Kutaa tokkoffaa
Seenaa mootummaa Sirna Gadaatti osoo hinseeniin dura jechi mootummaa jedhu kun hiika maal akka qabuufi seenaa hundeeffama isaa ibsuun barbaachisaadha. Akka galmee jechootaa Oksifordiitti “Mootummaa jechuun biyyaa akka gamtaatti walitti makameefi siyaasa tokkoon gaggeeffama, bulchiinsaafi ilaalcha siyaasaa walfakkaatuun kan hogganamuufi mootii tokkoon kan durfamu, akkasumas daangaa biyyaa murtaa’ee beekamu tokko kan qabu yoo ta’u, akkasumas hawaasa gamtoominaan waldeeggaruufi siyaasa tokkoon gurmaa’ee akka biyya tokkootti walijaareedha” jechuun hiika.
Gama biraatiin, beektonni saayinsii siyaasaa, seenaafi falaasama mootummaaf hiika adda addaa kennaniiru. Akka saayinsiin siyaasaa hiikutti, “Mootummaa jechuun ijaarsa ummataa namoonni keessatti gurmaa’an ta’ee, lafa (daangaa) murtaa’e tokko irra jiraatan, to’annaa biyya ambaa (alaa) irraa walaba kan ta’aniifi bulchiinsa qabaatanii isaafis ummanni baay’een kan fedhii isaaniitiiniifi humnaanis bulan jechuudha” jedha. Kanaafuu, mootummaa tokko mootummaa kan isa taasisu ulaagaalee afurtu jiru. Isaan keessaa tokko illee yoo hir’ate mootummaa ta’uu hindanda’u jedhu. Ulaagaaleen kunniinis:
1.Ummata (hawaasa) ykn mootummaan uummata sabummaan isaa tokko ta’e ykn ummattootaan ijaaramuu danda’a kan jedhan ni jiru.
2. Lafa teessumni isaa daangeffamee beekame (territory): lafa murtaa’e tokko irratti aangoon mootummaa tokkoo of mul’isuu qabu;
3. Bulchiinsa (government): mootummaan tokko bulchiinsa malee jiraachuu hindanda’u. Bulchiinsi sirna ummataafi mootummaa walitti qaba;
4. Birmadummaa kkn walabummaa (sovereignty): mootummaan tokko walabummaa ummataafi daangaa bulchaa jiru kabachiisuu qaba. Yoo kana ta’e biyya of dandeesseefi mootummaa walaba ta’edha jechuun ni danda’ama.
Akka seenaatti, yeroo mootummaan itti ijaaramu eegaleefi eessaa akka madde hanga yoonaatti kan sirriitti beekameefi irratti waliigalame hinjiru. Haa ta’u malee, waa’ee ka’umsa mootummaarratti yaaxina ykn (theory) adda addaatu jira. Isaanis:
Mootummaan dirqama birokraasii ykn bulchiinsa ammayyaafi hojii waajjira ammayyaan walxaxame qofa kan hammate osoo hinta’iin hawaasa bifa kamiinuu wal ijaaruun jaalalaanis ta’e humnaan biyya tokko siyaasa walfakkaatuun kan gaggeessudha.
Bifuma wal fakkaatuun mootummaan sirna Gadaas ulaagaalee armaan olitti ka’an kan guutudha. Bulchiinsa Sirna Gadaa keessaa tokko umuriifi gamtaa umuriin kennamerratti hundaa’een ummatasaa ijaaruun jalqabaa kaasee hanga sadarkaa olaanaatti dirqamaafi ittigaafatamummaa kennuun bulchiinsa gaggeessuudha. Qoodinsi umuriifi sadarkaa Gadaa kun waltarree (maddii) kan deemuufi tokko kan biraarraa adda kan ta’u miti. Kunis hojiifi dirqamni qoodinsa hojii walqabatee kan deemudha. Adeemsiifi dirqamni hojii dhalootaan qoodanii hawaasa ijaaru. Qoodinsi dirqamaafi itti gaafatamummaa kun seenaa Pilaatoon dhaloota Kiristoos dura bara (427-347 B.C.) keessa tureen waliin wal fakkaata.
Barreeffami kun qorannoo waggoota 20 dura naannoo Oromoo Tuulamarratti kan hunddaa’e yoo ta’u ammas qorannoon godhamu baay’ee kan adda ta’u miti. Gadaan Oromoo hundda biratti ni beekama seerri isaas walfakkaataa haa ta’uutii akka qilleensaafi qabeenya naannoo jiruun wanttoonni adda ta’an ni mu’latu. Kanaaf yoo mamaakan “Gadaan Aabboo Ganda Ganduma Hunddeen ishee garuu tokkumaa “ jedhu
Gadaan Mootummaa bu’urri isaa ummata ta’een kan ijaarameedha. Miseensi mootummaa tokko waggoota 8 (saddeet) kan hogganu ta’e garee akka sadarkaa isaatti isa gargaaraniifi gorsaniin kan utubamaniidha; ykn mootummaa miseensi walannaa ta’e gamagamuufi kan miseensi aanggoo dabarse barsiisuufi gorsu gamtaan hojjatan baay’ee deemookratawaa ta’e tureedha.
Fakkeenyaaf miseensi Roobalee yoo ummata hogganu Meelbaan Raaba ta’ee biyyaa eega, Michilleen (Muudanni) immoo akka poolisii ykn Kuusa ta’ee Abbaa Gadaaf kan eergamu yoo ta’u, abbootiin isaanii hayyuu olaanaa ta’uun Abbaa Gadaa Roobalee waliin ni hojjatu. Bifa kanaan mootummaan sirna Gadaa bara Gadaa misseensa tokko miseensi sadii walfaana hojjatu jechuudha.
Kana malee hojiin mootumma Gadaa gosaan kan hiramu ta’ee hundumtuu akka naannoo ofiitti walbulcha. Oromoon Tuulamaa Oromoo Maccaa bira deemuun ykn Weeraruun sin bulcha hinjedhu. Kun safuu Oromoo ykn Gadaa cabsuudha. Hundumtuu seera Gadaan tokko ta’uun iddoo jiraatanitti walbulchu. Haata’uutii garuu akka miseensa Gadaatti itti makamuun waliin jiraachuun ni dandda’ama.
Mootummaa sirna Gadaa keessatti gaheen miseensa Gadaafi hojiin gita ykn sadarkaa umurii miseensa keessatti hojjetamuu qaban waanti baay’een isaa yaaxina (theory) Pilaatoo waliin walfakkaata. Seenaan sirna Gadaafi sadarkaaleen Gadaas yeroo isaatti haalaan ifa waan hinta’iiniif ykn hingalmaa’iniif malee hawaasa isaa bifa tokkoon ijaaruu bira dabree gurmuu ykn miseensa ykn paartii shanitti qooduun dabaree dabareedhaan miseensaaf dhalootaan yeroo murtaa’e tokkotti akka aangoo qabatanii biyya bulchan taasisuun isaa kan nama ajaa’ibudha ykn dinqisiisudha.
Biyyoonni addunyaa waa’ee paartii ykn jaarmiyaa siyaasaa haala ammayyaan osoo hinqindeeffatin aadaa bulchiinsa gaarii otoo hinshaakalin dura Oromoon garuu Gadaadhaan wal-bulchaafi walitti bu’iinsa tokko malee itti gaafatamummaa walii qooduun aangoo eebbaafi jaalalaan walii dabarsaa ture.
Itti fufa
Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 11/2014