Kutaa 5fafi isa dhumaa
Afaan Oromoofi Afaan Tigraay keessaa walitti baheen maqaan lafaafi gandoota tokkummaan waamamanii baay’eedha. Kanneen keessaa tokko Ambaalaageedha. Ambaalageen Kibba Waajiraatitti kan argamu yoo ta’u, bakka mootonni warra Indartaa Tigraay akka mana adabaatti itti tajaajilamaa turanidha.
Kanarraa ka’uudhaan Oromoonni naannawa sanatti argaman naannichi Ambaalaagee (Abbaa Alangee) mana hidhaa waan tureef “Abbaa Alangee” jedhanii akka waaman odeeffattoonni ni dubbatu. Barreessaan Faransaay ‘Rene Bassetin’ jedhamus ragaa manguddoonni dubbatan kana dhugoomsa .
Haaluma wal fakkaatuun bakki ‘Adde- Guddoom’ jedhamu Waajiraat Bahaattikan argamu Afaan Tigraayiifi Afaan Oromoo irraa walitti makamee kan uumamedha.. Iddoowwan jechoota Afaan Oromoo qofa irraa maddan yoo ilaalle Waajiraat, Malkaa Ilaalaa kan Maqalee keessatti argamu, Garaa Kaasoo naannawa Allaamaaxaa (Raayyaa), Oflaa naannawaa Hara Ashangee, Cirrattii, Makonnee, Kormee, Qileeshaa (Allaamaaxaa), Booran, Carcar, Dayyuu, Warra Abbayyee, Gololcha, Gadaraa, Kuyyuu, Dhummuugaa, Cobii, Caffaa, Harallee, Gaattiraa, Jaarota Gamaa, Harangamoo, Baabbokormaa, Ammayyaa, Gandamayyuu, Araaduu, Gurrawarqee, Machaaree, Kukkuftuu, Nugusgaalee, Waajjaa, Corree, Qaajimaa, Qobboo, Roobitiifi kan kana fakkaatan bakka Oromoonni Raayyaa qubatanii jiraatanitti kan argamudha. Gama biraatiin immoo maddi isaanii Afaaniifi Aadaa Oromoo irraa ta’ee ummata Tigraayiifi Amaaraa biratti bal’inaan kan beekamu jagna yoo faarsan geerarsiifi dhaadannoonsaanii haala kanaa gadiitti akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama.
… Haay! Haay! Haay!
… Korma gaafa lolaa!
Haay! Haay! Korma gaafoo!
Korma gaafoo! Korma gaafoo! Korma gaafa lolaa.!
Kunis Haay Haay jedhanii loon faarsuu yoo ta’uu, korma kan jedhu jibichaa jechuudha. Kan biraas jabinaafi onnee kan kakaasu yoo ta’u, gaafoo kan jedhu immoo guyyaa lolaa ykn gaafa qotiyyoo jechuudha. Lola jechuun immoo duula jechuudha. Kun hundi jechoota Afaan Oromooti. Kan biraas jechoota ittiin goota faarsaniifi xiiqii ittiin ibsatan yoo ta’u, jechi kunis jecha “Gumaayee! Gumaayee” jedhudha.
Jechi kun kan Oromoon gumaa ykn gatii lubbuu jedhu irraa kan maddedha. Egaa waa’ee qubsuma Raayyaafi seenaa isaa durii hangas erga jennee amma immoo hiddi latiinsi Raayyaa maal fakkaata gaaffii jedhutti haa deebinu. Hidda latiinsa Raayyaa ilaalchisee ragaalee lamatu dhiyaata.
Ragaaleen lachuu abbaan Raayyaa Marrawwaadha kan jedhu irratti walii yoo galanillee, gosoota Raayyaa xixiqqaan eenyu kan jedhuuf deebii adda addaa kennu. Gama tokkoon taattoo armaan gadii irratti ifa akka ta’een tokko tokkoon isaanii Igguufi Aannaa jalatti mana torba torba akka qaban dubbatu.
