Maqaan Caffee jedhamus ta’ee gumii ykn Odaan qaama olaanaa mootummaa Sirna Gadaa Oromooti. Dhimma Caffee Oromoo mara dhiisnee otoo Caffee Tuulamaa akka fakkeenyaatti fudhanne, kan armaan gadii fakkaata.
Caasaa Mootummaa Sirna Gadaa Gosoota ykn Caffee Oromoo Tuulamaa (Odaa Nabee)
Bulchiinsi Sirna Gadaa bifa lamaan hojjeta. Isaanis; miseensa qaraafi miseensa laafaati. Miseensa qaraa kan jedhamu sadarkaalee Gadaa ja’an isaan duraa keessatti kan hojjetu yoo ta’u, kan hafan immoo sadarkaa 2fa ykn miseensa laafaa kan jedhamurratti hojjetu. Kunis seera Caffeen baaserratti hundaa’uun haaluma umuriin akka armaan gadiitti ibsuun ni danda’ama.
Maqaa Sadarkalee Gadaafi Umurii Miseensa Gadaa
Maqaa Umurii Isaanii
1. Dabballee……………….0 – 8
2. Gaammee………………8 – 16
3. Kuusaa…………………17-24
4. Raaba…………………25 – 32
5. Doorii…………………33 – 40
6. Luba (Gadaa)…………41- 48
7. Guulaa /Yuuba/ 1 ……..…49 – 56
8. Yuuba -2…………………57 – 64
9. Yuuba -3………………65 – 72
10. Gadamoojjii……………73 – 80
11. Jaarsa (Qululluu)………… 81 – 88
Sadarkaaleen kunniin kan namni Oromoo ta’e tokko seera Gadaa keessatti hammatamuun dhalootuma isaarraa kaasee hanga lubbuun jirutti keessa darbuu qabuudha. Sadarkaaleen murna duraa keessatti mul’atan Gadaa qaraa yoo jedhaman, isaanis seera Gadaan tume hojiirra oolchu; ni raawwatus. Kana malees, warri murna qaraa qajeelfama Abbaan Gadaa kennu hojiitti hiiku. Mata duree kana keessatti garuu sadarkaa qaraa keessaa isa xumuraa kan ta’e Luba (Gadaa) irratti xiyyeeffanna.
Akkuma murna Gadaa lamaan (qaraafi laafaa) jennee ibsineen sadarkaan Lubaa sun umurii nama tokkoo ykn Gadaarratti hirmaatu isa jiddugalaa akka ta’e mul’ata. Isaanis miseensota waggaa 41-48 ta’aniidha. Umuriin miseensota sadarkaa Gadaa bulchiinsi Gadaa kan gaggeeffamu jaarsotaafi manguddootaan osoo hinta’iin kan miseensa umurii jiddugalaa ta’uu isaa mul’isa. Miseensa sadarkaa Gadaa ta’uuf barumsa (informal education) sadarkaalee Dabballeerraa kaasee hanga sadarkaa Dooromaatti keessa dabruun dirqama Sadarkaan Lubaa ykn Gadaa jedhamee beekamu jireenya nama dhuunfaa tokko keessatti murteesaadha.
Kunis shaakala barumsaafi dirqama sabni isarraa eegu kan gumaachu yeroo kanatti waan ta’eef. Namni tokko Abbaa Gadaa, Abbaa Duulaa, Abbaa Faajjii, hayyuu Fooqaafi qaama beekamaa Sirna Gadaa kan itti ta’u sadarkaa kanarratti waan ta’uuf. Akka seera Caffeetti lafumaa ka’anii Abbaa Gadaa ykn kan biraa ta’uun hindanda’amu. Qaama bulchiinsa Sirna Gadaa miseensa Caffee kan ta’us yeroo kanatti.
Sirna Gadaa keessatti sadarkaan kun baay’ee murteessaadha. Sirni Gadaas maqaadhuma sadarkaa kanaan kan beekameedha. Maqaan Gadaa jedhamu kunis Tuulamaafi iddoo baay’eetti maqaa Luba jedhamuun beekama. Sadarkaan kun iddoo tokko tokkotti sadarkaa ce’umsaa jedhama. Sadarkaa qaraarraa gara laafaa ykn Yuubomaatti waan dabraniif jechuudha.
