Kutaa afraffaa
Kana jechuun duulli daangaa babal’ifannaa jaarraa 16ffaa duraafi jaarraa 19ffaa boodaa akka walfakkaatu ibsa. Kunis hortee Kuushiif mootummoota Baha Afrikaa irratti dhiibbaa akka irraan geessise xiinxaluun hinulfaatu. Adeemsa kana keessatti ta’a egaa wiirtuun Gadaa Oromoo Odaa Nabeerraa gara Odaa Roobaa sanarraas gara Madda Walaabuutti kan jijjiirame.
Kana jechuun ummata Oromoo hundatu wiirtuulee Gadaa waliin godaane jechuu miti. Fakkeenyaaf teessoon mootota Kiristaanaa yoo xiqqaate waggoota 300fi walakkaaf dhaabbataa hinturre. Bara hundeeffama bulchiinsa dhaala Solomoonawaa (1270) eegalee hanga hundeeffama Gondoritti (1636)tti wiirtuun bulchiinsa mootummichaa iddoo tokkorraa gara iddoo birootti socho’aa ture.
Kun immoo sababa bulchiinsa tasgabbaa’e hundeessuu dadhabaniifi fedhii daangaa babal’ifannaa waliin walqabateeti. Sababni inni tokkoffaan akkuma Baahireen ragaa bahe bulchiinsa cimaa akka hin ijaarre gufuu isaanitti ta’eera. Sababni inni lammaffaan immoo mootummaan Kiristaanaa abboomuu waan barbaaduuf ummata olloottan isaan waliin diina yeroo dheeraa akka ta’u taasiseera. Seenaa kana waliin walqabatee wiirtuuleen Gadaa sababoota uumamaafi namtolcheetiin iddoodhaa iddootti yoo socho’e taatee seenaa Oromoo keessatti qofa raawwate miti.
Qubsuma Oromoofi Biyyasaa
Akka ragaaleen tokko tokko ibsanitti Oromoon jaarraa 16ffaa naannoo laggeen gurguddoo kanneen akka Mormor, Awaash, Gibeefi Gannaalee akka jiraachaa ture himama. Kun immoo daangaan yoo xinnaate Kaabaan Laga Abbayyaa gara Kibbaafi Bahaatti, karaa Bahaa naannoon Awaash, karaa Kibbaa naannoon laga Gannaaleefi Lixaan naannoon Gibee biyya Oromoo akka ta’e tilmaamuun hin ulfaatu.
Qubsumniifi qabiyyeen lafa Oromoo yeroo ammaa mul’atu seenaa haaromsaa Sirna Gadaa jaarraa 15ffaafi sochii konfedereshinii Booranaafi Bareentuu waliin wal haa qabatu malee, sochii Booranaafi Bareentuu dura Oromoon dachee Oromoo daangaalee eeraman kanneen irra hin jiru jechuu miti. Qubsumni gosoota Oromoo gurguddoon keessattuu haala teessuma lafaafi laggeen gurguddoo Oromiyaa kan akka Awaash, Gibee, Gudar, Gannaalee, Dawwaa, Dhidheessaa, Daabus akkasumas Mormor waliin ta’uunsaa beekumsa Oromoon iddoowwan kanneeniif qabu mul’isa. Oromoon ummata yeroo dheeraaf beellada horsiisuufi midhaan oomishuun jiraataa ture waan ta’eef iddoon biyyeefi bishaaniin badhaadhe daran barbaachisaa ture.
Hariiroo Oromoofi Saboota Afrikaa Bahaa
Ardii Afrikaa keessatti hundeeffama mootummaa waliin walqabatee hariiroon saboota gidduu ture haala jijjiirrachaa deemuu isaa qorattoonni seenaa ni ibsu. Hariiroon saboota gidduu bara hundeeffama mootummootaa duraa ture amala jijjiirrachuun gareen gurmaa’inaafi humna qabu garee laafaafi gurmaa’ina hin qabne qabeenya irraa saamuuf sirna gabroomsuutti cehe. Kunis haalaafi iddoo adda addaatti amala garaagaraa haa qabaatu malee ardii Afrikaa guutuu keessatti mul’ateera.