Gama biraan immoo taattoo armaan gadiin akka dhiyaatanitti gosoonni Raayyaa sadan Iggu, Aannaafi Beerre mata mataatti mana shan shan akka qaban dubbatu.
Latiinsa Raayyaa
Marrawwa
Raayyaa
Igguu Aannaa Beerre
1.Gurricha 1.Eeboo 1.Ashangee(Ofla)
2.Eebicha 2.Machaare 2.Doobbicha
3.Aabbicha 3.Hambool 3.Dheekkicha
4.Baaso 4.Waajjaa 4.Kiiloolee
5.Kiibicha 5.Karrayyuu 5.Waacaale
Oromoon Raayyaa Oromoota gara Kibbaafi Kibba Bahaa qubatanii jiran kan akka Ituufi Arsii wajjin walitti dhufeenya dhalootaa cimaa ta’e akka qaban odeeffannoon manguddoota Raayyaa ni mul’isa. Kunis maqaan gosaa, manaafi balbalaa gosoota sadeen keessatti walfakkeenyaan argamuu isaaniiti. Marrawwaa ilaalchisee Oromoota Raayyaa biratti abbaa ykn hangafa kan jedhaniifi haala wal fakkaatuunis Marrawwaan abbaa ykn hangafa Ituufi Arsii godhanii kan fudhatanis jiru.
Walumaagalatti hidda latiinsa Oromoota Raayyaa irratti ragaalee dhiyaatan keessaa kamtu sirrii akka ta’e mirkaneeffachuuf qormaata walirraa hincinne gochuun barbaachisaa yoo ta’eyyuu ammaaf garuu Marrawwaan Raayyaas ta’e Ituu wajjin walitti dhufeenya cimaa akka qaban ragaaleen ibsaa jiru.
Haala kanaan Marrawwaan Raayyaaf hangafa ta’uu isaa kan dubbatan eebbaaf Raayyaadhaan dursee akka dhiyaatu dubbatu. Akkasumas aangoo muudamaa kamiyyuu kan mirkaneessu Marrawwaadha jechuudhaan ragaa dhiyeessu. Marrawwichi yeroo baay’ee akka abbaa gaariitti kan fudhatamudha.
Arxummaafi Jiillee
Arxumma, Jiille, Karrayyuufi Makkana jedhamanii gosoonni Oromoo beekaman yeroo ammaa naannoo Amaaraa godina Kamisee keessatti kan argamaniidha. Haala qubsumasaanii yoo fudhanne immoo Oromoonni maqaansaanii armaan olitti eeraman gosoota Walloo Kibbaafi Tuulama gara Kaabaa keessatti argaman wajjin wal keessa jiru. Kunis Warra Qaalluu, Caffaa Dawwaa (Riqee), Arxummaafi Jiillee kan walitti hammatedha. Gosoonni Oromoo kun bara naannawaan sun wiirtuu siyaasaa Ifaat jala turee kaasee waliin jiraachaa akka turan ni dubbatu.
Arxumma kan jedhamu yeroo ammaatti maqaa biyyaan moggaafamee yoo argameyyuu ka’umsi maqaa kanaa garuu, maqaa gosaati. Arxummaan yeroo ammaa Kibba Bahaa godina Kamisee keessaa Caffaa Dawwaa (Riqee) jedhamee kan beekamudha. Gosoonni kun maqaa Qoriifi Fuursee jedhamuunis ni beekamu. Gosoonni Oromoo kun baay’een isaanii Affaar keessatti kan argaman yoo ta’u, amantaadhaan tokko akka ta’an ni himatu.
