Gumaacha Oromoon ijaarsa biyyaafi eenyumaasaaf gochaa ture

Kutaa 5ffaa

Aadaan guddifachaafi moggaasaa yeroo sanatti Oroomsuuf tooftaa addaa haa ta’an malee har’a sadarkaa addunyaa irratti maloota mirgoonni namummaa ittiin kabajamaniidha. Kunis bu’aa Oromooti yoo jechuu dadhabnellee, Oromoon jaarraa hedduu dura mirga namummaa bulchiinsa ofii keessatti hojiirra oolchuu isaa ibsuu hin dadhabnu.

Seenaan walitti dhufeenya Oromoofi saboota Afrikaa Bahaa bifa kan biroo yoo ilaalamus, walitti bu’iinsa bifa garaagaraati. Walitti dhufeenyi hawaasaa kamiyyuu seenaa wolmorkii qabeenyaa, olaantummaa hawaasummaafi siyaasaatiin calaqqisa. Humni ummattoota walitti buusu inni guddaan fedhii olaantummaa qabaachuu yoo ta’u, gareen tokko yoo weerara kaase gareen kan biroon immoo qabsoo diddaa gabrummaa gaggeessa. Kallattii biraatiin yoo ilaalamus seenaa qubsumaafi walitti dhufeenya saboota Afrikaa Bahaa keessattis qabeenya uumamaa kan akka lafaafi bishaanii iddoo olaanaa qaba. Hundeeffamniifi sochiin konfedereeshinii Booranaafi Bareentuumaa jaarraa 16ffaas bu’aa

Hariiroo kanaa ta’uun nama hin shakkisiisu. Jaarraa 16ffaa dura waggoota dheeraaf waldorgommiin giddugaleessa Itoophiyaa qabachuu mootummoota Kiristaanaa, Islaamaafi Kushoota gidduu akka ture seenaan ragaa baha. Amaloota humnoota yeroo sanatti waldorgomaa turan keessaa tokko teessoo bulchiinsaa dhaabbataa dhabuu ture. Teessoon bulchiinsaa yeroo yerootti sababa walitti bu’iinsaa jijjiiramaa ture. Hundeeffamni wiirtuu Gadaa Madda Walaabuufi haaromsi Sirna Gadaa jaarraa 15ffaa bu’aa walitti bu’iinsa yeroo dheeraa Oromoon humnoota Kaaba Baha Afrikaatti walmorkataniiti. Kanaafuu, konfedereeshiniin Booranaafi Bareentuu Gadaa kan haaromsatan dhiibbaa gama kamiinuu irratti gaggeessamaa ture ofirraa ittisuuf ture.

Walitti Bu’iinsaafi Qabsoo Oromoo Jaarraa16ffaa

Akkuma kutaa olaanu keessatti ibsuuf yaalle waraanni Giraanyis ta’ee sochiin konfedereesii Booranaafi Bareentuu bu’aa walitti dhufeenya hariiroo ummattoota Afrikaa Bahaa keessatti fedhii olaantummaa qabaachuuti. Walitti bu’iinsi Oromoofi bulchiinsi sanyii Salamoonawaa jedhus baruma hundeeffama bulchiinsa gonfoo sana ta’uu akka hin oolle ragaalee tokko tokkorraa hubachuun ni danda’ama. Sababni isaas imaammanni mootummaan Kiristaanaa gurguddoon sadan isaanis hortee Kuush kan akka Agawu, Beejjaa, Oromoofi kan biroo aangoo dhabsiisuu, daangaa babal’ifannaafi Amantii Kiristaanaa babal’isuun imaammata faallaa fedhii Oromooti. Beejjaan fincilee kufaatii Mootummaa Aksumiif sababa waan tureef akka diina mootummaa Kiristaanaatti ilaalama.