Murna Gadaa isa 2fa keessatti miseensonni Yuubomarratti argaman hayyuu Gosaa, hayyuu Gabraafi Meedhachaa, Abbaa Seeraa ta’uun gosa ofii keessatti hojjechuu malee akka qaama olaanaa Sirna Gadaatti hojjechuuf seerri hin hayyamuuf. Haala kanaan Sirni Gadaa aangoon namoota murtaa’an harkatti akka hinqabamne dhorka. Miseensonni kunniin namoota sadarkaa qaraa fixatan yoo ta’an, muuxannoo argataniin akka hayyuu gosaatti filatamanii hojii gosaa hojjechuu danda’u.
Argaa dhageettiirratti muuxannoo guddaa waan qabaniif hawaasa biratti fudhatama guddaa qabu. Iddoo tokko tokkotti namoonni kun “Walaab galeessa” jedhamu. Kunis seera Walaabuu waraabbatee galee kan dhugaa malee soba hindubbanne gale ykn muuxannoo qabaachuu isaanii argisiisudha. Akka seera marsaa Gadaatti, bulchiinsa Sirna Gadaa keessatti, namni tokko miseensa paartii tokko qofa ta’uuf mirga qaba. Kunis Caffeen kan murtaa’edha. Seenaa bulchiinsa Sirna Gadaa Tuulamaa keessatti Caffeewwan ykn gumiiwwan gosoota Oromoo hedduu biratti beekaman keessaa muraasni akka armaan gadiitti ilaaluu ni dandeenya.
Caffee Tuulama
– Caffee – Tumaa
– Caffee – Baalloo
– Caffee – Roobii
– Caffee – Goraa
– Caffee – Doonsaa
Odaa – Tuulama
-Odaa Nabee
-Odaa Tuutaa
– Odaa Kallachaa
– Odaa Bisil
Maccaa
– Odaa Bulluq
– Odaa Doogii
– Odaa Huulee
Ituu – Odaa Bultum
Gujii – Odaa Girjaa
Wiirtuun siyaasaafi amantii Oromoo Odaafi Caffee malees moggaafama gumii jedhamuunis ni beekama. Innis yaa’ii olaanaa Abbaa Gadaafi hayyoota Oromoon gaggeeffamuudha. Jecha gumii jedhu yeroo baay’ee Oromoota gara kibbaa jiranitu itti fayyadama. Kunis qaama olaanaa bulchiinsa Sirna Gadaa Oromoo Gujiifi Booranaa ta’uun beekamu. Gumiin Gaayoo Boorana keessa yoo ta’u, gumiiwwan akka Me’ee Bokkoo, gumii Daraartuufi gumii Dharritoo Gujii keessatti isaan olaanoodha.
Bal’ina biyyaafi baay’ina Ummata Oromoorraa kan ka’e waan tokkoof maqaan adda addaa kennamuu danda’eera.
Caffee keessatti Abbaa Bokkuufi Qaalluun sadarkaa walgiturratti argamu. Gadaa keessatti akka qaama ulfina guddaattis eeramu. Bokkuun kan Gadaa dursu yoo ta’u, Qaalluun immoo kan Gadaa eebbisuufi Muudaa kennuudha.
Caffeen akka qaama gaggeessaatti, Abbaa Gadaa filatee qaamni seera raawwachiisu marti seericha akka hojiitti hiikan Abbaa Gadaan jaarraa sanatti kenna. Gadaan immoo akka caasaa isaa hanga gosaa, manaafi balbalaatti diriiru taasisa. Kanaaf, aangoon Sirna Gadaa akka miseensa Gadaa jaarraa (Waggaa 8ttan) sanaa mara bira ga’u ta’a. Abbootiin Gadaa jaarraa sanaas dirqamaafi ergama walqixxee ta’e qabu jechuudha.
Miseensi Gadaa sun yeroo sadarkaa Lubaarra ga’an mallattoo Abbaa Gadaa ta’uu isaanii kan ibsu alangaa Roobii qabatu. Kunis jaarraa waggaa saddeettan dhufan sana keessa kan isaan dursee murtii kennus ykn dubbatu akka hinjirre ibsa. Seenaa kanas Asmaroom akkasitti ibsee ture; “Gada is a method of ensuring that all groups take turns in assuming the authority responsibility to perform domestic labor, …. responsibility across the whole life course”.
