
1fa Waraana Imaam Ahmadiif qophii gochuuf qabeenya Oromoo warra amanticha hinfudhatiin iddoowwan adda addaatti saamaa taran. Kana keessa jiraattoonni ganda bal’oo gumaacha xiqqoo keenninaan imaamtichi aaruudhan akka waraana isaatiin erge rukutamaniifi saamaman gochuun yakka godhameedha. Bira darbaniis ummata Oromoo maqaa Mangaa (Infidiles) jechuun barreessa akka turan Arab Faqihin akka arrabsaa ture seenaan ragaa baha.
2fa Gareen Muusliimaa wiirtuu Gadaa dhiibuun aadaafi duudhaalee Sirna Gadaa akka badu gochaa turaniiru. Kana malees warra isaan morme olola guddaa irratti gaggeessuun iddoo jiranirraa akka buqqa’an gochaa turan.
Akka ragaatti yoo fudhanne iddoo haajiin Isilama itti raawwatu iddoo akka dirree Sheek huseenitti dhagaa dhaabatu agarsiisuun Oromoota gosa akkasii kan Sheekicha mormuun itti duulan achitti akka abaarsan goganii dhagaa ta’an himaa, turan dubbatama.
4fa Yakki guddaan immoo sabni Oromoo maqaafi Afaan isaa qabatee Amanticha fudhachuu otoo danda’uu maqa ilmaan Oromoo gara Arabaatti jijjiiruun Oromoon akka garkuteessa ta’e duubbachuun eenyuummaa isaa akka dagatu godhaa turan. Kun immoo isaan biratti qofa otoo hin ta’iin Oromoota amantii kiristaanaa fudhatan biratti raawwachaa kan tureefi kan itti fufeedha.
Kanaaf ummanni Oromoo kallatti lamaanitti hirkatee daldala biyya seenee itti fayyadamuufi addunyaan wajjiin tarkaanfachuu otoo qabuu falmii isaanitti makamuufi gargaarsa kennuu keessatti hubaatii qabeenyaafi lubbuu namaa kennuun wareegama gudda kanfaleera.
Irra caalaa garreen lamaanuu jiraata biyya kanaa otoo hin ta’iin ummata godaantummaan biyya kana seene jechuun abbaa biyyummaa isaa mulqanii arrabsaa turani. Yakka garee lamaanuu irratti raawwatan kana maqsuuf tattaaffii godhame keessatti fiixan bahuu baatullee sochiin jaarraa 16fa haaroomsa gadaa keessatti ka’e isa guddaa ture.
Hora Bulaa !!
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 13/2013
8 Comments to “Ahmad Ibrahiim Aliigaaz (Ahmad Giraanyi)”