Latiinsa Qoriifi Fuursee
Qoriifi Fuursee
Gutayya Buukkoo Galalcha Heenna Noole Jaalle
1.Jaalle 1.Kura 1.Garjeeja 1.Abbaadhoo 1.Noolee Nya’aa
2.Maarutayyaa 2.Siibaa 2.Dooranii 2.Imaroo 2.Noolee Boodhaa
3.Hadiyya 3.Dubbannaa 3.Kuyyu 3.Goona 3.Noolee Alii
4.Bilii 4.Meetta 4.Walaadha 4.Noolee Kuraayyaa
5.Huumee 5.Moomajii 5.Dhodhoolo
6.Gobansaa 6.Kabana 6.Muumajii
7. Gaadulla 7.Bunii
8 .Liiban 1.Talgoo
9. Bareeguu 2.Hariiroo
3.Bidaaru
4.Gaamara
5.Hawwaa
6.Dooyyoo
Qorii Fuursee yeroo baay’ee gosa Duguguruun walqabatee jira. Laga Burkanaa Kaabaafi Baha keessa jiraatu. Qomoon kun durii jalqabee amantaa Islaamaa cimsee kan hordofuu yoo ta’ellee, aadaa isaa Oromummaa cimsee kan jiraatedha. Daangaa Qoriifi Fuursee keessatti kan argamu Daawweefi Daaniya, durii kaasee wiirtuu barumsa amantaa Islaamaa akka turtetu himama. Oromoon Jiillee bakka adda addaatti yoo argamanillee asitti kaasuu kan barbaanne gosoota Jiillee kan Shawaa Kaabaa keessatti argamaniidha. Jarreen kunis gosaafi mana hedduutti of hiruun caasaa isaanii akka armaan gadiitti himatu.
Latiinsa Jiillee
Jiille
Aabbuu- 6 Karrayyu -3 Liiban- 4 Bala’a-3 Dayyuu- 6
1.Ayyaru
2.Kuyyicha 1.Borkannanna 1.Dubannaa 1.Jillikee 1.Beerree
3.Dheekkicha 2.Mayyoo 2.Gaadulla 2.Kontee 2.Bonoyyaa
4.Afran 3.Uggicha 3.Suubaa 3.Abbayyii 3.Warra Wadaa
5.Badhii 4.Abbaadhoo 4. Allalammiye
5. Manqaata
6.Sukule
Latiinsa Aabbuu
Jiille
Aabbu
Ayyaruu-4 Kuyyuu-3 Dheekkich-3 Gaadulla -4 Afran-2 Badhii-4
1.Horoo 1.Dheekkaa 1.Dooyyee 1.Manqaata 1.Diinsa 1.Gaadullaa
2.Dooyyoo 2.Dabbasaa 2.Biloo 2.Allalammiyyee 2.Guuyyoo 2.Biloonaa
3.Buukkoo 3.Duugoo 3.Ala’a 3.Bonayyaa 3.Ajantuu
4.Idooroo 4.Beerree 4. Shiiboo
Gama biraan ammoo, gosa Jiillee keessatti Karrayyuun ni argama. Karrayyu gosa beekamaa Oromoota Bahaa akka ta’e ni beekama. Gosti Karrayyuu Jiillee Kaabaa keessatti argamu kunis Wallo Kibbaafi Shawaa Kaabaa keessa bal’inaan qubateera. Hiddi dhalootaafi latiinsa isaas akka armaan gadiitti ilaaluun ni danda’ama.
Latiinsa Karrayyuu
Karrayyu
Gandaboo Borkanna Bala’a
1. Dooyya 1. Dinqa 1. Jilke
2. Kiflo 2. Soole 2. Konte
3. Aabbichu 3. Dooyyo 3. Abbayyi
Gosti biraa godina Kamisee keessa qubate Makkanna jedhama. Oromoon gosa kanaas mana sadi kan qabu yoo ta’u, isaanis kanneen armaan gadiiti.
Latiinsa Makkannaa
Makkanna
Abbaadho-7 Noole -5 Dullacha-3
1. Heenna 1.Goona 1.Areerii
2. Umaroo 2. Garra 2 .Bilii
3. Hawwaa 3. Burra 3.Huumee
4. Dhodhooloo 4. Siiba
5. Hirjii 5. Wadara
6.Loona
7.Udee
Kan biraa godinuma kana keessatti gosti Oromoo argamu Dhummuugaa jedhama. Hiddi latiinsa gosa kanaas kan armaan gadii fakkaata. Haa ta’u malee waa’ee gosa kanaa kana caalaa dhiyeessuuf ragaa nu gargaaru argachuu hin dandeenye.