Agawu immoo kufaatii Aksum booda aangoo safuu dhaala aangoo cabsee fudhate waan ta’eef akka diinaatti ilaalame. Humnoonni gara Kibbaa yookaan giddugaleessa Itoophiyaa har’aa turan keessattuu biyya Mootittii Guddittii jedhamee shakkamu barbadaa’uu Aksumiif sababa waan tureef humna hatattamaan to’annoo isaanii jala ooluu qabu ta’uusaa beekkamaadha. Karaa Bahaa immoo xiyyeeffannoon mootummaa Kirstaanaa mootummaa Islaamaa barbadeessuufi hariiroo biyya alaaf hulaa argachuu ture.

Akka dokumentiin Kibra Nagasti ibsutti mootummaa Abisiiniyaa kan aangoo dhaaluu danda’u nama sanyii Mootii Jiwuush Salamoon qabu qofa. Kanaafis Mootonni Abisiiniyaa “Nuti mootii Mootota Itoophiyaati” ofiin jedhu. Akka aadaa sanaatti mootiin tokkuma. Innis Mootii Mootota Itoophiyaa (biyya gurraachotaa daangaan isaa bal’aa ta’eefi biyya Misiraa hanga Galaana Hindiitti bal’atuudha. Sababa mootummaan Abisiiniyaa eenyummaa ergifatee saboota humnaan qabaterratti fe’uuf mootummaa ijaaramu keessatti imaammata kana kan simatu hin turre. Kanaaf egaa Oromoon waraana daangaafi amantii babal’ifannaa irraa kan ka’e wiirtuu bulchiinsa Gadaa giddugaleessa Itoophiyaarraa suuta suutaan gara Madda Walaabuutti kan jijjiirratan.

Akka ragaan seenaa ibsutti jaarraa 13ffaa keessa bara 1215-1312tti Abuna Takla Haymaanot Yaayyaafi Galaanirratti duula amantii babal’isuun akka milkaa’e himama. Yeroo sanatti Yaayyaafi Galaan ayyaana Qorkee jedhamuuf muka jalatti akka faarsatan ibseera. Qorkee jechuun maqaa ayyaana mukaa gurguddaa, tulluuwwaniifi laggeen keessa qubata jedhamee amanamuudha.

Akka ragaa kanaatti, gara Lixaafi Bahaatti ummata aadaa walfakkaatu akka isaan mudate warri amantii babal’isaa turan ibsaniiru. Yeroo sanatti egaa Oromoon Yaayyaafi Galaan kun Odaa Nabee akka wiirtuu Gadaatti tajaajilamuun isaanii akka hin oolle shakkama.

Akka Baahireen barreessetti Galaan akka gosa hangaftuutti ilaalama; Sirna Gadaafi amantii Oromoo keessatti iddoo olaanaa qaba. Yaayyaanis akkasuma Salaaleefi Oromoo karrayyuu keessatti gosa beekamaadha. Kanaaf Galaaniifi Yaayyaan gosoota Oromoo yeroo sanattis ta’e amma giddugaleessa Itoophiyaa har’aa keessa jireenya dhaabbataa qonnaan bulan ta’uutu dubbatama.

Dhiibbaa kanarraa kan ka’e Abbaan Muudaa Odituu kan warra Marii Galaan akka ajjeefame sana boodas wiirtuun Gadaa Odaa Roobaa tilmaamaan bara 1316 akka hundeeffame himama. Dhiibbaan kallattii lamaan mootummaa Kiristaanaafi Islaamaa irraan gahe Oromoon wiirtuu Gadaa Odaa Nabee irraa gara Odaa Roobaa darbees waggoota dhibba boodas rakkinuma walfakkaatuun gara Madda Walaabuutti akka jijjiirratu dirqisiiseera.

Akka Christophor Ehret, jaarraa 13ffaan yeroo raakama siyaasaafi itti walmorkiin aangoo gidduugaleessa Itoophiyaatti keessattuu Kaaba sulula Awaashitti garee sadii gidduutti cimeedha.Walmorkiin kunis irra caalaa daangaa babal’ifachuufi daandii daldalaa to’achuu ture. Akka Nagaasoon eeretti dhiibbaan kun bara bulchiinsa Amdatsiyoon cimeera. Innis seenaa yeroo sanaa akkasitti ibseera.

