Seenaa Mootummaa Sirna Gadaafi guddinasaa

Kutaa 6fa

Abbaa Gadaa tokkoof qachaan kan ijaaramu Caffee tumaa isaarrattiifi iddoo miseensonni itti luboomaniidha. Kanarraa ka’uun fakkaata kan miseensonni Gadaa shananuu Kattaa Daalotaa (Duukam) keessatti Ardi Odaa Nabee Odaalee Shanan jiran maqaa miseensota shananiin moggaasan. Odaaleen kunis. Odaa Birmajii, Roobalee, Duuloo, Horataafi Meelbaa jedhanii walirraa fageenyarratti argamu. Walumaagalatti, Caffeen jecha sadarkaa xiqqaarraa gara hiika gamtoomina ummataa sadarkaa olaanaatti argamu yoo ta’u, kunis qaama olaanaa bulchiinsa sirna Gadaati.

Akkuma armaan dura ibsinetti, Caffeen jechoota akka Odaa, Gumiifi Yaa’ii bakka bu’uu danda’a. Achi keessatti, Oromoota iddoo adda addaatti argaman akka seera baastuu, seera raawwachiistuufi seera hiiktuu kan hammateefi ergama kanaaf hundee kan ta’edha. Kana malees, erga bulchiinsi Sirna Gadaa laafee booda ummanni Oromoo jecha kana bifa haaraan itti gargaaramuun siyaasa ammayyaa keessattis Mana Maree Oromoo, Caffee Oromoo jedhee moggaafama “Caffee” jedhu haaromsee ittiin hojjachaa jira. Kunis jechaafi hiikaa iddoo isaa eeggatedha.

6.3 Seeraafi adeemsa filannoo

Filannoon Sirna Gadaa keessatti, dursee osoo miseensonni sadarkaa Gadaa 6 (Luba) aangoo hinqabatin gaggeeffama. Akka seera filannoo Sirna Gadaatti, namoonni fuulduratti sadarkaa Gadaa (Luba) keessatti yaa’a Gadaa keessa galuun bulchiinsarratti hirmaatan sadarkaa Kuusaa keessatti filatamu. Kunis Kuusaa Gadaa ykn alangaa jedhama. Kanaan booda sadarkaalee itti aanan keessatti miseensonni yeroodhaa gara yerootti leenjii fudhachaa Abbootii Gadaa waliin hojjechaa muuxannoo akka argatan taasifamu.

Asirratti sadarkaa Kuusaa irratti filatamuun qofti Caffee keessa seenanii hojjechuu hindandeessisu. Miseensonni filataman kunniin gahumsi isaanii filannoo dhumaarratti qoratamee miseensota sadarkaa Gadaa isaaniitti dhihaatu. Kaadhimamtoonnis gahumsa isaanii akkasumas dirqama ofii bahuufi dandeettii ofii agarsiisuun filannoon injifachuutu isaanirraa eegama. Akka Manguddoota naannoo Odaa Nabeetti ulaagaaleen waliigalaa filannoo ykn filatamuuf irraa eegaman kanneen armaan gadiiti:

1. Barumsa sadarkaalee Gadaa keessatti kennaman mara keessattuu seeraafi murtii kennuu kan hubate ta’uu qaba. Sababni isaa hawaasa hogganuu keessatti akka loogiin hin hojjetamneefi cimina seeraan buluu akka hojiirra oolchuuf kan gargaaru waan ta’eef;

2. Qaamni isaa guutuu kan ta’e, kana jechuun bifa kamiinuu yoo ta’e kan mallattoo hir’inaa tokkollee hinqabneefi nama guutuufi jabaa ta’uu qaba. Ulaagaleen kunniinis dirqama isaanitti kennamu akka galmaan ga’an waan barbaadamuuf malee loogii qaama guutuufi hir’uu uumuuf miti;

3. Kaadhimamaan sun warra isaatiif hangafa osoo ta’ee filatamaadha.

4. Kan seeraan fuudheef (Seera Rakoo raawwate) aadaa kan beeku ykn ummata keessatti kan guddate ta’uu;

5. Haati manaa isaa naamusa gaarii kan qabduufi maatiin isaa seeraafi naamusa kan qaban ta’uu;

6. Sooressaafi nama qabeenya guddaa qabu ta’uu;

7. Nama hawaasa keessatti fudhatama qabuuf hoggantummaaf qajeeltoofi bifa gaarii qabu ta’uufi;

8. Nama Caffee qaraa keessaa fira aangoo olaanaa kan hinqabne ta’uu qaba. Kunis filannoo kanarratti akka dabaafi loogiin hinhojjetamne gargaara.