Mootoleen Afrikaa keessatti hundeeffamuun beekkamtii Awurooppaanotaa argataniifi meeshaa waraanaa harka galfatan garee laafaafi gurmaa’ina siyaasaa hin qabne salphaatti to’achuu danda’aniiru. Seenaa Afrikaa Bahaa bara giddugaleessaa yoo ilaallu seenaa waldorgommii daangaa babal’ifachuufi hariiroo biyya alaa qabaachuu ture.
Afrikaa Bahaa bara giddugaleessaa kan adda taasisu bulchiinsaafi ijaarsa mootummaa keessatti amantiin qooda guddaa qabaachuu isaati. Amantiin Kiristaanaa qaama mootummaa Abisiiniyaa yoo ta’u, Amantiin Islaamaa bulchiinsa mootummoota Islaamaa Amiirota keessatti ulaagaa tokkummaafi daangaa babal’ifannaa ture. Yeroo sanatti hawaasni sirni walfakkaatuufi bulchiinsa tokkummaawaa hin qabaanne weerara garee amantiin qindaa’eef saaxilamaniiru.
Kutaa kana keessatti hariiroo saboota Afrikaa Bahaa toora seenaa kana keessatti ilaalla.
Afrikaa Bahaa keessatti walitti dhufeenya Oromoon saboota kan biroo waliin qabaataa ture bifa lamaan ilaaluun ni danda’ama. Kunis walitti dhufeenya nageenyaafi walitti bu’iinsa irratti hundaa’e. Aadaan ummata tokkoo akkaataa walitti dhufeenya ummanni sun ummata kan biroo waliin qabu murteessa. Haalli jireenya saba sanaa, qabeenyi, fedhiifi ijaarama hawaasummaafi seenaafi kan kana fakkaatan sabni tokko hariiroo nageenyaa yookaan diinummaa saboota ollaa waliin akka qabaatu taasisuu danda’u.
Kutaa kana keessatti walitti dhufeenya Oromoon saboota Afrikaa Bahaa keessatti jala bultii waraana buttaa jaarraa 16ffaafi isa booda qabaataa ture ilaalla. Hariiroo yeroo adda addaafi haala adda addaa keessatti diinummaafi michummaa uumamuu hinoolu. Walitti dhufeenyi kunis seenaa siyaasa Afrikaa Bahaa keessatti iddoo olaanaa qaba. Bu’aa aadaan Oromoo ijaarama biyya Itoophiyaa ammayyaa keessatti qabu boqonnaa kan biroo keessatti ilaalla. Kutaa kana keessatti garuu baroota waraana buttaa jaarraa 16ffaa duraafi sanaan boodaa keessatti qabsoo Oromoon gaggeesseefi adeemsa haaromsuu irratti xiyyeeffanna.
Garee Oromoo Sirna Gadaa Madda Walaabuutti haaromsate darbees gurmuu yookaan konfedereesii Booranaafi Bareentuutti wal ijaaree duula walabummaa eegale yeroo sanarraa eegalee Sirna Gadaa keessatti olaantummaa bulchiinsaafi aadaa akka qaban himama. Olaantummaa aadaafi siyaasaa ilmaan konfedereesii Booranaafi Bareentuus bulchiinsa Sirna Gadaa jaarraa 16ffaa boodaa keessatti akka calaqqisaa ture ragaan seenaa ni ibsa.
Booranni akka qulqulluuttiifi hangafaatti yoo ilaalamu kan Boorana hinta’iin sadarkaan lammummaa isaafi gaheen Sirna Gadaa keessatti qabu gadi aanaadha. Kun immoo caalmaatti konfedereesii Booranaa keessatti ni mul’ata. Akka qorannoon tokko tokko ibsutti Saglan Booranaa naannoo Madda Walaabuutti tokkummaa qabaachuu irraa kan ka’e dandeettii waraanaan baay’ee cimoo turan.