The religio-political center of the Oromo during the reign of Amdetsion (1314-1344) is given as Katat. It was then transferred to Dawwaro during the same period; from Dawwaro the center moved to Odaa Nabee and remained there for a longer time

Dawwaaroon Kaaba Baha Shawaa akka ta’eefi biyya gosa Oromoo Laaloo ta’uun beekama. Taaddasee Taammiraat seenaa waraana mootummaa Kiristaanaafi Ifaat gidduu jaarraa 14ffaa keessa ture yeroo ibsu yaada armaan gadii kaa’eera. “ln the Adaal region, the hot lowland plains were largely inhabited, it appears, by-the eastern Kushitic group of people represented today by the Soho, Afar, Somali, and {Oromo}.”

Kunis Kaaba Baha Shawaatii eegalee sululli Awaash biyya hortee Kuush isaanis Sahoo, Affaar, Somaaleefi Oromooti jechuu isaati. Sababa waraanni hammaateef mootichi Ifaat Haqaddiin II (I363/4-I373/4) teessoo bulchiinsaa Ifaat irraa gara Kibba Bahaa Wahalitti akka jijjiire Taaddaseen dabalataan ibseera.

Haaluma walfakkaatuun Nagaasoon qorannoosaa keessatti dhiibbaan bara bulchiinsa Amdatsiyoon akka wiirtuu Gadaa Oromoo Dawwaaroorraa gara Kibbaatti jijjiiramu sababa ta’eera. Sababa kanaanis ijoolleen Laaloo torban wiirtuu Gadaa Kattaafi Dawwaaroo irraa akka buqqisan darbees akka baay’een isaanii booji’aman yookaan godaanan taasisameera. Karaa biraatiin jaarraa 13ffaa keessa mootummaa Kiristaanaa dhiibbaa geessisuu danda’u uumamuun isaa sochii ummataa Bahaa gara Lixaafi kibbaa gara Kaabaa ittisuu danda’eera. Darbees walitti-bu’iinsi Allaabduu (Gujii) loltoota Zaaraa Yaa’iqoob waliin walakkeessa jaarraa 15ffaa keessa naannoo haroo Laangaanootti taasisan fakkeenya guddaadha.

Egaa jaarraa 15ffaa keessa sababoonni haaromsa Sirna Gadaafi tokkummaa Oromoo barbaachise dhiibbaa jaarraa hedduuf Oromoo irratti aggaamame ta’uusaati. Kanaaf egaa waraanni qabsoo Madda Walaabuurraa buttaa buttaan kan gaggeeffame darbees Oromoon mootummaa Habashaa “Sidaama” (diina hamaa) jedhee kan itti moggaase. Kunis saba Sidaamaa otoo hin ta’iin waraana waggoota hedduuf isaan falmeedha.

Baahireen yeroo waa’ee Oromoo barreesse diinummaa Oromoofi mootummaa Habashaa toora duraarratti ibseera. Kaayyoo barreeffama isaa inni guddaan “Maaliif seenaa namoota yaraa barreessita yoon jedhame kitaaba hedduu keessatti seenaa baay’inaafi hangi hammeenya diinotaa barreeffameera jedheen deebisaaf” jechuun barreesseera. Diinummaan kun immoo kan jaarraa 16ffaa keessa eegale utuu hin ta’iin irra caalaa hundeeffama bulchiinsa Salamoonawaa waliin erga aangoo qabachuun hortee Kuush akka cubbuutti ilaalamee yoo ta’u, irra caalaa immoo diinummaan kan cime duula daangaafi amantii babal’ifannaa mootummaa Abisiiniyaatiin jaarraa 13ffaa irraa eegalee raawwateeni.

Ittifufa

BARIISAA Waxabajjii 11 / 2014

Recommended For You