Akka seerri Gadaa kaa’utti, Caffeen Abbaa Gadaa sanyiin kan filatamu miti. Filannoon miseensaan ta’ee Abbaafi ilmi waggaa 40 walirraa fagaatu. Kana jechuun waggoota afurtama dura Abbaan filatamaa Gadaa yoo ture, dirqama ilmisaa Abbaa Gadaa ta’a jechuu miti. Filatamuu dhiisuu waan danda’uuf jechuudha.

Barreessaan dhimma kanarratti qo’annoo gaggeessan Dhinsaa Leephisaa akkaataa armaan gadiitiin ibsu; “… The office of Abbaa Gada is not hereditary. The gap of forty years period between the father and the son is an in-built check system to build such cession of power and there by the concentration of political, power in the hands of one family….”

Hiikni isaa Caffeen Abbaa Gadaa sanyiidhaan kan darbu akka hintaaneefi aangoon harka maatii murtaa’e tokko keessatti akka hinkuufamne mul’isa. Kunis mootummaan Sirna Gadaa hagam akka cimina qabuufi seera cimaan filannoo gaggeessuu argisiisa.

6.4 Mirga Filatamuu

Sirna Gadaa keessatti jaarmiyaa (institution) jiran keessaa tokko filannoo ummanni dursitoota Gadaafi hawaasaa argachuuf gaggeessan isa tokkodha. Filannoon Abbootii Gadaafi hoggantoota hawaasaa gosa Oromoo Tuulamaa keessatti bifa lamaan gaggeeffama. Tokkoffaan, haaluma tartiiba miseensa Sirna Gadaan filannoon miseensummaa kan raawwatamu yoo ta’u, inni lammaffaan immoo tartiiba Gadaan miseensota marsaa kanaaf gahan keessaa namoota ulaagaalee kana guutan filachuudha.

Haaluma armaan olitti eerameen filannoon bifa lamaan adeemsifamu kun kan walitti hidhamu yoo ta’u, namoonni akka dursaatti filataman miseensa Gadaa keessaa kan sadarkaa ja’affaa gahaniidha. Miseensonni filannoo kanarra ga’uudhaaf ulaagaalee guutuun irra jiraatan qabu. Ulaagaalee barbaachisan keessaa inni duraa sadarkaalee dabran keessatti namni Abbaa Gadaa ta’u tokko hojii sadarkaa sadaffaa (Kuusaa ykn Foollee) jedhamurratti raawwachaa turetu murteessaadha.

Abbaa Alangee (miseensa Kuusaa) ta’ee kan filatamu ga’uumsi isaa gochaan kan madaallame ta’uu qaba. Kaadhimamtichi sadarkaalee Kuusaa, Raabaafi Doorii keessatti ciminni inni qabuufi gaggeessummaan isaa kan mirkanaa’e ta’uu qaba.

Karaa biraatiin, filannoo keessatti kaadhimamtoonni abbootiifi akaakayyuun isaanii beekaman, akkasumas kan qaama guutuufi ergama isaanitti kennamu galmaan ga’uuf jabina qaban, filatamuuf carraa gaarii qabu. Kana malees, qaroomaafi mala isaan kennan, miseensa isaa qabatee hagam akka socho’uu danda’u, qabeenyaafi maqaa inni maatii isaa keessatti qabu ni qoratama. Akka mirgaatti, miseensi Gadaa tokko na filadhaa jedhee of beeksisuufi dorgomuuf mirga ni qaba.

Dandeettii, jabinaafi ga’umsa qaamaa malee milkii kaadhimamaan qabu filannoo keessatti akka ulaagaa tokkootti ni ilaalama. Kaadhimamaan tokko qaamni isaa jabaa, rifeensi mataa guutuu, fakkeenya Oromoofi Oromummaa kan ibsuufi aadaafi icciitii gosa isaa kan eegu ta’uu qaba. Sadarkaa Kuusaarratti miseensonni mala bulchiinsaa shaakalaa sadarkaa Gadaa ykn osoo Luba ta’anii aangootti hindhufin waggoota 21 dura filatamuun waggaa saddeet saddeetiin madaalamaa turu.