Latiinsa Dhummuugaa
Dhummuuga
Waayyu Guta Liiban
Akka odeeffannoo manguddootaatti, qubsumni gosoota kanaa naannoo Ifaatiifi Dhuummuugaata’uusaa dubbatu Gosti biraa kan naannoo Walloo Shawaa Kibbaafi Kaabaa qubate, gosa Suubbaa jedhama. Gosti kun yeroo ammaa naannawaa Amaaraafi Affaaritti irra caalaan daangeffameera. Kan biraa gosti Jiillee gosa Oromoo Suubbaafi Karrayyuu gidduutti qubatee argama. Gosoonni Jiillee bakka adda addaatti argamanis Jiillee Kaabaa kanarraa citanii akka babal’atantu dubbatama.
Akkuma armaan olitti eerameen gosoonni Oromoo Walloo Kibbaafi Shawaa Kaabaa kana keessa qubatan walitti makuumsa gosoota Oromoo Tuulamaa, Walloo, Karrayyuu, Jiilleefi Ituuti.
Akka seenaa qubsumasaaniitti Oromoon naannawaa san qubatan Abbayya gamaa akka dhufan dubbatu. Mammaaksa isaanii keessattis: “Abbayii galee Dugda walitti gale” jedhu. Kunis kallattii dhufeenyaafi qubsuma isaanii kan mul’isu.
Maqaaleen yeroo ammaa akka gosaafi gandaatti moggaafamanii argaman kunillee bara Abbayya gamaa dhufan qabiyyee isaanii godhatanii mirkaneeffachuuf Meedhacha hidhachuun moggaafatan. Odeeffannoon kun itti dabaluudhaan akka mul’isutti:
Caffeerratti horii qalanii Meedhacha erga itti hidhatanii booda, manni (godoon) wadaajaaf keessa bulan tasa ibiddaan waan qabateef, namoonni achi keessa jiran yoo bahanii miliqan meeshaa isaanitti dhihaate waan qabatanii bahaniif maqaadhuma meeshaa harkatti baqataniin akka wal waamuu eegalan dubbatu. Haa ta’uutii, jila Gadaarratti godoo keessa qubatanii turan gubanii achii deemuun aadaadhuma Oromoota jiddugaleessa biyyattii kanaati.
Maqaalee kana keessaa akka fakkeenyaatti Buukko, Qorii, Dugugguru, Fuursee, Suubba kan jedhamaniidha. Haala kanaan Buukko kun Meeshaa Bukoo waan harkatti qabatee baheef, Qoris, Qorii waan qabatee baheef, Duguggurus, horii qalamee foon irraa nyaatame dugugguruu (Lafee dugdaa) isaa waan qabateef akka itti moggaafame dubbatama. Suubba huccuu qalqalloo fakkaattu harkatti qabatee waan baheef Suubbatti moggaafame. Boodas maqaa masoo kanaan biyyas ta’e gosa ittiin waamuu eegalan..
Seenaan qubsuma Oromoota Walloo Kibbaa (Kamisee) kun jaarraa dheeraa dura waan tureef yeroo akkasii jedhanii dubbachuun rakkisaadha. Haa ta’u malee lafa bosona ture saaqanii akka qabatan dubbatu. Tarii barri kunis kan Taaddasaa Taammiraat kitaaba “Church and State” jedhu keessatti bal’inaan akka ibsetti, kufaatii mootummaa Aksumiin walqabatee giddugalummaan siyaasaafi babal’inni amantaa Kiristaanaa gita bittoota warra Agawuufi Amaaraan hogganamaa kallattii kibbaa osoo hinqabatin dura ta’uu danda’a.
Oromoonni naannoo kana qubatan gosaan xiqqoo turan. Haa ta’u malee Tuulama keessaa gosa Jiillee makatanii, akkasumas gosoota Ituufi Karrayyuu dabalachuudhaan akka baay’atan dubbatu. Kunis irra caala kan raawwate bara mootummaa Ifaat akka ture himama.
Bariisaa Mudde 24 Bara 2013
6 Comments to “Qubsuma Bareentummaa”