Kanaafis yeroo gabaabaa keessatti jaarmiyaalee Guddifachaafi Moggaasaan miseensa baay’ee horatan. Dandeettii kanaan immoo ummattoota naannoo isaanii yeroo gabaabaa keessatti to’achuufi gabbarsiisuu danda’an. Ummattoota ofitti dabalanis Boorana qulqulluu ykn warra seeraafi heera qaban irraa addaan baasuuf maqaa Gabra jedhu itti moggaasan.
Gabra yookaan Gabaroon baay’ina akka qabu himama. Kanaaf ilmaan Maccaafi Tuulamaa biratti Saglan Booranaa, torban Baarentummaa, Sagaltama Garbaa yoo jedhamu Boorana Kibbaa biratti Saglan Booranaa, Soddomman Gabraa jedhama. Kunis baay’ina namoota Oroomsanii (Moggaasanii) ibsuu akka hin oolle dubbatama.
Kunis adeemsa Oroomsuufi hariiroo ilmaan Booranaa Orom Duroo waliinis ta’ee ummattoota kan biroo waliin qaban irratti dhiibbaa guddaa qaba. Sirni kunis hawaasa Oromoo keessatti hariiroo hawaasummaaf bu’uura ta’eera. Haata’u malee, ilmaan Gabraa (Gabaroo) hangafummaa dhabuurraa kan hafe akkuma ilmaan Booranaa mirga kamiyyuu qabu.
Adeemsa Oroomsuu keessatti guddifachaa yookaan moggaasaan sirna tokko gooftaa kaan immoo garba taasisuu miti. Miseensi guddifachaan hawaasa Oromootti makame mirgoota miseensummaa guutuu qaba. Gaheen Saglan Booranaa bulchiinsaafi aadaa hogganuu yoo ta’u ilmaan Gabraa miseensummaa Gadaa keessatti qooda wal qixaa qabaatu. Orom Duroofi Gabaroo kan jedhaman garuu irra caalaa Oromoo heeraan malee Seeraan yookaan murtii hinfeenu jedhanii mormaa turan kan ibsuudha. Saglan Booranaa boodas maqaa Oromoon Maccaafi Tuulamaa ittiin beekamu ta’e. Milkaa’ina sochii Oromoo (1522-1618) barreessitoonni tokko tokko dandeettii guddifachaafi moggaasaati jedhu.
Mahammad Hassan akka ibsetti jaarraa 17ffaa keessa walakkaan Itoophiyaa gara Kibbaa Oromootiin jijjiirameera. Jijjiiramni kunis karaa caasaa bulchiinsaa, hariiroo sirnoota bulchiinsaafi hariiroo Oromoon ummattoota biroo waliin qabuudha.
Garuu dandeettiin humna waraanaafi bakki itti Oromoon babal’ate duraanuu sabni Oromoo Orom Duroo akka ture dagataniiru. Oromoon nageenya mirkaneeffachuuf tooftaa addda addaa fayyadameeera. Tooftaawwan kanneen keessaa inni guddaan walitti dhufeenya hawaasaa cimsuudha. Kanaaf immoo Moggaasaafi Guddifachaa Sirna Gadaa keessatti hammachuun dhimma itti ba’aniiru.
Haalli kun immoo gosa Oromoo ala kan ta’an waliin hariiroo nageenya qabu akka uuman isaan taasiseera. Qorattoonni sirna moggaasaafi Oroomsuu kunis booda keessa Oromoo Maccaa keessatti bu’uura uumama garaagarummaa hawaasummaa akka uume ibsu. Asirratti kan hubatamuu qabu Oromoon jaarraa 16ffaa dura irraa eegalee aadaa ittiin orma simatu, simatees walqixxummaatiin waliin jiraatu qabaachuusaati.
Ittifufa
Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 4 Bara 2014