Warreen tuuta hogganan kun “Kuusaa Gadaa” jedhamu. Kana malees, ayyaanotaafi jiloota adda addaarratti argamuun waldorgommii taphaa gaggeeffamurratti jabinaafi tooftaa kaadhimamaan qabu ni hubatama. Waldorgommiin taphaa gaggeeffaman immoo yeroo baay’ee gugsii, gombisa, malaafi dandeettii lolaa, kaachoo, bishaan daakaa, waraana (eeboo) darbachuu, miliqaa, mala jireenyaa, qaroomina, wal’aansoo, korboo darbachuu (Ginglee), hiddii saamuufi kan kana fakkaataniidha.

Milkiifi hojiin miseensi tokko ummata akkasumas hiriyoota isaa wajjin raawwatu kun madaallii inni filannoo keessatti argatuuf gahee guddaa qaba. Kunis irra caalaa milkii osoo hinta’iin ga’umsaafi dandeettiin isaa kan keessatti madaalamuudha. Yeroo kana keessatti Abbootiin Gadaa qofti kan itti filataman osoo hinta’iin gaggeessitoonni waraanaa (Abbootii Duulaa), basaastuu, loltoonni ciccimoo ta’an kan itti madaalamaniidha.

Filannoon nama Abbaa Gadaa ta’uufi hayyoota isaa filachuun kan raawwatu sadarkaa Kuusaarratti. Kun immoo Raabaa Doorii keessatti itti himama. Abbaan Gadaa gosa gosaan jiraachuu danda’a. Garuu, hangaftichi gosa hundaaf Abbaa Gadaa ta’a. Haaluma kanaan Abbootiin Gadaa gosoota keessatti filataman kun haaluma walitti aananii filamaniin, Abbaa Gadaa Tuulamaa sadanii ykn Caffee ta’u.

Fakkeenyaaf, Abbaan Gadaa Jiddaa, Ada’aa, Warra Jaarsaa, Aabbuu, Liibaniifi Gaadulla akka Abbaa Gadaa gosa ja’an Galaanitti kan fudhatu ykn filataman yeroo baay’ee kanuma Jiddaati. Kan gosa Bachoo, Iluu, Keekuu, Meettaa, Garasuu, Waajituufi Uruu keessaa filataman immoo kan hangaftichaa ta’a. Kunis yeroo baay’ee Iluu jechuudha. Gosa Jiillee keessaa Goonaa, Siiba, Looyyaa, Gindoo, Waarreefi Guusa ja’an Jiillee yoo ta’an, Abbootii Gadaafi gosoota Jiilleef akka hangafaatti kan filatamu kan hangaftichaa ykn kan gosa Goonaati.

Bifuma kanaan, Abbootiin Gadaa gosa xixiqqaa keessaa filataman kun achuma iddoo jiranitti kan hojjetan ta’ee namoonni tokko tokko akka Caffee gara Galaan (Jidda) deemuun seera murtii hayyicharraa fudhatu. Jilaafi seera rakkistuuf murtii argachuuf garuu gara Abbaa Gadaa ja’an Galaan hayyicha olaanaatti deemu. Kunis filannoon sirnichaa dhalootaan ykn hangafooma gosaan kan raawwatamu ta’uufi gosoota ofii keessatti garuu jabinaafi dandeettiin hoggansa isaa akka madaalamu nutti mul’isa.

Kan biraa adeemsa filannoo kana keessatti seerri hangafaafi seerri filannoo sagalee ummataa irratti hundaa’uun wal maddii kan hojjetu ta’uusaa hubanna. Haa ta’u malee, adeemsa filannoo keessatti mirgiifi sagaleen ummataa yoo ilaalameyyuu kan aangoo olaanaaf fudhataman ykn sagaleen filataman miseensota Gadaa qofadha. Kana yoo jedhamu wanti irraanfatamuu hinqabne Oromoo ta’ee kan Gadaa keessatti hin hammatamne waan hinjirreef, paartilee (miseensa) ofii keessatti gahee filannoorratti qaban ba’u.

Ittifufa…

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA Mudde 16 Bara 2014

Recommended For You