Akkuma armaan dura eerame, Gadaan sirna miseensi isaa keessatti ijaaramee tuutaan gara aangoo olaanaatti dhufanii dirqamaafi itti gaafatamummaa bahaniidha. Kunis duulaafi ummata gaggeessuu, seera tumuu, walitti bu’iinsa araaraan hiikuufi dhumarrattis yeroo aangoo saanii xumuran, gara hojii Yuubomaatti seenuun gosa isaanii keessatti tajaajila keennuu ta’uu ni mala. Kanarraa ka’uun Gadaan aangoo ummata keessatti diriirsuun gahee olaanaa qaba jechuudha. Gadaan itti gaafatamummaafi dirqama dhaloonni namootatti kennu akka galmaan gahan kan isaan gargaarudha.
Caffeen Oromoo gosa gosaan ta’ee akka araddaa waliigalaatti iddoo murtaa’e tokko qabaachuu ni danda’a. Kunis ardaa miseensi tokko waggoota afurtamaan altokko itti godaanuufi Gadaan garuu waggoota saddeet saddeetiin itti jila gaggeessudha. Kanaaf, Caffeen araddaa Waayyuufi Hayyuuti malee teessoo Abbaa Gadaa jechuu miti. Caffeen lafa diriirtuu, nagaafi tasgabbii qabdu, kan seera tumuuf toltu, sagaleen nama jeequ kan itti hindhaga’amne, iddoo seerri itti tumamuufi labsamuudha ykn nagaati. Bakki kun bakka huummoon itti hinkorrisne, simbirri halkanii itti hiniyyine, sardiinni itti hindunne jedhamuun filatamee labsiin itti godhama.
Iddoo Caffeetti qachaa Gadaatu ijaarama. Kunis galma Abbaa Gadaa jedhama. Abbaan Gadaa qachaa Gadaa kanarratti jaarraa ofii xumurata. Kana booda guyyaa Baallii dabarsu ijoollee isaa akka bakka buusu waadaa galuun sirna maqaa baasaa gaggeessa. Iddoo tokko tokkotti sirna kanarratti warreen dhiiraa malees dubbartootaafis maqaan ni baha (moggaasatu kennama).
Maqbaasaa kanarratti maqaan kan bahu miseensa Gadaafiidha. Akka aadaa Oromootti, maqaa dhuunfaa kan baasu Abbaafi haadha mucaati. Kan intala ishee garuu yeroo baay’ee kan baastu haadha deessedha. Maqaan kun kan warra ishee biratti ittiin beekamtuufi hawaasni ittiin waamu ta’uu qaba.
Maqaan lammataa erga heerumtee booda kan warra dhirsaan kennamuuf yoo ta’u, maatiidhuma san warra dhirsaa keessatti kan ittiin beekamtu ta’a jechuudha. Maqaan kun yeroo baay’ee niitii lamaan hangafaafi quxusuu ta’aniif maqaa murtaa’e qaba. Fakkeenyaaf Ayyaantuu, Soorettii, Beektuu, Hortuu, Boontuu … jechuun ni danda’ama.
Qachaan jilaa akka galma Abbaa Gadaatti fudhatama. Abbaan Gadaa Galma hinqabu. Yeroo gumiin miseensa Gadaan gaggeeffamu malee Abbaan Gadaa tokko yeroo aangoo fudhaterraa jalqabee iddoo tokko kan taa’u otoo hinta’iin hawaasa keessa deddeemuun hojii bulchiinsaa raawwachiisa.
Kana malees, seerri Gadaa akkaataa seera aadaatiin haalaan hojjiirra oolaa jiraachuusaa hordofa. Abbaan Gadaa waraana murtaa’e kan miseensa sadarkaa Kuusaafi Raaba keessaa filataman qabaachuun biyya bulchiinsa itti gaggeessuurra marmaaruun nagaafi tasgabbii ummataa eegsisa. Diinni yoo dhufe duula labsee waraana gaggeessa. Qabeenyaafi maatii Abbaa Gadaa kan tiksu gosa isa filateedha. Nyaataafi galaa inni barbaadu kan dhiheessu ummata inni yeroo murtaa’eef irra qubateedha.
Ittifufa
Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.
BARIISAA SANBATAA Mudde 9/2014